0% found this document useful (0 votes)
295 views236 pages

Anaa Fi Amerikaa Xumura Final Script-1

Jabaadhu dhaabbadhu

Uploaded by

Hundanol Oromoo
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
0% found this document useful (0 votes)
295 views236 pages

Anaa Fi Amerikaa Xumura Final Script-1

Jabaadhu dhaabbadhu

Uploaded by

Hundanol Oromoo
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
You are on page 1/ 236

EEBBISAA BAAYISAA

ANAA FI
AMERIKAA

SEENAAWWAN GAGGABAABOO KAN BIROO


WALIIN
Seenaawwan Gaggabaaboo

© Ebisa Bayissa Abetu 2016

All rights reserved.

Kitaaba kana guutummaattis ta’e walakkaa isaa irra


deebi’anii maxxansuun seeraan nama gaafachiisa.
Heyyema barreeffamaa barreessaa harkaa fudhachuun
garuu hamma ta’e eeruun ni danda’ama.

Maxxansa jalqabaa: 2016

Eebbisaa Baayisaa Fuula 2


Seenaawwan Gaggabaaboo

Na harkaa fudhadhu!

Obbo/Aadde ____________________________f

Jireenyi qabsoodha. Anaa fi atis qabsoo jireenyaa guddaa


waliin dabarsineerra. Karaa dheeraa waliin deemneerra.
Mudannoo danuu waliin qabna. Bara jireenya koo
namootan hin irraanfanne keessaa tokko si'i. Nan beeka.
Kitaabni kun oolmaa kee isa guddaaf deebii hin taatu.
Ta'ullee, dubbistee waan baay'ee akka irraa barattu,
ittiinis akka na yaadattu kitaaba Eebbisaa kan Anaa fi
Amerikaa jedhu kana yeroon siif kennu gammachuu
guddaatu natti dhaga'ama. Umuriin kee naaf haa
dheeratu!

________________________________ irraa

Guyyaa ________________________

Yoomiyyuu waan gaarii hundumaan siif hawwa!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 3


Seenaawwan Gaggabaaboo

Yaadannoon kitaabichaa

Tokko jedhee ijoollummaatti akkaataa barreeffamaa kan


na barsiise, jaalala abbummaa isa irraa eegamu hamma
barbaachisu gararraatti naaf kennuudhaan akka ta’utti
kan na guddise, waa dubbisuuf fedha akkan horadhu kan
na bukkee dhaabate abbaa koo barsiisaa Baayisaa
Abeetuu Aagaaf. Baayisaa koo! Baayoloojii fi
Saayikoloojii malee kollejjiin og-barruu na barsiise hin
jiru. Waaqayyotti aansee situ nama yaada isaa
barreeffamaan ibsachuu danda’u na taasise. Kitaabota
gaggaarii naaf bituudhaan, dabtaraa fi kobbee naaf
kennitee guyyaa tokkotti hamman barreessee akkan oolu
naaf laattee jaalalaan hojii isa ati na shaakalsiifte isa bara
ijoollummaa sana har’as nan yaadadha! Jaalalli ani siif
qabu daangaa akka hin qabne atiyyuu beekta. Umrii kee
akka naaf dheeressu yeroo hundumaa Waaqayyoon nan
kadhadha. Naaf jiraadhu!!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 4


Seenaawwan Gaggabaaboo

Baafata
Yaadannoon kitaabichaa ................................................. 4
Galata .............................................................................. 6
Seensa .............................................................................. 8
Anaa fi Amerikaa .......................................................... 11
Turtii Daqiiqaa 45 Walii Wajjin.................................... 38
Mana Yaadaniitti ........................................................... 54
Haa Ga’u Nagaan Koo .................................................. 74
Simbooloojii .................................................................. 89
Miira Miidhame! ......................................................... 114
Yaa’ii Isaanii Waa’ee Keenya ..................................... 141
Guyyaa Gurraacha ....................................................... 171
Du’a Garasitti .............................................................. 194
Lubbuu Kee Mararfadhu! ............................................ 209
Dhibbisaa fi Kuullee.................................................... 229

Eebbisaa Baayisaa Fuula 5


Seenaawwan Gaggabaaboo

Galata
Duraan dursee isa karaa hundumaa na gargaare, yaada
koo barreeffamaan ibsachuuf isa dandeettii naaf kenne,
isa eegumsa isaatiin waan hedduu keessa na dabarse,
“JIRAADHU!” naan jedhee isa addunyaa kanarra
jiraachuuf carraa naaf kenne WAAQAYYOON guddaan
galateeffadha. Wanti naaf ta’e marti isa biraati.

Namoota kitaabota koo kanaan duraa hunda dubbistanii


yaada ijaarsaa naaf laattan mara isinan galateeffadha.
Hamilee fi jajjabinni isin naaf gumaachitan, itti fufee
kitaaba biraa kana maxxansuuf humna naaf ta’eera.

Roobeeraa Hinsarmuu (abbaa mana maxxansaa fi


beeksisaa Raajii): Kan kee adduma. Situ kitaaba kana
harka dubbistoota koon naaf ga’e. Qola kitaabichaa
akkanatti miidhagsitee hojjetteetta. Gatii kee seenaan siif
haa deebisu!

Dr. Wandimmuu Taganyee, Dagaagaa Baayisaa, Dr.


Gurmeessaa Inkoosaa: barreeffama kana wixinee isa
jalqabaa ilaaltanii, sirreessitanii, daran naaf
miidhagsitaniittu.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 6


Seenaawwan Gaggabaaboo

Yeroo keessan isa naaf kennitaniif Waaqni gaarummaa


isaan isiniif haa deebisu. Naaf jiraadhaa!

Walumaa galatti, namoota karaa adda addaan na


gargaaran mara maqaa waamee hin fixu. Hedduu waan
ta’aniif. Hunda isaanii guddaan galateeffadha.

Barreessicha

Eebbisaa Baayisaa Fuula 7


Seenaawwan Gaggabaaboo

Seensa
Seenaawwan gaggabaaboo dubbisuu baay’een jaalladha.
Yeroo baay’ee garuu afaan Ingiliziidhaan kanneen
barreeffamanin dubbisa. Sababni isaa afaan keenyaan
kan barreeffaman seenaawwan gaggabaaboon hagas
mara hedduu miti. Kitaabota qubaan lakkaa’aman
duwwaatu jiru. Kun immoo akka rakkina tokkootti natti
mul’ate. Rakkina kana furuufis gama koon waa gochuu
akkan qabun murteesse. Kitaaba tokko kan
asoosamawwan gaggabaaboo qabate qopheessee
maxxansiisuu. Maaliifan hin barreessu? Anaa fi
Amerikaan—bu’aa murtoo kanaati.

Kitaaba Anaa fi Amerikaa jedhamu kana keessatti


barreeffamoota kalaqaa argattu. Seenaawwan kanas
addunyaa mataa kootii uumee keessatti barreessuu
yaaleera. Akka abaluutti barreesse akkan hin jedhamne
eeggannoo guddaanan hojjedhe. Eenyummaa mataa
kootii qabaadhee, of danda’ee dhaabbachuun fedha.

Seenaawwan tokko tokko akka salphaatti hubatamuu


danda’u. Kaan immoo ni cimu.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 8


Seenaawwan Gaggabaaboo

Ergaa isaanii argachuuf deddeebi’anii dubbisuu gaafatu.


Garuu waa tokko nan amana.

Seenaawwan hundi ergaa mataa isaanii kan dabarsan


akka qaban. Namni dubbise hundi ergaa isaanii kana
akka argatu nan amana.

Dubbisaa! Wal dubbisiisaa. Sabni muuxannoo dubbisuu


hin qabne balaa guddaa irra jira; egeree isaafis ija jabina
hin qabu. Warri baay’ee dubbiftan immoo barreessaa.
Dubbisuu fi barreessuun alatti karaan ittiin og-barruu
Oromoo guddifannu hin jiru. Akka itti fuudhaa ta’ee
garuu ijoolleen Afrikaa waa barreessuu hin jaallannu.
Waraqaa tokko barreessuu mannaa sa’atii sadii teenyee
haasa’uu jaallanna. Oduu baay’ifna. Dhukkubni kun
atattamaan fayyamuu qaba. Keessumaa dhaloonni
haaraan seenaa kana jijjiiruu qaba. Barreessuu,
barreessuu fi barreessuu qaba.

Kitaaba kana dubbisuuf yeroo keessan isa wanti bakka


isa bu’u hin jirre waan kennitaniif al tokko isin
galateeffachuun barbaada. Yeroo dubbisaa gaarii isiniif
hawwaa, mee gara isa itti aanuutti haa darbinukaa!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 9


Seenaawwan Gaggabaaboo

Eebbisaa Baayisaa Abeetuu

Email: ebabayissa@gmail.com

Bilbila: +251 9 38 05 60 85

Facebook/Eebbisaa Baayisaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 10


Seenaawwan Gaggabaaboo

....1....

Anaa fi Amerikaa

Dhiisi.....

Dhiisi tasgabbaa’i cal jedhi garaa koo

Wanta bu’aa hin qabne hin yaadiin sammuu koo

Bakka uumaan filee keessatti si uume

Iddoo itti dhalatte biyya siif kenname

Asuma siif wayya dachee alagaa hin hawwiin

Fooniin as jiraattee yaadan achi hin ta’iin

Dhiisi....

Wayiifan siin jedhe biyya kee siif wayya

Eessaayyuu hin argattu dachee akka Oromiyaa!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 11


Seenaawwan Gaggabaaboo

Sadaasa 21, bara 2011. Ganama sa’atii 8:45 tti ture


bilbilli kan naaf bilbilame. Bilbila koo baasee yoon
ilaalu, ilma wasiila kootii, Amaanu’eltu naaf bilbilaa
jira. Amaanu’el Dinagdee. Yeroo akkanaa naaf bilbilee
hin beeku. Har’a maaltu taanaan ganamaan akka naaf
bibile wallaalee bitaa na galus, kutaa hojii keessaa gad
ba’een bilbila irraa kaase. Amaanu’el waliin firooma
qofaa miti kan qabnu— hiriyyaadhas. Ijoollummaatti
waliin waan baay’ee dabarsineerra. Inni mucaa
Finfinneeti, ani immoo mucaa baadiyyaati. Ganna ganna
yeroo manni barumsaa cufamu maatiin akka inni nu
biratti dabarsuuf gara keenyatti ergu. Innis dhufee
jireenya baadiyyaa isa waan hedduu of keessaa qabu nu
waliin dabarsa. Qorra isaa, bokkaa isaa, mucuca isaa,
kufaatii isaa....hunda wajjin dabarsina. Asheeta waliin
nyaanna.

Finfinneetti dhalatee guddachuu isaa irraan kan ka’e


Afaan Oromoo haalaan hin dubbatu. Garuu ni dhaga’a.
Maaliif akka maatiin isaa isa hin barsiifne gaafannaan,
mana keessaa isaaniyyuu yeroo hedduu afaan alagaa
akka dubbatanii fi gaafa icciitii ijoollee isaanii dhokatu

Eebbisaa Baayisaa Fuula 12


Seenaawwan Gaggabaaboo

haasa’uu barbaadan duwwaa akka isaan Afaan Oromoo


haasa’an nutti hime. Ni gaddine. “Akkamitti afaan
keenya afaan ittiin icciitii qofaa haasa’an ta’aa?” jennee
aarree finiinne.

Namoonni ollaa keenyaa tokko tokko yeroo Amaanu’el


dhufee afaan keenya haasa’uu dadhabu Oromoo ta’uu
isaa amanuu dhabu. “Nu sossobdi malee namittiin kun
jara!” jedhu. Amansiisuuf ragaan guddaan nuti
fayyadamnu maqaa abbaa isaa maqaa wasiila koo obbo
Dinagdee Caffooti. Obbo Dinagdeen dur barnootaatti
cimaa waan tureef, digirii isaa jalqabaa akkuma
xumureen hojiif Finfinneetti ramadame.

Utuma hojjechaa jiruu gaaf tokko akka tasaa dogoggore.


Akaakayyuun koo obbo Caffoo Raagaa intala nama
guddaa tokko dubbataniifii fuusisuuf marii hunda fixanii
utuu jiranii Dinagdeen dogoggore. Dogoggora guddaa.
Hojii mana keessaa sirriitti hin beeku, utuu beekees
hojjechuuf yeroo ga’aa hin qabu. Kanaaf Firehiwot kan
jedhamtu dubartii tokko hojjettuu mana isaa taasisee
qacarate. Firehiwot umriidhaan isa caalti.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 13


Seenaawwan Gaggabaaboo

Garuu fuula keessa bareeddi. Guyyoota keessaa guyyaa


tokko ittoo isaaf hojjechuuf dhuftee mana seente.

Yeroo baay’ee yeroo inni mana hin jirre ture kan isheen
nyaata hojjettuuf. Hojjettee keesseefii deemti. Innis
fudhatee nyaata.

Guyyaa sana garuu ittuma yaaddee ta’uu hin oolu, uffata


haphii tokko uffattee utuu inni mana jiruu dhuftee itti
seente.

Guyyaa sana, guyyaa abaaramaa sana, guyyaa yeelloo fi


qaanii sana, guyyaa itti waadaan abbaa ofii waliin galan
diigame sana....guyyaa sana haala qullaa jechuun
danda’amuun dhuftee fuula isaa dura olii fi gad
gugguuftee ittoo hojjechuu eegalte. Shan bira darbitee
shan achii as deebite. Akka isheen godhattu wallaale—
Dinagdeen. Kanaa immoo akka itti fuudhaa wayii uffata
hirribaa uffatee siree isaarra ciisee dubbisaa ture. Haala
rakkisaa akkanaa keessatti waan hin taane uffattee, waan
hin taane yaaddee, waan hin taane qopheeffattee, yeroo
hin taanetti itti dhufte.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 14


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Ijaa fi Saree ganda hin lagan!” jedhanii inni abboonni


keenya mammaakan yoom soba ta’e? Siree isaarra ciisee
ilaale—yeroo isheen mataa ishee achi gara galchitee gad
jettee ittoo hojjettu, yeroo isheen ol jettu, yeroo isheen as
dhi’aattu, yeroo isheen achi fagaattu, yeroo isheen ija
keessa ilaaltee ilkaan ishee miidhagaa sanaan itti kolfitee
xiyya ittiin onnee isaa waraantu itti darbattu....kana
hundumaa ciisee ilaale. Ibiddaa fi cidii....

Dinagdeen fala dhabe. Waadaa abbaa isaaf seene isa


gaafa Yuunivarsiitii Haramayaadhaa eebbifamee manatti
deebinaan abbaan isaa isa kaksiisanii yaaduuf yeroo hin
arganne.

“Ilma koo! Hamma ammaatti sitti gaddee hin beeku.


Ammas adaraa waadaa tokko naaf seeni. Durba biyya
abbaa kee malee eessaayyuu hin fuudhin. Kan
eenyummaa kee, dugda-duubee kee, afaan kee, aadaa
kee, duudhaa kee, safuu kee, maatii kee fi hawaasa kee
haalaan beektu fuudhuu yoo baatte eebbaaf siif hin ta’in!
Ani intala nama guddaa dubbadheen si fuusifadhaa ati
tole naaf jedhi!” jennaan isa itti walii gale waadaa jabaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 15


Seenaawwan Gaggabaaboo

cabse. Firehiwotiin ilaalee ilaalee....isaaf gamnaan wajjin


sagaagaluuf murteesse. Ija ishee eeggatee yeroo isheen
gara isaa ilaaltu mallattoodhaan harka isaan waamee gara
sireetti afeere. Gammachuu daqiiqaa shaniif
cubbuudhaan facaasee abaarsa galfate.

Firehiwot Weldekidaan akkasitti iddoo garaa ishee


geesse. Ji’a lamaan sun ta’etti ulfa ta’uu ishee ogeeyyii
yaalaan mirkaneeffattee Dinagdee keenyatti heerumte.
Isheef gaa’ela Dinagdeef garuu mana hidhaa ture. Intalli
nama guddaa abbaan isaa isaaf haasa’e qilleensa irratti
hafuun ishee, abbaan isaa kabajaan mucaa nama guddaa
gaafatee salphinaan deebi’ee galuun isaa, walumaa
galatti maatiin isaa mandaraa fi hawaasa keessatti
kabajamee jiraate keessatti yeelloodhaan mataa gad
qabachuun isaa....isa gaddisiise. Akka ibiddaa isa gube.

Dinagdeen ergasii yoo du’a lubbuu namaa taanaan


dhufee halkan tokko bulee deebi’een ala karaa qe’ee
keenyaa hin ba’u.

Egaa Amaanu’el kun karaa abbaa isaa fira keenya, karaa


harmee isaa garuu.... Firehiwot ijoollummaa isheetti

Eebbisaa Baayisaa Fuula 16


Seenaawwan Gaggabaaboo

maatii afaan keenya beekuuf hojjettuu manaa taatee


jiraachaa waan turteef afaan keenya dubbachuu haalaan
dandeessi. Garuu dubbachuuf fedhii hin qabdu. Ijoolleen
ishees akka dubbatan hin barbaaddu. Kanaaf ganna
ganna yeroo isaan baadiyyaa dhufan itti hin gammaddu.
Dinagdeema sodaattee, “Ishi baqqaa yihiduu!” jetti.
Dinagdeen garuu gama isaatiin akka isaan nu bira—
godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa—
dhufan akka malee barbaada. “Jireenya ani keessatti
dhaladhee guddadhe haa argan!” jedha.

Amaanu’el Afaan Oromoo wallaaluun isaa anaan homaa


natti hin fakkaatu.

Harmeen isaa intala Waldekidaan ta’uun ishees natti hin


ho’u. Oromummaan dhiiga qofaa natti hin fakkaatu—
kaayyoo dhas. Oromummaan ilaalcha dha. Afaan
dubbachuu danda’uu fi dadhabuun Oromummaa hin
murteessu.

Anaaf—akka kootti—Oromoo oromummaa isaatti


yeella’u mannaa qomoo biroo kan Oromoo jaallatu naaf
wayya. Amaanu’el immoo gama kanaan hin komatamu.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 17


Seenaawwan Gaggabaaboo

Oromummaaf quuqama guddaa qaba. Ganna ganna


yeroo nu bira dhufus afaan keenya sirriitti dubbachuu
danda’uuf baay’ee tattaafata. Anis nuffaa fi dadhabbii
tokko maleen isa barsiisa.

Dheengadda galgala teenyee utuu taphannuu waa'ee


nama isa waliin walitti bu'e tokkoo naaf hime. Namichi
sababa malee akka isa jibbu, waa'ee isaa waan nagaa
akka inni hin dubbanne, carraa argate maraan akka isa
cunqursuu fi baay'ee akka isa aarse natti himate. Akka
natti himetti yoo ta'e Amaanu'el akeekkachiisa dhumaa
namichatti kenneera. Yoo ofii isaaf jedhe akka nagaa
buusu haalaan akeekkachiiseera. Dubbii inni dhuma
irratti natti dubbate na kofalchiiseera. Yeroo namicha
akeekkachiisu maal akka isaan jedhe Afaan keenyaan
akka natti himuuf gaafannaan, "'Oromoon waan jette hin
dhageennee? Yaa cewu yoo ofii keef jette xaaffaxi.
Aalebelezziyaa dingaayiidha jedhanii si warawwaruu!"
ittiin jechuu isaa naaf hime. Dubbiin kun mammaaksa
isa, "Yaa soogiddaa yoo ofii keef jette miyaa'i; ta'uu
baannaan dhagaadha jedhanii si gatuu!" jennee
mammaaknudha.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 18


Seenaawwan Gaggabaaboo

Amma gurguddannee....barannee....xumurree inni


akkuma abbaa isaa Finfinneetti ramadame. Ani immoo
carraan abbaa koo ganamaa na gad-dhiisuu didee ogeessa
yaalaa ta’ee baadiyyaa fagootti ramadameen achi jira.
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Haroo Limmuutti kan
argamtu magaalaa Sugee. Magaalaa xiqqoo kan
tilmaamaan namoonni kuma tokko hin caalle keessa
jiraatan. Waan hedduun boodatti haftuu fakkaattee garuu
qabeenya uumamaan kan badhaate. Kan magarisi ishee
haguugee jiru daw’atamee daw’atamee hin quufamne.

Kan horiin ishee keessa jiru akka malee namatti tolu.


Biyya aannanii, biyya dhadhaa, biyya cumboo, biyya
dammaa, biyya bookaati—Sugeen. Kanaan dura bilbilli
sochootuun (Mobile) hin turre. Karoora guddinaa fi
tiraanisfoormeeshinii jedhanii dheengadda dhi’oo
neetwoorkii nuuf fidan.

Rabbiin galateeffannee atattamaan bilbila bitanne.


Amma giiphiitti baadhannee yaana. “Haloo....!” jenna.

Dhukkubsataa namni reebee jennaan xiqqoof du’arraa


oole tokko yaalaa utuun jiruu ture egaa Amaanu’el

Eebbisaa Baayisaa Fuula 19


Seenaawwan Gaggabaaboo

ganamaan kan naaf bilbile. Ni du’aa fi ni oolaan isaa hin


beekamu. “Waaqayyo ni fayyisa, ogeessi yaalaa immoo
maallaqa isaa fudhata!” jedhu mitiiree? Yooma Rabbi isa
fayyise malee karaa keenya abdiin isaa qal’oodha.
Bilbila kan naaf bilbile egaa Amaanu'elidha. Utuu nama
biraa ta’ee haala kana keessatti irraa hin kaasu. Namuusi
ogummaa fayyaas sana naaf hin heyyamu. Garuu maal
godhu? Amaanu’eliim! Nama waan baay’ee na wajjin
dabarse, nama waan baay’ee na barsiise, nama waan
baay’ee narraa barate.....suuta jedhee gad ba’een kaase.

“Haloo Amee!” (Yeroon masifadhu Amee


jedheen waama.)

“Haloo Kumarraa Aboo baga das si jedhe! (Baga


gammadde jechuuf)”

“Maal inni maaltu ta’ee?”

“Diivii (DV)n haminaa (barreengaddaa jechuuf)


guutte sun siif ba’ee jira.”

“Hin amanu; Amee hin amanu!” (Sagalee koo ol


kaaseen iyye.)

Eebbisaa Baayisaa Fuula 20


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Amantus dhiistus siif dhufeera. Kaleessa


deemneetoo cheekii goone (mirkaneessine
jechuuf). Amma fixinetiidhaan (ariitiidhaan)
dhuftee foormii (unka) akka guuttu.”

“Amee, akkuma amala kee qoosaa jirtamoo


dhugaa keeti?”

“Maariyaamii!
Hinsobu.Argatteettaa....argatteetta!”

“Tole, nan dhufa. Guddaa galatoomi!”

Bara darbe boqonnaa xiqqoon qabu Amaanu’elfaa biratti


dabarsuuf Finfinnee deemee achitti Diivii (DV) guutuu
koon yaadadhe. Eyyeen, guuteera. Garuu naaf deebi’a
jedhee guyyaa tokkollee yaadee hin beeku. Ergaa kana
akkan dhaga’een qaamni koo hundi kan nama biraa natti
fakkaate. Dhukkubsataan dhiisee gad ba’e tasuman
irraanfadhe. Nan na’e. Nan holladhe.

Onneen koo humna guddaan rukkutuu irraan kan ka’e


lafee laphee koo cabsitee waan lafa buutu natti fakkaatte.
Hafuurri koo na ciccite.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 21


Seenaawwan Gaggabaaboo

Fuula koo duraa muka Birbirsaa tokko argeen gaaddisa


isaa jala gad taa’e. Dafqa du’aatu narra cite. Akkuman
ta’u ta’ee of tasgabbeesseen xiqqoo waa yaaduutti ka’e.
Kun waan biraa miti, eebba uummata magaalaa Sugee fi
naannoo isheeti. Halkanii fi guyyaa isa ani isaan wajjin
rakkadhu, dhukkubsataa isaanii isaaniif kunuunsu,
dhukkuba isaanii fayyisuuf hamma naaf danda’ame
hunda yaaluuf jecha isa isaan na eebbisantu na qaqqabe.
Eebba abbootii, eebba harmoolii, eebba xixiqqaa, eebba
gurguddaa,..... eyyee kun eebba uummata Sugeeti
jedheen yaade. Natti mul’ate. Egereen akka malee
bareedu ija koo dura dhufe.

Inni ani deemee Amerikaatti jireenya haaraa eegalu, inni


ani mana guddaa ijaarradhu, inni ani konkolaataa jira
jedhamu bitadhee oofu, inni ani hojii filatamaa hojjedhu,
inni ani waanan barbaadu hundumaa argachaa
jiraadhu....hundi tokko tokkoon natti mul’ate. Harka koo
mirgaa garasii fi garanatti raaseen nagaatti yaa uummata
Sugee jedhe. Wajjin nyaannee wajjin dhugnee, waliif
iyyinee waliif birmannee, wajjin gammannee wajjin
gaddinee yaadannoo baay’ee kan wajjin qabnu yaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 22


Seenaawwan Gaggabaaboo

uummata Sugee yaa uummata Bariisoo nagaatti!


Amerikaa miti utuun Maarsi irra ba’eeyyuu gaarummaa
keessan hin irraanfadhu. Nagaatti! Yoon jedhu
dhukkubsataan ani du’aa fi jireenya gidduutti dhiisee
deeme natti yaadatame. “Yaa Diivii! Hojii kee nyaadhu,
dhukkubsataa du’aaf wargamu na irraanfachiiftee”
jedheen ariifadhee itti ol seene. Baay’ee nama gaddisiisa.
Gargaarsan taasisuufii qabu yeroodhaan hin kennineef.
Ariifadhee yommuun kutaa ciisicha isaa seenu akka
deebi’ee hin dammaqnetti hirriba boqonnaa bara baraa
rafeera.

Akka waanan lubbuu namaa ajjeesee natti dhaga’ame.


Gaddee gaddee dhiisuun dadhabe. Imimmaan ijatti na
guute...

Diiviin akka naaf ba’e ergan dhaga’ee jiruu fi jireenyi


koo Amerikaa ta’eera. Yaadaan achin jira. Achin oola,
achin bula. Naaf hin dhi’u, yoo dhi’e hin bari’u.
Hamman Finfinnee deemee unka jedhame guututti
torban tokko hamma waggaa tokkoo na jalaa dheerate.
Finfinneetti maatiin wasiila koo sagantaa “Ana haa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 23


Seenaawwan Gaggabaaboo

dhufuu” naaf qopheessanii na eegan. Wasiilli koo


Dinagdeen Imbaasii USA keessaa waan hojjetuuf
rakkoon hedduun na hin mudanne. Wantota narraa
eegaman hunda galgala galgala manatti na barsiisa. Isa
booda “Hamma OK n siif dhufutti deebi’ii gali” naan
jedhan. Wasiilli koo, “Egaa sammuu kee amansiisuu kan
ati qabdu dhimmi tokko jira. OK n dhufuus dhufuu
dhiisuus ni danda’a. Akka deemtu kan ati mirkaneeffattu
gaafa inni siif dhufedha. Yoo inni achumaan hafe hin
deemtu jechuudha. Kanaaf yoo hafe akka itti hin
miidhamne!” naan jedhe. Utuman dafquun “tole” jedhe.
Waan biraan wanti ani jechuu qabu natti mul’achuu
dinnaan......

Galgala sana Amaanu’eelii fi obboleettiin isaa Tsahaay,


akkasumas hiriyyaan Amaanu’el Saamiin waa’ee Diivii
baacoo adda addaa kaasanii nu kofalchiisaa lafa nuuf
waarisiisan. “Luba tokkotu turan!” jedhee eegale—
Saamiin.

Yeroo hundumaa namoonni akka Diivii hin guunne


lallabu. “Eebbi keenya biyyuma keenya keessa jira.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 24


Seenaawwan Gaggabaaboo

Rabbi utuu eebbi keenya Amerikaa jira ta’ee achumatti


nu uuma ture. Asumatti jabaannee, asumatti wal
jabeessinee, asumatti hojjennee, asumatti guddannee
guddina keenya guutummaa addunyaatti argisiisuu
qabna! Kanaaf eenyullee akka Diivii hin guunne!” jedhu.
Isa booda gaaf tokko Diiviin isaaniif ba’e. Uummanni
ajaa’ibsiifatee aariidhaan akkana jedhee gaafate, “Maal
Lubaa, maal taatan? Nuun Diivii hin guutinaa jettanii ofii
guuttuu? Isiniif dhufnaan ‘process’ jalqabdanii oliifi gad
kaattuu?

Kun maal jechuudha?” jedhe uummanni keenya—miira


guddaa dheekkameen. Achumaan lubni deebii quubsaa
kennaniif—“Callisaa! Maaliif akka ani guute utuu hin
beekin ofumaa waan hin beekne hin haasa’inaa! Ani
Diivii kanan guute deemee achi jiraachuuf utuu hin
taane, warri kanaan dura Diiviidhaan deeman akka isaan
deebi’anii dhufan itti lallabuufan. Argitanii hamma
ammaatti Amerikaan karaa Diivii lammiilee keenya
kumoota hedduudhaan lakkaa’aman fudhatteetti. Kun
immoo nuun hedduu nu miidha. Deebi’uu qabu!
Deemeen kana itti hima!” jedhan lubni.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 25


Seenaawwan Gaggabaaboo

Uummanni deebii isaanii kanatti quufuu dhabus gaduma


qabee gumgumee lubaa fi maatii isaa geggeeffate. Gara
Amerikaatti, gara jennata ishee lafa irraatti, gara ishee
abjuu namoota hedduu taateetti......

Ji’ootaan booda ammas naaf bilbilanii dhaamsa baga


gammaddee naaf dhaaman. Maali jennaan, “OK tu siif
dhufe” naan jedhan. Ani durumaanuu hin shakkine.
Cubbuun eebba saba garraamii shakkuu caalu mee
maaltu jiraa? Ammas Finfinnee deemeen adeemsa jiru
xumure. Namni geejjiba naaf kaffalu dhibnaan hiriyyaan
wasiila koo tokko kan lamaan keenyaa nuuf kaffalee
mucaa intalaa isaa na wajjin ergachuuf waadaa seene.

Anaaf moo ofiif jedheeti laata? Lachan keenyaaf jedhee


ta’a. Jireenyi yoo akkana taate miyoofti. Yoo wal
gargaaran, isa inni tokko dhabe inni tokko yoo kenne—
jireenyi yoos miyoofti. Ani carraan qaba maallaqa hin
qabu. Jarri maallaqa qabu garuu carraa Diivii hin qaban.
Ani carraa isheen immoo maallaqa walitti fidannee, kan
qabnu walitti dabalannee kunoo Helen wajjin Amerikaa
deemaa jirra. Gargaarsa Dinagdee irraa kan ka’e baay’ee

Eebbisaa Baayisaa Fuula 26


Seenaawwan Gaggabaaboo

utuun hin rakkatin, gaaffii Imbaasiin jaraa nu gaafate


haala nama hin ariisifneen deebifnee Viisaan nuuf
kenname. Guyyaa sana gammachuun gammade jireenya
koo keessaa gammachuu isa guddaadha jedheen amana.
Isa duras isa boodas akkas gammadee hin beeku. Mana
Amaanu’elfaa jala karaa boroo ba’een ija isaanii
ilaalladhee Finfinneetti harka koo raase, “Nagaatti!
Finfinne nagaatti. Si keessa jiraachuu fi si keessatti
hojjechuu yeroo dheeraa utuun hawwuun kunoo kan si
caalu argadhe. Si bira darbeen deeme. Ganda Sugee
keessaa ba’een kunoo biyya Amerikaa deemaa jira.
Nagaatti. Finfinnee fi saba ishee nagaatti!” jedheen
manatti deebi’e.

Yoon achi ga’e baay’ee hin rakkadhu. Waggaa afur dura


ilmi adaadaa koo Abdiisaan Diivii argatee deemee
Kaalifoorniyaa, magaalaa Loos Aanjeles jiraachaa jira.

Teessoo isaan qunnamnaan rakkinni akka hin jirre


natti himee, na simatee hamman hojii argadhutti
akkan isa bira turu, rakkoon na mudatu akka hin
jiraanne waadaa naaf seeneera. Kanaafuu, deemee

Eebbisaa Baayisaa Fuula 27


Seenaawwan Gaggabaaboo

maalan ta’a kan jedhu yaaddoon na keessa hin jiru.


Utuu dhi’uu, utuu bari’uu guyyaan deemsa keenyaa
ga’ee anii fi Helen firootaa fi hiriyyoota keenyaan
marfamnee Buufata Xiyyaaraa Biyyoolessaa Boolee
deemne. Waaqni haa hafu nuuf haa jedhu malee waan
hin ta’in taaneerra jennee, nuti abbaa manaa fi haadha
manaadha jennee, waraqaa ragaa sobaa hojjetannee
waliin deemaa jirra. Maal goonaree? Dhugaaf jennee
Amerikaa hin deemin hafuu mannaa sobnee booda
Rabbiin dhiifama gaafachuun waan wayyu nutti
fakkaatee akkana taane. Nutti fakkaatee.... Dilbata
galgala ture kan balaliinu. Sirni geggeessaa ho’aan
erga nuuf taasifamee hunda isaaniitti nagaa dhaamnee
xiyyaara seennee deemsa keenya itti fufne.

Sa’atii dheeraa erga balaliinee buufata xiyyaaraa Diisii


(DC) gaafa geenyu, lachuun keenya namoota nu eegan
arganne. Kontoraanni gaa’ela keenyaas dhumee isheenis
firoota ishee wajjin anis Abdiisaa wajjin qajeelle.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 28


Seenaawwan Gaggabaaboo

Ergasii Helen wajjin wal hin argine. Akka addaan


baanetti hafne. Diisii bullee gaafa lammaffaa gara Loos
Aanjelesitti imala eegalle.

Wanti hundi haaraa natti ta’e. Biyyi keenyaa fi biyyi sun


hammam wal gatanii akka jiran yommuun ilaalu
haalaanan ajaa’ibsiifadhe. Amerikaan yoo xiqqaate
waggoota dhibbaa ol nu gattee deemteetti jedheen
gudunfaa qorannoo irratti hin hundoofne gudunfe.
Miidhaginnii fi gurguddinni gamoowwan isaanii,
akkamitti akka qulqullina karaa fi naannoowwan isaanii
eeggatan, iddoo namoonni hojiif kennan, waan hundi na
ajaa’ibe. “Time is gold!” jetti faranjiin jennee inni
qoosnu edaa dhugaa akka ta’e naaf gale.

Abdiisaa wajjin Loos Aanjelesiin geenyee kaafteeriyaa


Bright Hope Cafe jedhamu tokko keessa teenyee xiqqoo
taphanne. Abdiisaan akka durii miti. Dur hamilee guddaa
qaba. Yuunivarsiitii Jimmaa irraa barnoota Xiin-
dinagdee (Economics) dhaan qabxii ol-aanaa fidee
badhaasa warqeen eebbifame. Yuuniversiitichumatti
hafee waggaa lama erga barsiisee booda digirii

Eebbisaa Baayisaa Fuula 29


Seenaawwan Gaggabaaboo

lammaffaa akka hojjetu carraan kennameefii


Yuunivarsiitii Finfinnee seene.

Barataa waggaa lammaffaa ta’ee eebbaaf ji’oonni


muraasi yeroo isa hafan ture barnoota isaa addaan kutee
Diiviidhaan Amerikaa kan deeme. “Jabbiin eessa ga’a
jedhame lukti isaa mana foonii jalatti argame” jedhanii
akka mammaakan, “Gurbaan eessa ga’a jedhame
Amerikaa gale” jennee mammaaknee dhiifne. Bara inni
Diiviidhaan deeme sana akka waan inni dandeettii
sammuu isaan achi ga’ee namoonni waan hedduu jedhan.
“Ilmi abbaa Nagaasaa inni xinnaan sun silumaa
cimaadhaa kunoo Amerikaa deemuuf jedha jedhan”
jedhanii wal harkaa fuudhanii ho’isan—namoonni ganda
keenyaa.

Amerikaatti ergan isa argee garuu akka durii hamilee


waan qabu hin fakkaatu. Ofitti amanamummaan isaa inni
durii eessa akka irraa dhaqe hin beeku. Nama waa itti
bitaacha’e fakkaata. Waan ishee hin beeku malee waa
sirrii miti. Kaaffee teenyee taphachaa jirra. Nageenya
biyyaa na gaafatee ergan itti himee booda, waa’ee

Eebbisaa Baayisaa Fuula 30


Seenaawwan Gaggabaaboo

jireenya Amerikaa natti himuutti ka’e. “Argitee


Kumarraa!” naan jedhe. “Yeroo baay’ee biyya teenyee
waa’ee Amerikaa yeroo yaadnu jennata lafarraa nutti
fakkaatti. As dhufuun wanta guddaa nutti fakkaata.
Dhugaan isaa garuu akkana miti.

Biyya ofii keessa jiraachuu wanti caalu hin jiru” yoo


naan jedhu nan na’e. Maal? As moo? Amerikaa moo?
Attamitti?......

Akka dubbiin bitaa na galte bare. “Si sodaachisuuf miti.


Jiruu fi jireenyi Amerikaa namoota Diiviidhaan dhufaniif
mijataa miti. Hojii garaan kee itti gammadu hin argattu.
Eenyummaa keetti murteessitee jireenya kee guyyaa
guyyaa duwwaa mo’achuuf hojjetta” naan jedhe.

Nan dhaggeeffadha.....ni dubbata. “Amma fakkeenyaaf,


yeroo darbe abbaan koo na daw’achuuf dhufee ji’oota
sadii na bira turee deebi’e. Gaaf tokko akka
keessummaatti taa’ee sirriitti wajjin hin taphanne.

Ganama bariin ba’a—utuu inni hirribaa hin ka’in.


Galgala halkanin deebi’a—erga inni rafee booda. Dhuma

Eebbisaa Baayisaa Fuula 31


Seenaawwan Gaggabaaboo

irratti Baabboon natti aare. Baay’ee natti aare. Akka


waanan isaaf kabaja dhabeetti na fudhate. Nan gadde.
Dhuma irratti yeroon deebi’ee galuu isaa yommuu ga’u,
waajjira koo geessee akkan daw’achiisu na gaafate.
Cimsee na gaafate. Isa booda sababa meeqaa fi meeqa
tarreesseen dide.

Takka fagoodhan jedha, takka har’a waajjira hin seenu


hojii dirreen qaban jedha, takka immoo har’a guyyaa
guutuu wal ga’ii qabnan jedha.....sababa meeqa
funaaneen utuun hin geessin gara biyyaatti isa
geggeesse” yoo jedhu iji isaa aariidhaan diimate.

“Maaliif geessitee waajjira kee itti hin argisiifne? Maaltu


sababa kana hunda akka funaantu si taasisee?” jedheen
gaafadhe. “Dhiisi Kumarra! Waan siif hin galletu jira.
Amantus dhiiftus ergan biyya kana dhufee hojii waajjira
keessa teessisee na hojjechiisu hin hojjenne.

Takka konkolaataan eega. Paarkiingii isa jedhan kana.


Takka karaa asfaaltiin dhiqa. Takka biqilootan kunuunsa.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 32


Seenaawwan Gaggabaaboo

Kunoo amma ji’oota saddeet dura kaffaltii fooyyee qabu


tokko argadheen bakka qalma fooniidhaa hojjechaa jira.
Amma hojiin koo foon yeroo qalamu konkolaattaatti
fe’ee iddoo adda addaa geessuu dha. Hojiin akkanaa mee
waajjira akkamii namaaf kenna?” jedhe.

Nan na’e. Baasii geejjibaa tokko maleen uummata Sugee


isa namatti tolu yaade.

Isa akka killeetti kunuunsee of gidduu na jiraachisaa ture.


Isa waan gaarii qabu hunda anaaf hin mararfanne. Isa
jaalala keessa ba’ee Dookter jedhee maqaa kabajaa ani
hin qabneen na waamaa ture. Isan yaadadhe. “Carraan
koo Amerikaahoo maal ta’uuf jira?” jedheen yaade. Ilmi
adaadaa koo inni dandeettii sammuu addaa qabu erga
foon guura ta’ee, ani namni maallaqa abbaa koon
kollejjii dhuunfaatti neersii baradhee Sugeedhaa
hojjechaa turee dhufe....mee carraan koohoo maal haa
ta’u? Natti dukkanaa’e. Maal ta’an? Dinagdeenfaa,
Amaanu’elfaa, Firehiwotfaa kana hin beekan moo utuu
beekanii as na ergan? Hin wallaalan. Yoollee isaan kaan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 33


Seenaawwan Gaggabaaboo

wallaalan Dinagdeen namni Imbaasii USA keessaa


hojjetu hin wallaalu.

Itti fufee dubbataa jira—Abdiisaan. “Ana duwwaas miti.


Kanneen Diivii dhaan dhufne marti akkanumatti jirra.

Waan hojjetan dhabanii daandii irra kan jiraatan illee


hedduudha. Qalbiin isaanii kan darbe meeqaafi meeqa?
Waaqa hin dhibin—nutillee mana xiqqoo itti seennee
bullu qabna. Har’a taa’ee barnoota koo isan waggaa 4
dura addaan kutee dhufe yoon yaadu gadda natti
dhaga’amu siif ibsuu hin danda’u. Ilaali! Silaa yoona
digirii koo sadaffaa walakkeeffadheera. Waanuma
guddaa natti fakkaannaanan barumsa koo addaan kutee
dhufee hojii eenyummaa koo waliin hin deemne
hojjechaa jira. Al tokko barsiisaa Yuunivarsiitii namni
ture har’a foon yoo guuru mee maal jedhamaa?” jedhee
miira isaa isa miidhame narratti obbaafate. Yeroo
dheeraaf nama itti himatu dhabee har’a nama gurra isaaf
kennu argatee himatee of keessaa baasuuf waan dubbatu
fakkaata. Nama gurra beela’e!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 34


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Dr Oliiqaa Dambii kan jedhamu kanaan dura kilinika


dhuunfaa isaa banatee dhukkubsatoota hedduu yaalaa
ture__Wallaggatti. Wallaansa ijaan nama beekamaa ture.
Namoota hedduu jaamummaa irraa kan oolche, hawaasa
isaa keessatti jaallatama guddaa kan gonfate, nama
guddaa ture. Har’a kunoo buufata xiyyaaraa Diisii
keessaa lafa qulqulleessa. Hamileen isaa du’ee yeelloo
guddaan hojjechaa jira. Injiinar Gamteessaan buufata
boba’aa keessaa meeshaalee qulqulleessa.

Barsiisaa Abdiisaa kan jedhamu akkasuma Diiviidhaan


dhufee waajjira tokkoof hojii waardiyyummaa hojjechaa
jira. Seenaa hedduu hedduutu jira” jedhe.

Ani naasuu irraa kan ka’e akka muujjaa cooligee mataa


gad qabadheen taa’ee dhaggeeffadha. Carraa isaa
keessattan carraa koo kana boodaa madaala. Inni foon
guura taanaan ani immoo waanan gogaa horii guuru
fakkaatee natti argame. Inni Sugeetti natti mul’ate manni
guddaan, konkolaataan hammayyaa, hojiin
filatamaan....sun hundi faallaa ta’anii natti argamuutti
ka’an. Baay’ee akkan gadde itti himeen, akkana taanaan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 35


Seenaawwan Gaggabaaboo

yeroo ani dhufaa ture maaliif akka inni na hin dhorkine


gaafadhe. “Argitee Kumarra! As teenyee rakkina biyya
Amerikaatti nu mudatu yoo dubbanne eenyullee nu hin
dhaga’u. Ofii haala mijataa keessa teenyee namoota
isaan kaan jireenya gaarii irraa waan dhowwinu itti
fakkaata. Hamma dhufanii dhugaa jiru arganitti nu hin
amanan. Kanaaf yeroo isaan dhufan simachuu malee kan
biraa waan isaan gargaarru hin qabnu!” jedhe.

“Amerikaa jiraachuun gaarummaan isaa, akkuma isaatti


biyyatti deebitee durba barbaadde fuutee dhufuu
qofadha. Asii deemnaan kan barbaadde fuutee dhufta.
Maqaa biyya kanaa dhageenyaan durbi si diddu hin jirtu,
yoo isheen si diddellee maatiin ishee humnaan qabanii
siif kennu!” yoo naan jedhu xiqqoo akka kolfuun ta’e.
Achumaan seenaan Dammituu isheen yeroo dheeraa
gaa’elaaf gaafannaan na diddee na gidirsaa turtee ija koo
dura bu’e. Garuu....

Kana kana dhaggeeffataa ooleen mana Abdiisaa deemne.


Mooraa xiqqoo keessaa kutaa akka malee dhiphoo tokko
keessa jiraata. Na dura ol seenee, akka ani seenu na

Eebbisaa Baayisaa Fuula 36


Seenaawwan Gaggabaaboo

afeere. “Argitee manni koo hammam akka dhiphattu.


Dhiphina ishee irraa kan ka’e uffata haa turuu yaada
iyyuu jijjiirrachuu yoo barbaadde gad ba’uu si gaafata”
jedhee ergan Amerikaa seenee yeroo jalqabaaf haalaan
na kofalchiise. “Kiraan ishee garuu doolaara hedduudha.
Ji’a ji’aan biilii sitti dhufu kaffaluuf halkanii fi guyyaa
hirriba dhabdee hojjechuu qabda. Baay’ee ulfaata!” naan
jedhe. “Bakka deeman hin beekanii eessa dhufnee?”
jedheen hafuura dheeraa baafadhe.

Hamman biyya barutti torban lamaaf mana Abdiisaan


ture. Ganama ba’a, halkan gala.

Isa booda iyyaafannoo meeqaan hojiin naaf argame.


Hojii jireenya harkaa gara afaanii nama jiraachisu—
konkolaataa eeguu (paarkiingii).

Guyyaatti sa’atii 18 guutuun hojjedha. Kun hundumtuu


jireenya Amerikaa mo’achuuf, biilii koo ji’a ji’aa ofirraa
kaffalachuuf, lubbuu fi foon wal keessa tursuuf, ittiin
guyyaa eebbifamaa gara biyyaatti deebinee hojii kabaja
qabu hojjennee jiraannu sana eeggachuuf! Gaaf
tokko......

Eebbisaa Baayisaa Fuula 37


Seenaawwan Gaggabaaboo

…2…

Turtii Daqiiqaa 45 Walii Wajjin

Lachuun keenya aarreerra. Walitti hin dubbannu.


Daqiiqaa muraasa erga dhaabbannee booda dadhabnee
koomeerra teenye. Jireenya koo guyyaa har’aan yaade.
Maal balleessee bakkan hin yaadiinitti akkan hidhame.
Mana hidhaa namni namaaf hin beekne keessa maaliif
akkan seenetu naaf galuu dide. Tarii Waaqni maal natti
mufate laata? Maalan itti balleessee? Maalan isa
dallansiisee? Waan hedduun yaade. Garuu akka nama
tokkootti cubbamaa ta’uu irra kan darbe balleessaa adda
ta’e akkan hin qabnen yaadadhe.

Isheen na sodaatti. Anis isheen sodaadha. Wal argaa hin


jirru. Yeroo isheen bilbila haasoftu duwwaa ibsaan
bilbila ishee irraa xiqqoo fuula ishee irratti ifee jennaan
maal akka isheen fakkaattu ilaala. Innuu ga’aa miti.
Jalqaba yeroo wajjin liifticha (elevator) seenne ofii koo
bilbilaan dubbachaa waanan tureef sirriitti ishee hin

Eebbisaa Baayisaa Fuula 38


Seenaawwan Gaggabaaboo

ilaalle. Liiftiidhaan utuu ol deebinee deemnuu ibsaan


bade.

Akkuma ibsaan badeen liiftiin hojii dhaabe. Anii fi


isheen akkuma wajjin seennetti wajjumaan achi keessatti
hafne.

Eegnee eegnee dhadhabne. Obsinee obsinee obsa


fixanne. Daqiiqaan kudhan yommuu dhumu wajjin
dubbachuu eegalle. Anatu dubbii eegale. “Wal haa
barruu. Didhaan jedhama” jedheen callisuu nu gidduu
ture cabse. “Hayyee! Ani Ayyaantuun jedhama. Naannoo
Booleen jiraadha” naan jette. “Ani immoo Askoodhaan
dhufe. Gamoo shanaffaa kana irraa kompiyuutara
barachaan jira” jedheen haasaa itti fufe.

Utuu haasa’aa jirruu gidduutti Ayyaantuuf bilbilli


bilbilame. Sagalee dhiiraati. Sagalee nama dheekkamuu.
“Hamma yoomiittan taa’ee si eegaa? Maaliif hin
dhuftu?” jedha. “Maaloo dhufaan jira. Karaatu
cuccufannaanan ture malee ergan ba’ee tureera” jette.
Maal jettee bakka jirtu akka itti himtutu bitaa itti gale.
Mee eessan jira haa jettu? Eenyu wajjinan jira haa jettu?

Eebbisaa Baayisaa Fuula 39


Seenaawwan Gaggabaaboo

Bitaa ishee gale. Kan isheef bilbile hiriyyaa dhiiraa ishee


akka ta’e baruuf yeroo dheeraa natti hin fudhanne.
“Argitee, hiriyyaa koo wajjin kaaffee Kiristaal-domitti
beellama qabna. Erga ga’ee tureera. Na eegee dadhabee
natti aaraa jira. Silumaa waanuma xiqqootu isa aarsaa”
jettee natti himte. "Homaa miti. Obsi jedhiin! Yokiin
maaliif dhugaa isaa itti hin himtu? Balballi nutti
cufannaan Didhaa wajjin jirra.

Yoom akka nurraa banamu hin beeknu!” jettee maaliif


garaa hin kuttu? Yoom akka banamu bar hin beeknu.
Har’a ta’ee bor—yoom baanee namatti akka dabalamnu
hin beeknu. Kanaaf callisee si eeguu mannaa haa deemu.
Yeroo biraa wal argituu” jedheen yaada kenneef. Yaada
koo hin fudhanne. Waan ani isatti hinaafee isa achii
ari’adhee teessuma isaarra taa’uuf itti dubbadhe itti
fakkaate. “Mee xiqqoon itti yaada” naan jette.

Hojiin uumaa garuu nama hin dhibuu? Namoota wal hin


beekne—kanaayyuu dhiira tokkoo fi durba tokko—
bakka adda addaatii walitti fidee kutaa xiqqoo tokko
keessa nu galchee akka nurraa hin banamnetti balbala

Eebbisaa Baayisaa Fuula 40


Seenaawwan Gaggabaaboo

nutti cufe. Garuu maaliif laata? Maaltu beeka! Tarii


Waaqni nu lachuu irraa yaada qaba ta’a. Waa malee
anaan Askoodhaa ishee immoo Booleedhaa fidee asitti
wal nu hin argisiifne. Waa malee nama lama duwwaatti
balbala hin cufne.

Waa malee bakka ga’uuf kaane nu hanqisee wajjin akka


dabarsinu yeroo hin eegamne kana nuuf hin laanne. Waa
malee wal nu hin barsiifne. Waa malee walitti nu hin
fidne. Kanaa fi kanneen kana fakkaatan yaadota hedduun
yaade. Utuun yaadaa jiruun bilbilli Ayyaantuuf bilbilame
akka waanan hirribaa dammaquutti hirriba yaadaa
keessaa na dammaqse.

Sodaachaa bilbila kaafte. “Ati sobduudha. Erga dhufaan


jira naan jechuu eegaltee kunoo yeroo dheeraa ta’e. Yoo
ofii hojii dhabde anaan maaliif hojii dhorkitaa? Ani bar
hojiin qaba. Amma deemeera. Lammaffaa ijaan si arguu
hin barbaadu. Dhugaa walitti dubbachuu fi waliif
amanamuun hin jiran taanaan gaa’elli hin danda’amu.
Anii fi ati waliif hin taanu. Nagaan jiraadhu!” jedhee
bilbila isaa cufate. Gorsa ani duraan gorse akka itti himtu

Eebbisaa Baayisaa Fuula 41


Seenaawwan Gaggabaaboo

carraa hin laanneef. Obsee obsee obsi isaa jalaa dhumte.


Akka nama tokkootti hamma nama tokkoo aaree murtoo
nama tokkoo murteessee nama tokko dhiisee deeme.... Ni
aarte. Ayyeen ni finiinte. “Akkuma ani sila siin jedhe
utuu jetteetta ta’ee silaa dubbiin hin jiru.

Amma garuu situ balleesse. Gorsa koo tuffattee kunoo


hiriyyaa keettii adda baate. Yeroo baay’ee namoonni
gorsa koo maaliif akka hin fudhanne hin beeku. Dura
yeroon itti himu didanii booddee gaabbu. Gaabbii fi
eegeen immoo booda deemti jedhan” jedheen
jajjabeessuu yaale.

Sagalee aariidhaan dubbachuu dadhabee hollatuun


akkana naan jette: “Haa badu. As isa hin deebisin yoo
dhugaa jiraate. Isa malee dhiirri hin jiruu? Akka waan
addunyaa kanarraa isa malee dhiirri hin jirreetti yaadee
yeroo hundumaa na guba. Haa badu!” jette. “Akkanatti
yaaduu danda’uun bilchina sammuu cimaadha. Namatu
deeme, namumatu bakka bu’a. Atis hin heerumin hin
haftu, innis hin fuudhin hin hafu. Dhugaa jette. Haa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 42


Seenaawwan Gaggabaaboo

deemu!” gaafan jedhu utuu ani hin beekin dheekkamsaan


akka Leencaa natti baroodde.

“Haa deemuu? Maaliif deema? Kaadhimaa koo kan ani


seeraan kaadhimadheedhaa bar. Hin argituu? Kunoo kun
mallattoo waadaa isaati” jettee ifa bilbila ishee quba
harka ishee bitaa irratti ibsitee qubeelaa natti argisiifte.
Sirriidha. Qubeelaa waadaati. Sagalee ishee ol kaaftee
natti dheekkamnaan nan na’e.

Naasuu irraa kan ka’e dubbachuun dadhabe. Yaada koo


keessatti, “Tuqamtuu ta’uun ishee hin hafu. Sammuun
ishee....” jedhee yaadan eegale utuun hin xumurin
gidduutti na waamte. “Didhaa!” jettee na waamnaan
maqaa koo yaadattee ittiin na waamuu isheef ulfinni natti
dhaga’ame. “Hoyyee—Ayyee koo!” jedheen owwaadhe.
Aartee finiinte. “Ayyee koo” naan hin jedhin. Ani kan
eenyuu iyyuu miti. Ani kan Lammii duwwaadha.
Lammii malee addunyaa kanarraa eenyuyyuu “koo” akka
naan jedhu hin fedhu” jettee natti dheekkamte.

Waaqni as keessatti dubartiidhaan na adabuuf waan as na


fide natti fakkaate. Kan hidhamuun koo hin oolle maal

Eebbisaa Baayisaa Fuula 43


Seenaawwan Gaggabaaboo

ta’a nama gaarii wajjin yoon hidhame jedheen yaade.


“Hiriyyaa durbaa qabdaa?” naan jette. “Eessaan fide?”
jennaan naaf gaddite. “Kanaafi waa’een jaalalaa kan siif
hin galle. Utuu hiriyyaa qabaattee haalli ani amma keessa
jiru siif gala ture. Hiriyyaa wajjin turanittii adda ba’uu
caalaa dhukkubni nama dhukkubu hin jiru” jette.

Maal jedhee akkan ishee jajjabeessun dhabe. Takka haa


badu jetti, takka ani kan isaa duwwaa dha jetti. Ejjennoo
isheen wallaale.

“Dhugaa jette. Akkamitti ittii adda baatee jiraatta?


Hiriyyaa yeroo dheeraa wajjin dabarsan mitii kan gaaf
tokko waliin taphatanuu hin irraanfatamu” jedheen
deebiseef. Ammas ni aarte. “Kanaafuu, karaa biraa ana
isa har’a argite irraanfachuu hin dandeessu jechuu keetii?
Akkasitti hin yaadamu.

Hin gowwomin ani nama hamma Lammii naaf ga’u hin


qabu!” jette. “Dhugaadha. Eenyuyyuu hamma Lammii
siif ga’uu dhiisuu danda’a. Kana jechuun garuu Lammii
duwwaatu nama gaariidha jechuu miti. Hiriyyaan
dhugaan namaaf obsa. Obsee nama eega.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 44


Seenaawwan Gaggabaaboo

Malee hiriyyaan mana hidhaatti nama gatee deemu


hiriyyaa miti. Akka kootti hiriyyaan kan rakkina namaa
wajjin nama jaallatuudha. Nama nama hubatutu
hiriyyaadha. Malee nama daqiiqaa digdamii shan eegee
liiftii ibsaan irratti bade keessatti nama dhiisee badu
miti!” yommuun ittiin jedhu cal jette.

Amma moo amma natti bambanti jedhee utuun eeguu


achumaan hafte. Akkuma koomee irra teenyee jirrutti
jilbi keenya lachuu wal tuqe. Callisuun ishee na
sodaachifnaanan suuta jedhee harka koo mirgaa itti ergee
gurmuu ishee irra kaa’adhe. Nan qore. Yoo itti toluu
baate harka koo ofirraa darbatti. Yoo itti tole immoo ni
dhiifti. Anis sadarkaa itti aanuttin darba. Xiqqoo calliftee
erga turtee booda boo’uutti kaate. Amanuun dadhabe.
Ayyaantuu isheema akka sana natti dheekkamaa turtetu
boo’aa? Bar yeroo aariidhaan na ifachaa turte nama
uumaan irraanfatee imimmaan keessatti hin uumin hafe
fakkaatti. Dubbiin ani dubbadhe itti dhaga’ameera jechuu
dha. Laphee ishee argatee jira.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 45


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Hin boo’in! Ayyee koo hin boo’in! Kun waanuma jiru.


Hamma haalli namaaf mijate duwwaatti nama wajjin
jiraatanii gaafa haalli dugda namatti gatu, gaafa lafa itti
hin yaadnetti balballi namatti cufatu, gaafa rakkinni
nama mudatu kan nama dhiisanii deeman addunyaa kana
guutanii jiru. Gama biraan immoo namoonni haala
ilaalanii nama hin jaallanne, haala ilaalalanii nama
dhiisanii hin deemne, haala ilaalanii namatti hin
dhi’aanne, haala ilaalanii namattii hin
fagaanne....baay’achuullee yoo baatan ni jiru. Kanaafuu,
maaltu beeka Waaqni namoota amanamoo akkanaa
keessaa tokko siif kennuuf jedhee Lammiittii addaan si
baasuu barbaade ta’aa!” jedheen ibsa koo itti fufe.

Harki koo gurmuu ishee karaa dudduubaan gad darbee


dugda isheerra jira. Cal jettee na dhaggeeffatte.
Gootummaatu natti dhaga’ame. Goota goota hari’atee
qooda gootaa fudhate. Goota lolee mo’atee badhaasa
mo’ichaa argate. Goota daqiiqaa muraasa keessatti
injifannoo ol aanaa gonfate. Ulfinatu natti dhaga’ame.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 46


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Bar kun yeroo lammaffaadha!” naan jette. “Lammiin


bakka hin taanetti na gatee deemuun isaa yeroo
lammaffaadha. Yeroo tokko waajjiran keessaa hojjechaa
ture keessaa akka tasaa ari’amnaan dugda natti gate.
Hamman hojii dhaabee mana taa’e ji’oota lama guutuu
gaaf tokko bilbila naaf hin bilbille. Yoo ani bilbilu illee
narraa hin kaasu ture. Amma ergan dorgomee buufata
xiyyaaraa Boolee keessaa miindaa guddaan qacaramee
booda ture kan nagaa na gaafate.

Baay’ee waanan itti aareef, lammaffaa akkan waa itti hin


dubbanne murteesseen ture. Jaarsummaa hedduu natti
baasee deebisee harkatti na galfate. Sun utuu garaa koo
jiruu, kunoo har’as dhiphina akkanaa keessatti na gatee
deeme” jettee boo’ichaan natti dubbatte. Na gaddisiifte.
Sagaleen ishee suuta jedhee afaan ishee keessaa burqu
akka dammaa gurratti miyaa’a. Harka koon mataa ishee
qabadheen laphee kootti ishee hirkise. Harka koo isa
tokkoon sooftii giiphii koo keessaa baaseen ija isheettii
imimmaan haqe. Nan tasgabbeesse.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 47


Seenaawwan Gaggabaaboo

Erga liiftii seennee karaa baanu dhabnee teenyee kunoo


daqiiqaan soddomni darbeera. Daqiiqaa soddomni
hammam dheeraa akka ta’e har’a naaf gale. Edaa
daqiiqaa soddomatti waan baay’eetu hojjetama. Nama
haaraa wajjin wal baruun, dhaggeeffatanii itti dubbatanii
ittiin waliif galuun, garaa ofii irraa garaa isheetti
dubbachuun....ni danda’ama—daqiiqaa soddomatti.

“Na gatee sokkeem!” jette. “Eyyee! Si gatee sokke.


Har’as akkuma kaleessaa si gatee sokke. Amma dhiisi.
Dhiisin jedhe. Garaa kutadhu. Tu! Didhaan maal jedhe
naan jedhi. Yoo wal fuutan bor waan xiqqoof ijoollee
kee wajjin si gatee bada. Qofaatti si gatee akkuma har’aa
kana si dhiisee deema. Amma isa dhiisi. Si gatee sokkuu
isaa yaaddee qooda mataa dhukkubsattu namni si bira
jiraachuu isaaf Waaqa galateeffadhu. Mee yaadi. Utuu
qofaa kee hamma kana as keessa turte ta’ee hammam
akka miidhamtu. Namni jabaadhu siin jedhu si bira
jiraachuu utuu baatee akkam akka lafti si jibbisiisu.
Michuun hamaan si arrabsee yeroo deemu, michuun
gaariin imimmaan sittii haqu si bira jiraachuu utuu
baatee mee maal goota? Dhugaan siin jedha isa tokko si

Eebbisaa Baayisaa Fuula 48


Seenaawwan Gaggabaaboo

dhorkee tokko immoo siif laate galateeffadhu!” jedheen


kan caalu qabbaneesse.

“Tole! Tole Didhaa koo!” naan jette. Maal? Didhaa koo?


Koo? Gurra kooti moo isheetu akkana jedhe? Natti hin
fakkaatu.....

Koo erga naan jettee mee nan mirkaneessa jedheen


murteesse. Harka isa mirgaan mataa ishee laphee kootti
qabeen isa bitaa immoo laphee isheerra kaa’e. Homaa
naan hin jenne. Laphee isheerraan gad dabarsee gara
guntuta ishee..... Ni callifte.

“Anaa haa nyaatu! Yeroo daqiiqaa soddomii shan hin


caalle keessatti hamma kana na amanatteetti jechuudha”
jedheen garaan koo na gaddeef.

Gama tokkoon ammoo nama yeroo gabaabduu keessatti


jijjiirama guddaa akkanaa fiduu danda’u ta’uu koof
gammachuu fi gootummaan natti dhaga’aman. Sagalee
dadhabaadhaan, “Harka kee ol deebisi!” naan jette. Jecha
ani hin eegin ture. “Harka kee ol deebisi—Didhaa!
Waadaan qabaa. Waadaan akka salphaatti hin diigne.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 49


Seenaawwan Gaggabaaboo

Waadaan gad fageenyaan seene. Hamman jiraadhutti


hidhii koo, guntuta koo, gudeeda koo.... harka
eenyuuyyuu akkan hin qaqqabsiifne. Isa malee!” yeroo
naan jettu miira ani ibsuu hin dandeenye tokkotu natti
dhagaa’ame. Ofumaan hamma sana itti dadhabaa oolee?

Tuqamtuu ta’uu hin ooltu. Akka gaararraa ammaa fi


amma jijjiiramti. Murteessitee deebitee immoo diigdi.
Fayyaa waan qabdu natti fakkaachuu didde. Ajaja ishee
fudhadhee harka koo ol deebiseen waan tokko yaade.
Nan yaade. Har’a Waaqni maaluma yaade laata? Anaa fi
Ayyeetti balbala xiqqoo cufee kan as keessa nu kaa’e.

Maal yaade? Ana nama qormaata biyyoolessaa darbuu


dadhabee gamoo Mulugeetaa Zallaqaa irratti
kompiyuutara barachaa jiruu fi nama buufata xiyyaaraa
keessaa hojjettu. Nama hiyyeessaa fi durba dureettii
walitti fide.

Intala Boolee fi mucaa Askoo walitti fiduun isaa maaliif?


Anatu hin beeku malee inni waa yaadeera. Waa...!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 50


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Ani kanan jedhu” jettee yaada koo keessa na deebifte.


“Maal jechuuf?” jedheen jalaa qabe. “Yoom nurraa
banamaa?” jettee na gaafatte. Gaaffii ulfaataa ani akka
salphaatti deebisuu hin dandeenye ture. Kana na gaafatti
jedhees hin yaadne. “Hin beeku. Akka kootti kan nurraa
banamu yeroo nuti waliif gallu natti fakkaata. Yeroo nuti
yaadaan tokko taanu. Waan dhiisuun nuuf malu dhiifnee
waan fudhachuun nuuf ta’ummoo fudhannu. Yeroo nuti
uumaan maaliif lachuu keenyatti balbala akka cufe
yaadnee yaada isaa fudhachuuf itti walii gallu. Yeroo
nuti Waaqaaf tole jennu. Eyyee. Yeroo sana nurraa
banama. Kanaan ala garuu ibsaan hin dhufu, liiftiin
gamoo Mulugeetaa kunis hin banamu. As oollee as bulla.
Dhageessee? Yoo dhaga’uu baattes dhimma keeti! Waan
ani sitti himu fudhachaa akka ati hin jirre argeera. Nama
si gatee sokke yaadaan hordoftee akka ati mataa of
dhukkubsitu argeera. Kana booda waa na hin gaafatin.
Lammaffaa! Yoo barbaadde bilbilii Lammii kee
gaafadhu!” jedheen akka gadoo ba’achuu wayii itti
dubbadhe.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 51


Seenaawwan Gaggabaaboo

Ni rifatte. “Si dhaga’eeraam. Lammaffaa maqaa Lammii


akka waamtu hin barbaadu. Na ga’a. Jaalalli isaa yeroo
lamaa ol qoramee qormaata kufeera. Kanaaf lammaffaa
waa’ee isaa yaaduus dubbachuus hin barbaadu. Yoon
deebi’ee waa’ee isaa yaade, waa’ee isaa dubbadhe, isa
kadhadhe Mikaa’eliin Boolee waa natti haa fidu!” jettee
kakatte. Dha’annaan onnee koo baay’ee ariifate.
Gammachuun keessa koo guute. Keessa kootti, “Akkas
malee goota abbaa Jabeessaa. Akkas malee ilma obbo
Birruu Bantii. Al tokkoo fi isa dhumaa dubbiin
dhumateera!” jedheen ofitti dubbadhe. Waanan ofitti
qofaa dubbadhe natti fakkaate. Edaa sagalee
dhageessiseen dubbadhe. Na dhageesse. Ayyeen dubbii
koo kana ni dhageesse.

“Maal jette? Al tokkoo fi isa dhumaa dubbiin dhumate


maali? Maal haasa’aa jirtaa?” yoo naan jettu akka waan
bakakkaan na rukkuteen gogee achitti hafe.

“Qormaata kompiyuutaraa isan kaleessa qoramen


yaadadhe. Qabxii ol aanaan fide. Isadha” gaafa ani jedhu
akka sana hin taane barte. “Natti hin fakkaatu. Waa’ee

Eebbisaa Baayisaa Fuula 52


Seenaawwan Gaggabaaboo

koo dubbachaa jirta. Mee ifa taasisii natti himi. Na


jaallattee?” yoo naan jettu eessaa akka dhufe kanan hin
beekne dafqi narra dhangala’e. Xoph, xoph,
xoph.......dafqadha.

“Si jaallachuu illee si jaalladheera. Garuu...” jedheen


dhaqee deebi’uu dadhabe. Bilbila wal jijjiirre. Jaalalaan
waliif kufne. Cufamee daqiiqaa 45 tti nurraa baname.
Keessaa baane. Wal fudhannee kaaffee itti Lammiin
ishee eegaa ture seenne. Gatii oolmaa kootii ni ta’a jettee
waan yaadde—waan guddaa—na afeerte. Wajjin
nyaannee wajjin dhugne. Wajjin haasofnee wal
haasa’anne. Kun mudannoo waggaa ja’an har’aa
Finfinnee—Magganaanyaa—gamoo Mulugeetaa
Zallaqaa irratti anaa fi Ayyaantuu mudateedha.

Adeemsi ittuma fufe. Jennee jennee wal fuune. Kunoo


har’a harmee ijoollee kootiiti. Ijoollee babbareedoo lama
waliif horree wajjin jiraachaa jirra. Anii fi Ayyeen!
Ayyeen koo...

Eebbisaa Baayisaa Fuula 53


Seenaawwan Gaggabaaboo

. ..3...

Mana Yaadaniitti

Ol ka’insa qixa galaanaa irraa meetira hin beekamne


irratti magaalaa Finfinnee irraa kiilo meetira hin
beekamne fagaattee argamti—gandi keenya gandi
Biiftuu Yaayyaa. Hamma ammaatti yaadatee ol ka’insaa
fi fageenya ishee kan qorate hin jiru. Tilmaamaan
namoota kuma lamaa ol qabdi. Ganda qonnaan bulaan
hedduun keessa jiraatu taatee oomisha midhaaniin
beekamtuudha.

Mana barumsaa tokkoo hanga saddeetii kan qabdu yoo


taatu, buufata fayyaa xiqqoo tokkos dhi’oo kana
bananiiruuf. Qonnaan bultoonni naannoo keenyaa
hedduun ganama ganama hojjetanii halkan halkan
dhugaatii dhugu.

Barsiisaa Fiiziksii kan ta’e barsiisaa Waariyoon naannoo


keenya waan jiraatuuf yeroo hedduu qonnaan bultoota

Eebbisaa Baayisaa Fuula 54


Seenaawwan Gaggabaaboo

naannoo keenyaa wajjin dhuga. Keessumaa abbaa koo


obbo Qannaa wajjin baay’ee walitti dhi’aatu. Wajjin
dhugu.

Wajjin haasa’u. Wajjin mari’atu. Gaafa machaa’u


duwwaa yeroo tokko tokko, “Ani bar barsiisaa
Fiiziksiiti!” jedhee abbaa koo aarsa malee yeroo kaan
baay’ee waliif galu.

Namoonni naannoo keenyaa walitti qabamanii dhugaatii


kan dhugan mana Yaadaniitiidha. Namni mana Yaadanii
hin beekne ganda Biiftuu Yaayyaa keessa hin jiru. Nama
dhugaatii dhugu haa turuu inni alkoolii afaaniin qabee
hin beeknellee sirriitti ishee beeka. Handhuura magaalaa
xiqqoo sanaa keessatti argama—manni Yaadanii.

Manneen dhugaatii hedduun magaalattii keessa jiraatanis


kan akka mana Yaadee ho’u garuu hin jiru (Yaadee
jedhanii ishee waamu maamiltoonni ishee). Sababni isaa
uumamaan dandeettii namoota qabachuu qabdi. Namuma
argite hunda wajjin kolfaa oolti. Dubbiin ishee
dhaga’amee hin quufamu. “Yaadeen kun utuu baratteetti
ta’ee silaa gaazexeessituu beekamtuu taati turte!” jedhee

Eebbisaa Baayisaa Fuula 55


Seenaawwan Gaggabaaboo

barsiisaa Waariyoon gaaf tokko yaada laannaan qonnaan


bultoonni isaan kaan dubbichi galuufii didee itti dhiisan.
Yaadaniin nama namoota ofitti harkisuuf dandeettii
addaa qabduudha. Namoonni dhugaatii dhuganii hin
beekne hedduun ishee biratti jalqabu.

Abbaa koo obbo Qannaa Damboobaa (qonnaan bulaa),


wasiila koo obbo Tolasaa Damboobaa (qonnaan bulaa),
barsiisaa Waariyoo Dibaabaa, obbo Hundee Lammii
(qonnaan bulaa), obbo Dhugumaa Ayyaansaa (qonnaan
bulaa), obbo Saaqqataa Waaree (qonnaan bulaa).....isaan
kun jiraattota naannoo keenyaa ta’anii maamila Yaadee
warra beekamoodha. Guyyaa guyyaatti walitti qabamanii
hin dhugin hin oolan. Abba abbaan guyyaa hojii idilee
isaa irratti bobba’ee hojjechaa oolee galgala galgala
bakka jiruu dhufee achitti wal arga. Uursanii taphatu.
Yoo barbaadan ni geeraru. Yoo barbaadan wal lolu. Yoo
barbaadan ni iyyu. Waanuma itti tolu hojjetu. Waanuma
itti tole.....

Hundi isaanii amala adda addaa qabu. Mee amala tokkoo


tokkoo isaanii akka armaan gadiittan isiniif ibsa:

Eebbisaa Baayisaa Fuula 56


Seenaawwan Gaggabaaboo

1. Obbo Qannaa Damboobaa (Abbaa koo)

Hamma dhugaatiin itti ho’isutti haasaa hin baay’isu.


Utuma dhuguu yeroo itti ho’u immoo haasaa waliin
dha’a—toora qabsiisee hin dubbatu. Utuu waa’ee isa
tokkoo haasa’uu gidduutti waan biraa fida. Fakkeenyaaf,
dheengadda galgala utuu haasa’anii dubbii abbaan koo
waliin dha’e tokkotu jira. Barsiisaa Waariyoo wajjin
walitti buunaan itti dheekkame. “Namittii nana ulfina kee
eeggadhu. Ani utuun baradheera ta’ee akka kee barsiisaa
Fiiziskii utuu hin taane, barsiisaa injiinariin ta’an ture.
Maal godha garuu hin baratiinan hafe!” jedhe. Barumsi
injiinaraa kutaa saddeetii gad eessa jiraa? Obboleessa
koo isa angafatu injiinarii ta’uuf barachaa jiraayyuu
beeka. Itti kolfee, “Hamma ammaatti barumsi injiinara
jedhamu mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessa hin
jiru. Gaafa ati barattee kaarikulamii haaraa nuuf hojjettu
itti daballa!” jedhee itti qoose—barsiisaa Waariyoon.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 57


Seenaawwan Gaggabaaboo

2. Obbo Tolasaa (Wasiila koo)

Obbo Tolasaan immoo yoo machaa’e arjummaa isaatu


itti caala. Machaa’ee jira taanaan namni waanuma
nyaatee dhugee quufu itti hin fakkaatu. Waan harkaa
qabu hunda namaaf kennee harka duwwaa mana isaatti
gala. Torbee lamaan har’aa kanaan wal qabatee seenaa
inni hojjete ganda keenya guutuutti odeeffamaa ture.
Nama miidiyaaf gabaasutu dhibnaan malee utuu
guutummaa biyyaaf tamsaafamee waan ajaa’ibsiisaa
ture.

Akkuma amala isaa hiriyyoota isaa waliin mana


Yaadeetii araqee dhugaa turee gara mana isaatti galuuf
deemsa eegale.

Utuu deemuu nama baay’ee rakkataa kan uffanni irratti


ciccite tokko arge. Ni gaddeef. Garaa isaatu raafameef.
Afaaniin dubbachuu dadhabeera, harkaan namicha ofitti
waame. Yeroo namichi gara isaa dhufu haasaa utuu itti
hin baay’isiin kootii isaa ofirraa baasee itti uffise.
Namichi naasuu irraa kan ka’e waanuma jedhu wallaale.
“Maaliif? Obbo maaliif ofirraa baaftanii natti uffiftuu?”

Eebbisaa Baayisaa Fuula 58


Seenaawwan Gaggabaaboo

jedhee gaafate. “A....an....ani manaa k....kan bi...biraa


qabaatii fudh....adhu!” jedhee itti kennee deeme.

Xiqqoo achi siqee dargaggeessa dhukkubsatee karaa


bukkee ciisu tokko arge. Ammas ni gaddeef. “A...anaan
ka...karaa irratti haa...haa kuffiisu Garbeeliin Bi...biiftuu
Yaayyaa” jedhee qabee ol kaasuuf gad jedhe. Gad jedhee
ol ka’uu dadhabe. Achumaan dargaggeessicha irratti
kufe. Kufee bira ciise. Suuta jedhee ol ka’e. Ilaallaan
gurbichi uffata hin qabu. Shaamizii isaa ofirraa baasee
itti uffise.

Mudhii olitti kan uffate hunda rakkatootaaf hiree qullaa


isaa mana ga’e. “Uffee!” jettee hafuura dheeraa baafatte
haati manaa isaa Guuteen.

“Isa mudhii gadiis hirtee fixxee kan fafni kee hin


mul’atiinuu Waaqa haa galatu!” jette. Yoo itti ho’e akka
inni kennu, kennee kennee akka hin quufne ni beekti.

Wanti akka malee ishee aarse garuu kootii gati jabeessa


kan ilmi isaanii inni angafni Amerikaadhaa bitee ergeef
ofirraa baasee namaaf kennuu isaati.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 59


Seenaawwan Gaggabaaboo

3. Obbo Hundee

Yoo machaa’e nama eebbisa. Nama duwwaa miti,


waanuma iji isaa irra bu’e eebbisa. Yeroo darbe utuu inni
machaa’ee deemaa jiruu saroonni mandara keenyaa shan
ta’anii itti dhufan. Dhaabatee eebbisuutti ka’e. “Horaa!
Jiraadhaa! Balaa akka tasaa isin irraa haa qabu. Hojii
keessanitti ija isiniif haa godhu. Kan ija hamaan isin
ilaalu ija hamaaf isa haa taasisu Garbeeliin Biiftuu
Yaayyaa” jedhee akka bokkaa Hagayyaa eebba jiruu fi
hin jirre itti roobse. Saroonni eebba hin beekan, gara
galanii hin ilaalle. Bira darbanii sokkan.

Utuu inni Saree eebbisaa deemuu konkolaataan midhaan


fe’ee deemu gajjallaadhaa ol itti dhufe. “Eessumaa
dhufta hammas ga’aa koo, bareedaa koo? Rabbi si haa
guddisu. Guddadhu! Horii buli. Lafa yaaddeen si haa
ga’u. Garraamii koo!” jedhee eebbise.

Akka inni machaa’e kan argisiisu mallattoon isaa eebba


isaati. Ni eebbisa, eebbisee eebbisee hin dadhabu.....

Eebbisaa Baayisaa Fuula 60


Seenaawwan Gaggabaaboo

4. Obbo Dhugumaa

Obbo Dhugumaan yoo machaa’e arrabatu hidhama.


Yeroo fayyaa isaa baay’ee dubbata. Dubbii ciccimaa
dubbatee namoota amansiisuu kan danda’u kan akka isaa
naannoo keenya hin jiru. Garuu, gaafa dhugu dandeettiin
dubbii isaa eessa akka dhaqu ani hin beeku. Iji itti
diddiimatee barbaree fakkaata. Madaallii isaa eeguu hin
danda’u. Ni gatantara. Maatiin isaa gaafa inni
dubbiidhaan isaan rakkisu suuta jedhanii dhugaatii
bitanii fidanii obaasu. Hammuma baay’ee dhugaa deeme
dandeettiin dubbii isaa dadhabaa deema. Cal jedha....

5. Obbo Saaqqataan

Amalli isaa faallaa obbo Dhugumaati. Yeroo fayyaa hin


dubbatu. Uumamaan dandeettii dubbatanii amansiisuu
hin qabu. Dandeettii hojii garuu kan isa gitu hin jiru.
Baay’ee hojjeta. Kanaaf qabeenyaan kan isa
dorgomu/gitu ganda keenya keessa hin jiru. Isaaf hojiin
eenyummaa isaati. Nama hin hojjenne hin jaallatu.
“Akka obbo Saaqqataa hojjedhaa!” jedhanii namoonni

Eebbisaa Baayisaa Fuula 61


Seenaawwan Gaggabaaboo

ganda keenyaa isaan wal gorsu. Gaafa machaa’u garuu


odeessee hin quufu. Akka malee haasa’a....

Eda galgala yeroo inni waan ajaa’ibsiisaa hojjettu


dhaabannee ilaalla. Gaara xiqqoo mana isaanii gararraa
jirtutti ol ba’ee sagalee isaa ol kaasee lallaba. “Dhaga’i
iddoo jirtuu!” jedha. Eenyuun akka waamu wallaallee
bitaa nu gale. “Dhaga’i yaa mootii! Yaa isa Addibaasaa
jirtuu, yaa mootii biyyaa dhaga’i!” jedha. Gaaratti waan
ol ba’eef waan dhageessisu itti fakkaate. “Magaalaa
Biiftuu Yaayyaaf ibsaan akka galu erga murtaa’ee
waggoonni lama darbaniiru. Ati nuuf heyyamteetta. Maal
godha warri jaleen lafarra nu jalaa harkifte. Garaaf malee
biyyaaf hin hojjettu. Maallaqa ati nuuf ergite ittiin
nyaattee dhugdee fixxe.

Kunoo hamma har’aatti ibsaa hin qabnu!” jedhee


mootiitti iyyata. Waan baay’ee itti dhaammata: ibsaa,
bishaan qulqulluu, dhaabbata fayyaa ....

Eebbisaa Baayisaa Fuula 62


Seenaawwan Gaggabaaboo

6. Barsiisaa Waariyoo

Barsiisaan yoo machaa’e nama amantaa ta’a. Haasaa


amantaa malee waan biraan afaan isaa keessaa hin ba’u.
Abbaa koo wajjin egaa kana irratti wal dhabu. Qannaan
machoofnaan waa’ee amantii dhaga’uu hin fedhu.

“Dubbii akkanaa natti hin dubbatin!” jedhee ofirraa


ifata. Barsiisaan garuu takkaa afaan hin qabatu.

Jaalala Waaqaaf qabu yeroo dubbatu imimmaantu ija


isaatti guuta. Cubbamaa ta’uu isaatu isatti dhaga’amee
isa gaddisiisa. Garaa guutuu gadda.

Torban tokko dura machaa’ee galaa utuu jiruu


Lammeessaan—ilmi obbo Hundee inni quxisuun—
karaatti itti dhufe. Lammeessaan akka daldalaa wayii of
fakkeessa. Poosteroota gurguraman muraasa qabatee
karaarra deema. Namni itti tole irraa bitata. Barsiisaa
Waariyoon poosterii tokko harka Lammeessaa irratti
ilaalee dhaabatee boo’uutti ka’e. Ni boo’e. Lammeessaan
naasuudhaan dilallaa’ee dhaabatee ilaala. “Gooftaa koo!
Amma ati maaluma balleessitee? Maaluma yakkinaan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 63


Seenaawwan Gaggabaaboo

qulqulluu kana hamma sana si reeban. Maaf si fannisan?


Maaf si ajjeesan? Maal balleessitee? Atoo mudaa hin
qabduu!” jedhee boo’e. Ittuma fufee boo’e, “Anuu jiroo!
Kunoo namni dhugaatiidhaan of xureesse. Hin machaa’in
isa jedhu abboommii kee diigee mana Yaadeedhaa
araqee dhugee dhugee kanan machaa’e. Anuu jiroo! Ati
maal goonaan si fannisan? Ni barsiifte malee, ni fayyifte
malee, ni eebbifte malee....amma mee ati maaluma
balleessitee? Iddoo kee anumaan na haa ajjeesan
malee....” jedha.

Lammeessaan dubbichi itti toluu didee jennaan deemuuf


ka’e. Gaafa inni sochii eegalu, “Mee kottu gurbaa!”
jedhee waame. Waamnaan Lammeessaan itti siqe.
Poosterii isa ilaalee boo’aa ture sana harkaa fuudhe.
“Maaloo mee natti gurguri! Kun suura gooftaa koo
Yesuus Kiristoos!” jedhe. Lammeessaan gammadee,
“Silumaa gurgurachuufan baadhaatii bitadhaa” jedhe.
“Meeqa jetta?” jedhe. “Qarshii saddeettama!” jedhee
deebiseef. “Qarshii saddeettamaa? Saddeettama jettee?
Cabi! Si haa cabsu nama keessaa! Yihudaan fayyaa
isaayyuu qarshii soddomatti gurguratee atimmoo suura

Eebbisaa Baayisaa Fuula 64


Seenaawwan Gaggabaaboo

isaa saddeettama naan jettaa?” jedhee itti dheekkame.


Booda maalirra akka ga’an utuun hin argiinan achii
deeme.

Mana isaatti galee qalbii machaa’een yaaduutti ka’e. Ni


yaade. Isa yeroo fayyaa isaa yaadatee hidhii xuuxe.
“Maalan godharee? Akkan waaqaaf bulee, mana sagadaa
dhaqee hin saganne rakkootu jira. Rakkoon sun immoo
akka hin furamne rakkootu jira. Manni sagadaa mana
kaabinoonni mootummaa itti wal-ga’anii dhimma mataa
isaanii itti haasa’an ta’eera. Oduu siyaasaa isan alatti
dhadhabeen guuteera waldaan...” jedhe.

Ittuma fufee yaade. Guyyaa dhumaa isa ittiin mana


sagadaa irraa cite sana beeksisa geggeessaan mana
sagadaa—aanga’aan siyaasaa tokko—ka’ee beeksise
yaadate: “Miseensonni mana sagadaa keenyaa
miseensota waldaa qofaa utuu hin taane, miseensota
mootummaas ta’uu qabu. Tarsiimoon keenya hamma
danda’ametti namoota ilaalcha siyaasaa qajeelaa qaban
geggeessummaa mana sagadaatti fiduudha.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 65


Seenaawwan Gaggabaaboo

Jaarsolii waldaa keessaa namni tarsiimoo mootummaa


raawwachiisu yoo xiqqaate namni lama dhabamuu hin
qabu. Waan hojjennu hunda tokko shaneen hojjechuun
nuuf ta’a. Tokko shaneen faarfanna, tokko shaneen
lallabna, tokko shaneen kadhanna, tokko shaneen wal
jajjabeessina....” yoo jedhu barsiisaa Waariyoon gurra
isaa amanuu dadhabe. Qajeelfamni mootummaa yaada
kana deggeru akka hin jirre ni beeka. Mootummaan
hoogganaan siyaasaa tokko hoogganaa amantii akka hin
taane ni jajjabeessa. Waariyoon aarii irraa kan ka'e, “Tu!
Yoon lammata mana sagadaa ejjedhe miilli koo haa
cabu!” jedhee ba’ee deeme. Kunoo hamma har’aatti itti
hin deebine.

Miseensi mana sagadaa miseensa mana Yaadee ta’ee


dhiise. Egaa barsiisaan yeroo machaa’u nama amantaa
kan inni ta’u kanaaf. Jaallatee miti....

Manni Yaadee waan hedduu keessumsiifti, egaa. Gidduu


kana wanti achitti ta’e namoota ganda keenyaa akka
malee gaddisiise. Akkuma beekamu barsiisaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 66


Seenaawwan Gaggabaaboo

Waariyootti aansee obbo Saaqqataan xiqqoo barateera.


Meeqa akka barate odeeffannoo ga’aa hin qabu.

Sababni isaa wanti inni haasa’u dhaabbataa miti. Har’a


hamma kutaa sadiitti baradheera yoo jedhe, bor immoo
kutaa afur ga’een gidduutti dhaabe jedha. Guyyaa
biraammoo kutaa shanii ja’atti darbeen dhiise jedha.
Haasaa isaa waliin dha’amaa kanarraa hubachuun
akkuma danda’amu egaa obbo Saaqqataan yoo xiqqaate
kutaa sadii yoo guddate immoo kutaa shan barateera.
Kanaafuu, yoo machaa’e jechoota afaan Ingilizii dubbii
isaa keessa bubuusa. Amma fakkeenyaaf, Yaadeen bakka
teessee jirtuu kaatee araqee akka isaaf buuftu yoo
barbaade, “Stand Yaadee up please!” jedha. Araqee
akka dabaltuuf yoo barbaade immoo, “Add the araqe!”
jedha. Yeroo inni afaan gamaa kana keessa maku
namoota isaan kaanitti hin tolu. Waan inni isaan arrabsu
itti fakkaata. Keessumaa, dhoksaadhaan Yaadee wajjin
hariiroo qaba jedhanii waan shakkaniif ishee wajjin
dubbii akka baay’isu hin heyyamaniif.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 67


Seenaawwan Gaggabaaboo

Galgala tokko waa’ee mana barumsaa ganda keenyaa


haasa’aa turan. Maalumaaf manni barumsaa keenya
guddachuu akka dadhabe wal gaafatanii waliif deebisu.
Wal falmu. Utuma haasa’anii, obbo Saaqqataan waa
dubbate. Ancufa lafatti tufee, “Tu! Ani Saaqqataa miti.

Yoon waggaa har’aa hukkuulii (high school jechuuf) irra


darbee peeppiitooriin (preparatoty jechuu barbaadee)
akka dhaabatu hin taasisu ta’e ani dhiira miti. Tarree
dhiiraa taa’ee araqee Yaadee hin dhugu!” gaafa jedhu
namoonni isaan kaan ajaa’ibsiifatanii dhaggeeffachuun
hamilee kennaniif. Barsiisaa Waariyoon itti kolfe. Kolfee
duwwaa hin dhiifne. Dubbiidhaan waraane.

“Saaqqata maal giingoftaa? Calliftee asii ol hiixachuu


kana hin dhiiftuu? Yokiin Afaan Oromoo hin beektu,
yokiin Afaan Ingilizii hin beektu kan kee kana attam
godhu? Ilmi kees mana barumsaatii akkuma kee kana
nuuf gamsiisa. Keessumaa, Fiiziksiin hin galuuf. Fiiziksii
qofaa miti Ji’oogiraafiinis akkasuma.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 68


Seenaawwan Gaggabaaboo

Ji’a darbe lafti kun akka aduutti naannoftu barsiisaan


barsiifnaan atimmoo manatti mucaa dogoggorsite. Mana
keetti siif beekaan si caalu hin jiru.

Aduutu lafatti naanna’a malee lafti hin naannoftu jettee


mucaa keetti himte. Mucaan dhufee barsiisaa isaatti
hime. “Abbaan koo aduutu naanna’a naan jedhe” jedhe.
Barsiisaan Ji’oogiraafiis deebisee sirreesse.

Isa booda mucaan kee dhugaan isaa kam akka ta’e


wallaale. Ni joonjessite. Kanaafuu, dabtara isaa irratti,
“Mana barumsaatti lafatu aduutti naanna’a, mana
keenyatti immoo aduutu lafatti naanna’a!” jedhee
yaadannoo qabate. Asii situ nu guba, mana barumsaatii
mucaa kee...” yoo jedhu obbo Saaqqataan utaalee morma
barsiisaa Waariyoo hudhee qabe.

Lolli guddaan gaafa ta’u, Yaadeen iyya kuttee gad


dhiifte. Namoonni isaan kaan akka walirraa hin qabne
dhugaatiin miidheera. Bakkeedhaa namoonni birmatanii
yommuu dhufan obbo Saaqqataan barsiisaa Waariyoo
kuffisee irra taa’ee rukkutaa jira. Barsiisaan silumaa
qal’aadha, annisaa hin qabu. Obbo Saaqqataan immoo

Eebbisaa Baayisaa Fuula 69


Seenaawwan Gaggabaaboo

namoota ganda keenyaa hunda caalaa guddaa fi


jabaadha. Yeroo qabanii irraa kaasan fuulli barsiisaa
dhiiga duwwaadha. Ilaallaan ilkaan isaa warri fuula
duraa lachuu cabaniiru.

Akkuma isaatti namoonni tasgabbeessuu yaalan. Iyyi


guddaan iyyamaa ture akka dhaabachuu ta’e. Maal irratti
akka isaan wal lolan namoota achi turan gaafachuutti
ka’an—warri birmachuu dhufan.

Jalqaba yaada kan kenne Qannaa keenyadha. “Jalqaba


utuu waa’ee mana barumsaa keenyaa haasofnuu
Saaqqataan Afaan faranjii dubbate. Jennaan Waariyoon
itti kolfe. Isas mucaa isaas wajjumaan arrabse. Sana
booda kanuma isaan wal qabatan agarre” jedhe.

Itti aansee obbo Dhugumaan dubbachuutti ka’e. Waan


machaa’eef arrabni isaa hidhameera. Ittuma rakkatee
haasa’uu yaale. “Nu...nuti akkasaa maal
be...bee...beeknaa? Nus akkuma ke..keessan iyya iyyamu
dhageenye. Dhiisaa. Homaa hin ta’anii. Harreen wal
dhiittee ilkaan walirraa hin cabsitu jedhamaa” gaafa
jedhu barsiisaan kan caalu aare. “Ilkaan lamahoo narraa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 70


Seenaawwan Gaggabaaboo

cabeeraa soddomii lamaan isaatu cabuu qabaa? Maal


haasa’aa jira kun?” jedhee itti dheekkame.

Gidduutti obbo Hundeen waa jedhe. “Ilaamee ijoollee


keenyaa” jedhe akka waan waanuma guddaa tokko
dubbatuu. “Rabbi hamaa nurraa haa qabu. Isa ilkaan isaa
cabeef iddootti haa deebisu. Inni irraa cabe cabeera, isa
hafe nagaa isaaf haa taasisu.

Isa ilkaan cabse immoo Garbeeliin Biiftuu Yaayyaa haa


hafu haa jedhuuf!” jedhee dubbii eebbaan eegale eebbaan
xumure.

Guyyaa itti aanu barsiisaa Waariyoon ragaa walitti


qabatee mana murtii aanaa deemuun obbo Saaqqataatti
himata bane. Abbaan murtii dhimmicha haalaan ilaalee
obbo Saaqqataatti adaba lama murteesse. Tokkoffaa
hidhaa waggaa sadii fi ji’a saddeetiin akka adabamu.
Lammaffaa immoo tokko tokkoo ilkaanota barsiisaa
Waariyoof qarshii kuma kudha tokko tokko walumaa
galatti qarshii kuma digdamii lama akka kennuuf
murteesse.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 71


Seenaawwan Gaggabaaboo

Waariyoon umurii isaa keessatti qarshii hamma kana


baay’atu lakkaa’ee hin beeku. Mindaan inni ji’a ji’aan
argatu araqee mana Yaadeerra waan darbu miti. Kan
ji’aa miindaa fudhatee torban lama booda qarshii wanti
jedhamu isa bira hin jiru. Kanaaf gara liqaatti deebi’a.
Abbaan murtii qarshii kuma digdamii lama yeroo isaaf
murteessu dhugaa itti hin fakkaanne. Akkuma isaaf
murtaa’etti qarshii isaa lakkaa’ee irraa fudhate. Kunoo
erga gaafa sana fudhatee as guyyaa tokko mana
barumsaa deemee hin beeku. Ilkaan isaa warqee
dhaabbachuus hin yaadanne.

Akka waan hojii isaa jaallatuutti odeessaa kan ture


barsiisaa Waariyoon qarshii xiqqoof jedhee hojii dhaabe.
“Nuti barsiisonni gatiin dadhabbii keenyaa miindaa
keenya miti. Sammuun namaa qaramee, namni
jijjiiramee fi bilchaatee, bakka guddaa ga’ee arguudha.
Ofii akka dungoo baqnee biyyaaf ibsinee ifichatti
gammadna. Maddi gammachuu keenyaa ifa hawaasaaf
ibsinudha” utuu jedhuu hojii dhiise. Jiraattonni ganda
Biiftuu Yaayyaa ni mufatan. “Muu!” jedhan. “Duruu

Eebbisaa Baayisaa Fuula 72


Seenaawwan Gaggabaaboo

maallaqa dhabee barsiisa malee jaallatee miti


jechuudha!” jedhanii mata duree dubbii isa taasisan.

Guyyoota muraasa booda kutaa xiqqoo tokko kireeffatee


meeshaalee daldalaaf ta’an xixiqqoo itti guuttatee
dukkaana banate. Barsiisaan daldalaa ta’e. Ijoolleen inni
kaleessa barsiisaa ture yeroo waa irraa bitachuuf deemtu,
“Barsiisa! Itti eebbisaakaa” jetti. Kunoo akkanatti
maamiltoota mana Yaadee keessaa namoonni
murteessoon lama dhabaman. Barsiisaan kutaa
dukkaanaa isaa keessaa ba’uu dide.

Erga gaafa ilkaan isaa lamaan dhabeetii karaa mana


Yaadee ba’ee hin beeku. Namoonni isaan kaan garuu
har’as akkuma durii walitti naanna’anii ta’anii wacu. Ni
dhugu, ni haasa’u. Jireenya hawaasummaa isaanii
akkuma duriitti itti fufanii jiru. Barsiisaa Waariyoo gara
dukkaanaatti, obbo Saaqqataa immoo mana sirreessaatti
geggeessanii ofii akkuma duriitti jiru.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 73


Seenaawwan Gaggabaaboo

...4...

Haa Ga’u Nagaan Koo

Ijoollee Koo Warra Hin Dhalatiiniif

Fulbaana 18, Bara 2014

Haa ga’u nagaan koo ijoollee koo sadan warra hin


dhalatin jiran Jiraataa, Olaanaa fi Chaaltuuf. Nagaan koo
nagaan abbaa keessanii dachaa fi gaara qaxxaamuree,
daangaa tokko malee fageenya isin irratti argamtanitti
isin haa qaqqabu. Hundumaa dursee nagaa koo isa keessa
onnee koo irraa madden isiniif dhi’eessaa akkam jirtuu?
Addunyaan isin keessa jiraachaa jirtan akkamitti isin
qabatee jiraa? Waaqa hin dhibin malee, ani abbaan
keessan halkanii fi guyyaa, yeroottis yeroo malees isin
yaaduu irraan kan hafe nagaa kooti. Waan isaa hin beeku
malee isa yeroo kamuu caalaa gidduu kana baay’een isin
yaadaa jira.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 74


Seenaawwan Gaggabaaboo

Eessaa eegalee eessatti akkan xumuru beekuu baadhus,


dhaamsa koo kana immoo karaa kam akkan isiniin ga’u
naaf galuu baatus, hammam akkan isin yaaduu fi miiran
waa’ee keessaniif qabu jechoota bakka naaf bu’an
haalaan filachuu dadhabus, akkaataa itti xalayaa sadarkaa
isaa eeggate namaaf barreessan mana barumsaa seenee
barachuuf milkaa’uu baadhus, kunoo har’a xalayaa kana
isiniif barreesseera. Rabbi na milkeessee ergaan koo kun
yoo isin qaqqabde waan baay’ee isin hubachiifti jedheen
amana.

Jaallatamoo ijoollee koo! Ani abbaan keessan dhalattanii


hamman ija koo [keessan] ija koon argutti hammam
akkan ariifadhe maaliin akkan isiniif ibsu hin beeku.
Akkuman namoota isaan kaan irraa argetti iyyuu
addunyaa kana keessatti wanti akka mucaa godhachuu
nama gammachiisu waan jiru natti hin fakkaatu. Mucaa
xiqqoo baadhatanii ija ija ishee keessa ilaaluu, dhagna
irraa dhiqanii taphachiisuu, gaafa isheen jabaattu
daaddee shaakalsiisanii deemsa barsiisuu, yeroo isheen
dubbii shaakaluuf jettu sagaloota adda addaa akka
waamtu barsiisuu, Aa....aa....baa jettee jettee Abbaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 75


Seenaawwan Gaggabaaboo

jettee yoo nama waamtu dhaga’uuf milkaa’uu caalaa mee


maaltu nama gammachiisa?

Ofii koo illee arguu yoon baadhe jireenya namoota


hedduu irraa garuu kana baradheera.

Amma fakkeenyaaf waggoota murtaa’an dura walii


wajjin mooraa Yuunivarsiitii tokko keessaa kan
eebbifamne hiriyyaan koo Gurmuun erga mucaa isaa isa
angafa argatee kunoo waggoonni lama guutuun
darbaniiru. Utuma ani hin fuudhiin fuudhee, utuma ani
hin fuudhiin mucaa dhalchee, utuma ani hin fuudhin
daaddee barsiifatee kunoo amma suuta suutaan wajjin
haasa’uu eegaleera. Mucummaadhaa kaasee Gurmuu nan
beeka. Gaafa mana barumsaa gale, gaafa qorumsa kutaa
saddeettaffaa darbee sadarkaa lammaffaa seene, gaafa
qorumsa kutaa kudhanaffaa darbee qophaa’ina seene,
gaafa qorumsa kutaa kudha lamaffaa darbee
Yuunivarsiitii seene, gaafa barnoota sadarkaa ol aanaa
xumuree digirii jalqabaa fudhatee eebbifame, gaafa
kamuu hamma gaafa mucaa argatee gammadee hin
beeku.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 76


Seenaawwan Gaggabaaboo

Galgala gaaf sanaa gaafa haati manaa isaa Taliileen


ciniinsifachuu eegaltu halkan sa’atii torbaa fi walakkaatti
naaf bilbilee atattamaan akkan dhufu na ajaje. Bakki inni
jiru fagoo waan ta’eef, halkan sana deemuu akkan hin
dandeenye itti himnaan na abaaree bilbila isaa gurra koo
irratti cufate. “Karaa mucaa kootii kan natti dhufe maraaf
obsa hin qabu.

Namni mucaa koof hin taane diina kooti!” jedhee mucaa


hin dhalatiin jiruuf ana hiriyyaa isaa kan ijoollummaa,
kan wajjin gaarii fi gadhee hedduu dabarsine, kan wajjin
boonyee wajjin kolfine, kan wajjin bu’aa ba’ii jireenyaa
dhamdhamanne, kan wajjin ibidda jireenyaan
waadamnee qorra jireenyaan hollanne, kan wajjin waan
hedduu hedduu dabarsine.......ana hiriyyaa isaa lole. Lafti
bariinaan konkolaataadhaan hospitaala isaan jiran
deemee gaafannaan nagaa na gaafachuu dide. “Utuu
mucaan koo dhalachaa jiruu hirriba rafta mitii?” naan
jedhe—Gurmuun.

Ijoollee koo jaallatamoo! Namoonni tokko tokko yeroo


ala kanaa na hamatan waan baay’ee na irratti haasa’u.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 77


Seenaawwan Gaggabaaboo

Isaan kaan gaa’ela sodaatee fuudhuu dhiisee taa’a naan


jedhu. Amma kun akkamitti dhugaa ta’uu danda’aa?
Akka namaa baradhee, akka namaa hojii argadhee utuun
hojjedhuu maaltu gaa’ela na jibbisiisaa? Namoonni
hedduun itti gaafatamummaa gaa’ela keessa jiru isa
guddaa akka sodaatan nan beeka. Yoo fuudhan akka
durii hin ta’an. Haalli jireenya ofii jijjiiramuu qaba. Yoo
duraan halkan manatti galu ta’e amma yeroodhaan galu.
Maallaqa ofii akka argan hin baasan. Qarshii guyyaa
baasaa oolaniif galgala fuula haadha manaa isaaniitti
herrega buusu. Akka durii lafa barbaadan hin deeman,
deemanii hin bulan, hiriyyoota ofii waliin hin
bashannanan. Eyyee, gaa’ela keessa seenuun
birmadummaa ofii dhabanii mana hidhaa yoomuu
keessaa hin hiikamne seenuu kan itti fakkaatu namoonni
hedduun jiru. Kollejjii baratanii keessaa hin eebbifamne,
deemsa eegalanii gidduutti dhaabuun hin danda’amnedha
akka isaaniitti—gaa’elli.

Namoonni tokko tokko immoo ofittummaa isaatu akka


hin fuune isa taasise naan jedhu jedhan. Of jaallata!
Kanaaf jireenya haadha manaa isaa fi ijoollee isaaf

Eebbisaa Baayisaa Fuula 78


Seenaawwan Gaggabaaboo

qooduu hin barbaadu jedhu. Kun dogoggora guddaadha.


Yakka namni hin qabne namatti muranii balleessaa hin
jirreef maqaa nama balleessuudha. Gaafan kana dhaga’e
ofirra gad taa’een boo’uuf ka’e. Imimmaan koo ija kootti
guutee gad ba’uuf xiqqoon yeroo hafun waa yaadadhe.
Ofii warri oduu akkanaan maqaa na balleessan kun
eenyu fa’ii? Namoota ganda keessa adeemanii nama
hamachaa oolan mitii? Namoota kaayyoo hin qabne kan
akka karameellaa nama nyaatan mitii? Haa
odeessan...dhimma isaaniiti! Isaan yeroo itti hamatan
bal’aa qabu, ani immoo isaan dhaggeeffachuuf yeroo hin
qabu.

Yeroon ani qabu kaayyoo fiixaan baafachuuf


hojjechuudhaaf malee warra adeemanii nama hadheessan
dhaggeeffachuuf na hin ga’u.

Kana kana yaadeen isan boo’uuf ture itti dhiise. Ani


ofittoo of jaallatu miti. Of caalaan isin jaalladha.
Baay’een isin yaadas.

Jaallatamoo ijoollee koo Jiraataa, Olaanaa fi Caaltuu!


Ammallee isaan kaan immoo olii fi gad fiiguu bare;

Eebbisaa Baayisaa Fuula 79


Seenaawwan Gaggabaaboo

kanaaf fuudhuu jibbe jedhanii na irratti haasa’u. Kunis


yoo ta’e holola diinaati. Ani hamma har’aatti ol jedhee
dubartii akkan hin ilaalin, sagaagaluufis yaalii tokko illee
akkan hin taasisiin, kaanoo kaanii ija hawwiidhaan
eenyuunuu akkan hin ilaalin dhibbaa dhibban of beeka.
Warra ta’e jedhanii maqaa na balleessuuf ka’aniin ala,
namoonni isaan kaanis ni beeku. Ani moo? Dhugaadha,
dhugaa Rabbii. Gaaf tokko waan akkanaa keessa hin
seenne. Gara fuula duraattis haala kana fakkaatu keessa
akkan hin seenne murtoo guddaan qaba. Barri isaayyuu
bara itti akka barbaadan utaalanii, akka barbaadan
jiraatanii, waan barbaadan raawwatanii fayyaa hafan
miti.

Jireenyi bara kanaa gatii namaa asuma lafa irratti namaaf


deebisaa jirti. Kan utaale inuma caba. Kan akka malee
fiige inuma kufa. Kan sagaagale immoo dabaree du’aa
qabatee gara boolla awwaalaa seena. Kunoo jireenyi
har’aa akkana.

Namootatu ana hin hubanne malee ani hamma ammaatti


fuudhuu dhiisuu koof sababoota hedduun qaba. Amma

Eebbisaa Baayisaa Fuula 80


Seenaawwan Gaggabaaboo

yeroo odeessan oduu fakkaata. Ani garuu sababa


quubsaan qaba. Isin jibbee miti.

Gara addunyaa kanaatti isin fiduuf garaan koo hammam


akka ariifatu anaa fi waaqa isa garaa namaa dubbisu
duwwaatu beeka. Akkuma Gurmuu anis jireenya koo
keessatti gammachuu koo isa ol aanaa kanan gonfadhu
gaafan isiniin wal arge akka ta’e hin shakku.
Qofummaan har’a na nuffisiise kun narraa darbee mana
sagaleen namaa keessaa dhaga’amutti galuun milkii
guddaadha. Kana duwwaa miti, hawaasumti keessa
jiraannu illee jireenyaaf kan nu amanu, nu amanee itti
gaafatamummaa kan nutti kennu, itti gaafatamummaa
nutti kennee kan nu waliin hojjetu....walumaa galatti
akka nama guutuu tokkootti kan nu lakkaa’u gaafa nuti
mana, haadha manaa fi ijoollee qabaannu ta’uun isaas na
jalaa hin dhokanne.

Ani dhufaatii keessan kanan lafarra harkise sababni koo


inni guddaan harmee keessan barbaadee dhabuu koo
duwwaadha. Durboota miliyoonaan lakkaa’amantu
addunyaa kana irra jiru. Hunda isaanii keessaa kamtu

Eebbisaa Baayisaa Fuula 81


Seenaawwan Gaggabaaboo

harmee keessan akka taate beekuun qormaata koo isa


guddaadha. Waggaa arfan har’aa isheen tokko harmee
keessan natti fakkaattee jennaan itti dhi’aadhee takka
wajjin deddeebi’e. Wajjin haasofne. Wal afeerree waan
hedduu walitti himanne. Ji’oota muraasa wajjin turree
dhuma irratti waan xiqqoof walitti buune. Walitti buunee
wal lolle. Wal lollee wal dhiifne. Wal dhiifnee adda
baane.

Yoom kana qofaadha? Waggaa lamaan har’aa mucaa


intalaa tokko wajjin bakka tokkotti wal barre. Lachuun
keenya wal jaallannee gaa’ela wajjin dhaabuuf waliif
galle. Harmee ijoollee kootii akka taatu, ani immoo
abbaa ijoollee isheetii akkan ta’u waadaa waliif seennee
deemsa kaadhimummaa eegalle. Deemnee deemnee
garuu waliif ta’uu dadhabne.

Dhuma irratti na gowwomsitee nama biraa wajjin akka


jirtun dhaga’e. Ani oduu namaa akkasumaan hin
fudhadhu. Hamman ija koon argutti oduun namaa
dhugaa natti hin fakkaatu. Waan nama gaddisiisu, akka
isheen na gurgurte beekeen itti dhiise.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 82


Seenaawwan Gaggabaaboo

Haala kanaan egaa barbaadee barbaadee harmee keessan


argachuu hin dandeenye. Kunis ishee, sunis ishee natti
fakkaatti.

Kam keessaa eenyuun akkan filadhu wallaaleen kunoo


hamma har’aatti qofaa koon jira. Waadaadha battaluman
ishee argadhe dafee fuudheen gara addunyaa kanaatti isin
fida. Waliin taanee isin fidna. Hamma sanatti obsaan
akka na eegdan isinan gaafadha. Akkuma ani isin yaadu,
isinis garaa keessan irraa akka na yaaddan nan beeka.
Garuu barbaacha koo itti fufee hamman harmee keessan
argadhutti obsuu malee filannoon biroon hin jiru. Obsaan
aannan goromsaa dhuga jedhanii mammaaku warri
keenya. Kanaafuu, obsaa.

Utuu haasofnuu addunyaan nuti keessa jiraachaa jirru


kun baay’ee kan nama hawwisiisu miti. Addunyaa
guyyaadhaa guyyaatti rakkinni itti baay’achaa jirudha.

Nutiyyuu jireenyi akka malee nutti cimeera. Wantonni


gaggaariin dur bara abboota keenyaa turan amma kana
hin jiran. Seenaa ta’anii akka seenaatti qofaa isaan
beekna. Jireenyi mijataa fi gaariin bara isaanii hafe.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 83


Seenaawwan Gaggabaaboo

Dhugaa isaa beektanii itti qophooftanii akka dhuftaniif


rakkinoota addunyaa kana irra jiran kanneen qabatamoo
ta’an akka armaan gadiittan isiniif ibsa.

Tokkoffaa, jaalalli namoota gidduudhaa badee dhalli


namaa gara jabina suukaneessaadhaan wal miidhaa jira.
Jaalalaan waliif yaaduun, jaalalaan waliin jiraachuun,
jaalalaan wal tumsuun, jaalalaan wal bukkee
dhaabachuun dur dur hafe. Amma hin jiru. Kanaafuu,
addunyaan isin itti dhufaa jirtan kan akkanaati. Akka
durii wanti nama gammachiisu baay’een hin jiru. Inni
dur hafe.

Bara abboota keenyaa, bara akaakayyoota keenyaa, bara


abaabayyoota keenyaa... Bara sana hafe.

Lammaffaa, barri kun bara itti jireenyi akka malee


ulfaatuudha. Wanti bara abboota keenyaa qarshii
tokkoon bitamu har’a qarshii dhibbaan hin argamu.

Killeen saantima kudhan kudhaniin bitanii dur ittiin nu


guddisan har’a kunoo tokkoon ishee qarshii sadi sadiin
gurguramaa jirti. Gatiin geejjibaa dur qarshii kudhan ture

Eebbisaa Baayisaa Fuula 84


Seenaawwan Gaggabaaboo

amma kana qarshii dhibbaa fi shantama ta’eera. Erga


waggaa muraasaatii immoo wanti akka malee nama
gaddisiisu kunoo inni barate illee carraa hojii dhabee jira.
Digirii jalqabaa fi lammaffaa baatanii namoonni hedduun
waan hojjetan dhabanii walitti gurmaa’anii hojii
dhuunfaa hojjechaa jiru. Dhagaa bocanii koobilii jechuun
karaarra hafu.

Hojii ogummaa harkaa tokko tokko hojjetu. Buna


jabanaa danfisanii gurguru. Isa barateen kan hojjechaa
jiru muraasa. Kun immoo kufaatii hamilee guddaa
fideera. Dhaloonni har’aa gidiraa keessa jira. Hammuma
lakkoofsi namootaa lafarratti heddumachaa dhufe, haalli
jireenyaas ulfaachaa dhufe.

Sadaffaa, biqiloonni lafarraa badanii ho’i aduu


dachaadhaan dabalee jira. Ilmaan namaa wantota adda
addaa sababeeffachuudhaan mukkeen lafarraa fixan.
Lafa qonnaa argachuuf, qoraan barbaaduuf,
daldalaaf....jedhanii bosona mancaafnaan kunoo dacheen
akka ibidda si’ol nu gubaa jirti. Kanaan wal qabatee
immoo balaan uumamaa hedduun uumamaa jira.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 85


Seenaawwan Gaggabaaboo

Nuti illee uumaan akka humna keenya beekee nurraa


eegaaf malee, biyya faranjootaa hedduu akka malee
miidhaa jira—balaan uumamaa. Lolaa hamaan, bubbee
cimaan, gogisi akka malee...hedduu isaan dararaa jira.

Walumaa galatti rakkooleen kunii fi kan kana fakkaatan


walitti ida’amanii addunyaa kana bakka rakkisaa
taasisanii jiru. Dhugaa dubbachuuf, dacheen kun iddoo
adabaaf dhufan malee iddoo itti jireenya mijaawaa
jiraachuuf dhufan fakkaachuu erga diddee bubbulteetti.

Guutummaan guutuutti dhiphinaan guutteetti. Gurraachi


ni dhiphata; adiin ni dhiphata; hiyyeessi ni dhiphata;
dureessi ni dhiphata; qonnaan bulaan ni dhiphata;
hojjetaan mootummaa ni dhiphata; barataan ni dhiphata;
aanga’aan ni dhiphata; muummichi ministeeraa ni
dhiphata. Addunyaa keenya irratti yaaddoo fi dhiphiini
qabeenya walii wajjin qabnu nuuf ta’anii jiru.

Ijoollee ko! Booddee dhuftanii kana hundumaa argitanii


akka na hin komanne dhugaa isaa isinitti himuu wayya
jedheen kana hunda haasa’e malee isin sodaachisuuf
miti.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 86


Seenaawwan Gaggabaaboo

Utuu hin deemiin dura bakka deeman sirriitti beekuun


hin badu. Beekuu yoo baattan, as geessanii haaraa isinitti
ta’a. “Abbaa keenyatu kana qaba. Utuu kana beekuu
kanatti nu fide!” akka naan hin jenne jedheeni.

Dhugaa dubbachuuf garuu, yoomiyyuu kutataan karaa


hin dhabu. Abbaa mul’ataaf karaan hin dhibu. Namni
kaayyoo waan hin mo’anne hin qabu. Addunyaa
jibbisiistuu kana gara dachee mijooftuutti gedderuun
salphaa ta’uu baatus, namoota ejjennoo jabaa qabaniif
garuu inuma danda’ama. Kanaafuu, ergaa koo kana
argitanii abdii hin kutatinaa.

Yaada jijjiirtaniis dhufuu hin dhiisinaa. Kutannoo


guddaadhaan kottaatii addunyaa kana jijjiiraa.

Walumaa galatti yeroo dhi’ootti harmee keessan


barbaadee argee ishee wajjin taanee gara addunyaatti isin
fiduudhaan ija keessan ija keenyaan akka arginu ammaa
kaasee cimseen irratti hojjedha. Waadaadha! Harmee
keessan nan argadha. Dachee lubbuu nama biliyoonotaan
lakkaa’amaniin guutte kana keessaa ishee tokkittii
barbaadee arguun baay’ee akka ulfaatu beeka.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 87


Seenaawwan Gaggabaaboo

Garuu waaqa na uume kadhadhee, halkanii fi guyyaa


barbaadee nan argadha. Eyyee, nan argadha.

Ishees nan argadha, isinis ni dhuftu. Ammasitti immoo


hamaan akka isin hin argine itti fufee Rabbiin isiniif
kadhachaan isin eega. Hamma ijaan wal agarrutti nagaan
turaa isiniin jechaa, guyyaan harmee keessan argadhu
xalayaa koo lammaffaa isiniif barreessee baga
gammaddan akkan isiniin jedhu waadaan seena. Nagaan
jiraadhaa.

Abbaa keessan isa gara fuula duraa, Tarfaasaa Galataa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 88


Seenaawwan Gaggabaaboo

...5...

Simbooloojii

Kaayyoo Cooligde

Maatiin koo bilisummaan waan na guddisaniif salphaatti


yaada koo ibsachuu nama danda’un ture. Namoota wajjin
dafee waliif galuun natti hin ulfaatu. Fuula haaraattis ani
haaraa hin ta’u. Qormaata biyyoolessaa kutaa kudhnaffaa
fudhannee dabarree amma kutaa 11ffaa C keessa jirra.
Gaafuma jalqaba kutaa seennee barnoota eegallu
yaaddoo tokkotu keessa kootti uumame. Yaaddoo tokko.
Barattoota kutaa 10ffaa baadiyyaatti baratanii kutaa 11ffaa
immoo magaalaa aanaa keenyaatti barachuuf dhufan
keessaa tokko Simboodha. Maaliif akka ta’e naaf galuu
baatus si’an yeroo duraaf ishee arge nan na’e. Suuta
suutaanan jaallachaa dhufe. Jaalalli ani isheef qabu
dabalaa deemuun yeroon ishee argu mara dha’annaan
onnee koo ariifachaa dhufe. Suuta suutaan....

Eebbisaa Baayisaa Fuula 89


Seenaawwan Gaggabaaboo

Sodaan koo naaf hin oolle. Kiyyoon barnoota koo irraa


na kaasuuf naaf qophaa’e tokko kutaa 11ffaa C keessa
akka jiru inni ani dursee tilmaame sirrii ture.

Fulbaana 8 bara 2011 Mana Barumsaa Sadarkaa


Lammaffaa aanaa Eebantuu magaalaa Hindeetti
argamutti barnoota keenya idilee eegalle. Tokko jenne,
lama jenne, sadii jenne….. Ittuma fufne. Ani garuu
qabsoo laman qaba. Tokko barumsa, kaan immoo
Simboodha. Lachanuu mo’achuufan olii fi gad kaadha.
Lamatti milkaa’uuf. Yaada laman yaada; hojii laman
hojjedha; hoj-manee laman hojjedha; addunyaa lama
keessan jira. Addunyaa walirraa fagoo garuu walitti
dhi’oo fakkaatu lama. Addunyaa waan waliif galu
fakkaatu garuu waliif hin galle lama keessa.

Baay’ee qalloo ta’uu baattus furdoo hin jedhamtu.


Hojjaan ishee giddu galeessadha. Magaala bareedina
addaa gonfamteedha. Ilkaan ishee inni gararraas inni
gajjallaas kaarruudha. Yommuu kolfitu dhooqni boolla
fakkaatu kan fuula isheerratti mul’atu miidhagina isheen
duraan qabdutti dabaleefii gogsee nama hambisa.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 90


Seenaawwan Gaggabaaboo

Qajjisa ishee yeroo baay’ee shurrubbaa aadaa dha’achuu


jaallatti.

Dheeratee dhufee dugda isheerra gad darbee gooda ga’a.


Dubartiin mataa Simboo hojjettu kun yoomiyyuu gara
balleettii ishee dhumaa ta’uu qabdi. Kana hunda teessee
toora tooraan funaantee hojjechuun obsa guddaa
barbaada.

Funyaan ishee akka qara eeboo achii gad dhaabatu ija


ishee gurguddaa sana waliin yommuu ilaalamu lafaan
nama mara.

Yeroo hedduu kophee belesee ka’attee deemuun ishee


maaliif akka ta’e namaaf gala. Qeensi quba miila isheerra
jiru akkam akka bareedu ibsuu kan danda’u isa arge
duwwaadha. Hamma ammaatti carraa argadhee hin
yaalle malee mudhii ishee quba harka koo lachan irra jiru
isa guddaa fi ishee akeektuu utuun itti maree waliin ga’u.

Barnoota kudhnan barannutti tokko naaf ida’ameera


jechuudha. Gosa barnootaa dhuunfaa tokko. Simboon
qofaa isheetti gosa barnootaa of danda’e tokko kan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 91


Seenaawwan Gaggabaaboo

qayyabatamuu fi qoratamuu qabduudha. Eenyu akka


qabxii naaf qabu beekuu baadhus barnoota kana qabxii
ol-aanaan darbuuf cimeen hojjechaa jira. Barattoonni
kutaa 11ffaa C isaan kaan gosa barnootaa 10 baratu, kan
koo garuu gosa kudha tokkodha. Simbooloojii jedhee
moggaaseera.

Moggaasa kana ibsuun barbaachisaa natti fakkaata.


Simbooloojiin jecha afaanota lama irraa argame yoo ta’u,
Simboo jechuun Afaan Oromoodhaan miidhagina,
bareeda jechuudha. Maqaa sabni Oromoo ijoolleesaa
warra durbaaf moggaasu. Kanaafuu, Simboon maqaa
intala Oromoo baadiyyaa tokko keessaa dhuftee kutaa
11ffaa C tti barachaa jirtudha jechuudha. Loojii kan jedhu
immoo jecha Afaan Girikii kan ‘logos’ jedhamu irraa
fudhatame. “Qo’annaa” jechuudha.

Kana irraa ka’uun egaa Simbooloojii jechuun qo’annaa


waa’ee Simboof taasifamu jechuudha. Eyyee….barnoota
barsiisonni koo naaf hin beekne, kan barattoonnis naaf
hin hubanne, kan maatiin koos quba hin qabne. Barnoota
kudhan barata jedhanii dabtara kudhan yoo naaf bitan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 92


Seenaawwan Gaggabaaboo

isaan ajaa’iba ilmi isaanii keessa jiru yoom beekan!


Simbooloojiin barnoota ana duwwaaf kennamuudha.
Ana duwwaaf!

Anaa fi Simboo gidduu teessuma tokkotu jira. Fuula dura


isheen taa’a. Kanammoo itti yaadeen filadhe. Yoo na
dura teesse, utuun ishee ilaaluun barumsa dhiisa. Yoo
isheen na booda teessemmoo itti yaadee ta’e jedheema
garagalee yoon ishee ilaaleen ala iji akka arge irra naaf
hin bu’u. Kanaafuu, Simbooloojiin barnoota warra kaan
kanneen akka Baayoloojii, Keemistirii, Seenaa,
Herregaa……akka na jalaa hin danqine eeggannoo
guddaa taasisuu kooti. Teessoon keenya barattoota sadi
sadii baata. Karaa harka koo mirgaa Liibantu jira. Liiban
Dheeressaa. Karaa harka koo bitaa immoo Laliseetu jira.
Barattuu Lalisee Birruu.

Ani immoo gidduu isaaniin taa’a. Teessumni barattoota


sadii baatu kan biraan immoo anaa fi Simboo gidduu jira.

Laliseen yeroo hundumaa waa’ee siyaasaa haasa’uu


jaallatti. Maaltu umurii kanatti akka isheen sana yaaddu
akka taasise naaf hin galu. Tokko dubbannaan, lamas

Eebbisaa Baayisaa Fuula 93


Seenaawwan Gaggabaaboo

dubbannaan dubbiin ishee garuma sanatti fiiga.


Mootummaa, ummata, qabsoo, paartii siyaasaa,
deggertoota, mormitoota, miseensa, adda duree, qaama
ol-aanaa, cunqurfamaa……kana kana haasa’uu jaallatti.
Kutaa 11ffaa C keessa teessee waa’ee paarlaamaa fi
federaalaa dubbatti. Siyaasa yaaddi, siyaasa dubbatti,
siyaasa jiraatti, siyaasa….. Maaliif laata? Gaaffii kanaaf
deebii kanan argadhe abbaan Lalisee obbo Birruu
Gamteessaa kaabinee akka ta’e ergan dhaga’eeti.

Edaa isatu manatti mucaa siyaasessa. Itti fuudhaa ta’ee


isheen gola abbaa isheetti Siyaasooloojii baratti,
anammoo Simbooloojiitu mataa na hidha!

Gosa barnootaa keessaa kan Laliseen baay’ee jaallattu


Lammummaa fi Amala Gaarii isa jedhamuudha.
Yommuu barsiisaan barnoota kanaa kutaa seenu fuula
ishiitu ilkaan ta’a. Akka itti gammaddu hin beektu.
Yeroo barsiisaan tokko dubbatu isheen shan dubbatti.

Barumsi isheen itti aansitee jaallattummoo Afaan


Oromoodha. Maaliif jennaan afaan yoo jiraate malee
siyaasa haasa’anii ummata amansiisuun hin danda’amu

Eebbisaa Baayisaa Fuula 94


Seenaawwan Gaggabaaboo

jetti. Akka kootti kun dogoggora guddaadha. Maal


abbaashee afaan ofii caalaa siyaasa jaallatu! Ani Afaan
koo caalaa eenyuunuu hin jaalladhu. Eenyuunuu!

Yeroo barsiisaan hin jirre hunda siyaasa waan natti


haasoftuuf haasaa ishee nuffeen jira. Nan yaadadha gaaf
tokko teessuma jijjiirrachuuf yaaleen dadhabee itti
dhiise. Barsiisaa maqaa nu waamutu bakka koo duraatti
akkan deebi’u na abboomnaanan deebi’e. Akka malee
gaafa isheen na nuffisiiftu Liibanittan ishee dabarsa.

Liiban nama waa’ee amantii isaa malee waan biraa


hinbeekne kana fuutee siyaasa akka bishaanii obaasti.
Liiban Laliseerraa alkoolii siyaasaa dhugee dhugee
machaa’a. Al tokko tokko haqni dhibuu isaaf harkasaa ol
kaasee waaqa isaa kadhata. “Nurraa cabsi kan haqa
keenya cabse!” jedha.

“Lakki!” jetti Laliseen. “Akkana miti. Cunqursaa fi haqa


dhabuun kadhannaan utuu hin taane qabsoodhaan caba!
Utuu akka kadhannaaf, kan warra keenyaayyuu ga’aa
ture. Amma garuu qabsoo ol-aanaa taasifnee haqa bade
deebisuu qabna. Namoota tarkaanfii ta’uu qabna!” jetti.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 95


Seenaawwan Gaggabaaboo

Dubbii Lalisee kana yeroon dhaggeeffadhu al tokko


tokko barataa kutaa 11ffaa C ta’uu koo irraanfadhee
waanuman biyya bulchaa jiru natti fakkaata.
Quuqamtuudha Laliseen.

Akka waan saba bal’aa kana keessaa siyaasi ishii


duwwaa ilaallatuutti dhimmiti. Akka abbaa dhimmaatti!

Gaaf tokko barsiisaan Afaan Oromoo nu barsiisu


barattoota keessaa namni achi ba’ee baacoo nama
bashannansiisu dubbatee namoota bohaarsu yoo jiraate
akka dubbatuuf caraa kenne. Barattoota hundumaa
dursitee kan harka kaaste Laliseedha.

Barsiisaa Gurmuun waan isheen jechuuf jettu hin


beekuu, lafti nagaadha jedhee carraa kenneef. Kophee
koomee qaraa kaa’attee jirtu tokkoon lafa daree keenya
qaw….qaw….qu’aa….qac….gochaa gara fuula duraatti
baate. Dhaabattee takkaa ijaan barattoota hunda to’atte.

Nan yaadda’e. Amala ishee waanan beekuuf nan


yaadda’e. Dubbiin ishee yoomuu siyaasaan ala hin ta’u.
Hin dandeessu. Dandeessee sanaan ala hin dubbattu.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 96


Seenaawwan Gaggabaaboo

Sagalee ishee cirattee dubbiif qophooftuu ta’uu ishee


mirkaneessite.

“Carraa kana argachuu koof egaa barsiisaa koo


akkasumas barattoota hunda nan galateeffadha!” jettee
galata sababa hin qabne nuuf gumaachite. Barsiisaahoo
carraa inni isheef kenneef galateeffattii, galanni
barattootaahoo kan maaliiti? Utuullee dubbattee booda
akkuma amaleeffatame,

“Waan na dhageeffattaniif galatoomaa!” nuun jettee yoo


xiqqaate harka walitti rukkutuudhaan ishee jajjabeessina
turre.

Dubbii ishee itti fufte. “Barattuu kutaa shanaffaa tokkotu


turte. Barumsa Lammummaa fi Amala Gaarii barattee
gara manaatti deebite. Galgala utuu qayyabattuu abbaa
ishee gaaffii gaafatte. “Abba! Har’a barnoota
Lammummaa fi Amala Gaarii barannee turre. Haa ta’u
malee naaf hin galle. Mootummaa, qaama ol aanaa,
qaama gad aanaa, ummata, paartii siyaasaa, dhaloota
haaraa…..kana kana jechuun maal akka ta’e hubachuu
hin dandeenye. Maaloo utuu naaf ibsitee!” jettee isa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 97


Seenaawwan Gaggabaaboo

gaafatte. Abbaan ishees hamma danda’e ibseefii dhuma


irratti haaluma salphaadhaan fakkeenya kenneef. “Mee
amma fakkeenyaaf” jedhe abbaan ishee, “Mana keenya
keessa haala jiruun siif haa ibsu. Mana keenya keessaa
ani [abbaan] qaama ol-aanaadha.

Harmeen kee mootummaadha. Ati ummatadha.


Obboleessi kee inni xiqqaan [daa’ima waggaa tokkoo fi
walakkaati] dhaloota haaraadha. Hojjettuun mana
keenyaa qaama gad aanaadha.” “Amma siif galeeraa?”
jennaan, “Eyyee” jettee mirkaneessiteef.

Halkan walakkaa fincaaniif kaatee gara mana fincaanii


yeroo deemtu, abbaan ishee hojjettuu mana isaanii
humnaan gudeeduuf utuu wallaansoo qabuu argite.
Harmee ishee ilaallaan raftee jirti. Obboleessi ishee inni
daa’imni immoo boo'aa jira. Achumaan mana fincaanii
deemuu dhiiftee kutaa ciisichaa isheetti deebite.
Atattamaan daftara barnoota Lammummaa fi Amala
Gaarii baafattee irratti barreessuu eegalte. Barreeffamni
ishee akkas kan jedhu ture, “Qaamni ol aanaan qaama
gad aanaa yeroo cunqursu, mootummaan ni rafa.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 98


Seenaawwan Gaggabaaboo

Ummanni dhaabatee ilaala. Dhaloonni haaraan immoo ni


boo’a!”

Maali kun? Amma kana kutaa 11ffaa C keessatti waan


akkanaa dubbatuu? Barsiisaan Afaan Oromoo keenyaa
dalga ishee ilaale. Akka rifachuu ta’ee olii fi gad ilaale.
Nuti barattoonni hamma dandeenyu kolfine, inni garuu
yaadaan dhiphate. Waan inni hin eegiintu itti dhufe.

Lammaffaa waa’ee baacoo waan lafaa kaasu natti hin


fakkaatu. Haa dhiisukaa! Anaa fi Liibaniifoo Laliseen
yeroo hundaa nu cinaa jirtii! Yoo oduu barbaanne nuuf
odeessiti. Yoo baacoo barbaanne nuuf baacci. Yoo aarii
barbaanne nu siyaasessitee nu aarsiti. Nu onnoomsiti….

Liiban immoo abbaan isaa luba. Ilma luba Dheeressaa


Soolanidha. Naannoo keenyaa luba Dheeressaa Soolaniin
kan hin beekne hin jiru. Jaarsa biyyaati. Maanguddoo
araaraadha. Hawaasa keenya hunda biratti jaallatamaa fi
fudhatama addaa qabu. Dubbatanii dhageessifatu. Isaan
waa dubbannaan kaanoo kaanii namoonni mana
mootummaayyuu…jechuun kaabinoonniyyuu…dubbii
isaaniif iddoo guddaa qabu.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 99


Seenaawwan Gaggabaaboo

Ilma isaanii waan ta’eef ta’uu hin oolu Liiban yeroo


baay’ee haasaa amantii haasa’uu jaallata. Jireenya bara
baraa, si’ol, Macaafa Qulqulluu, jalloota, qajeelota,
qulqulloota, cubbamoota, tajaajila, sagada……jechuu
baay’isa. Du’a bara baraa…maal maal…jedhee nama
yaaddessa. “Gara Waaqaatti deebi’aa!” jedhee anaa fi
Laliseetti hima. Ani isa hin mormu. Laliseen garuu
yerooma inni dubbachuu eegalu itti dheekkamti.

“Akka heera mootummaa kanaatti amantii fi barnoonni


adda addadha. Iddoon kun iddoo itti waa’ee amantii
haasa’an miti. Kanaaf lammaffaa waan akkanaa akka hin
dubbanne. Deemee si himadheen si hiisisa!” jettee
doorsifti. Inni of irraa hin falmatu.

Yaa Liiban! Baay’ee na gaddisiisa. Yoo arrabsan hin


arrabsu. Yoo itti dheekkaman dhimma hin jedhu.

Yoo jibban ni jaallata. Yoo itti balleessan dafee dhiifama


namaaf godha. Yoo abaaran ni eebbisa. Yeroo Laliseen
ija diimeffattee itti baannattu hunda dubbii tokko itti
dubbata. Dubbii kana yeroo hundumaa hin irraanfatu,
“Waaqayyo siif haa dhiisu!” jedha.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 100


Seenaawwan Gaggabaaboo

Gaafii gaafi gaddeefiin sababa isaa Lalisee lola.


“Amantii fi barnoonni adda adda yoo ta’an, amantii fi
siyaasa immoo eenyutu tokko taasise? Akkana taanaan
atis lammaffaa siyaasa kee akka nutti hin dubbanne!”
jedheen akeekkachiisa. Xiqqoo irraa callisti!

Kana gidduu taa’een barumsa baradha egaa. Karaa


mirgaa amantii karaa bitaa immoo siyaasan
dhaggeeffadha. Liiban Laliseef baay’ee gurra waan hin
laanneef yeroo hedduu anatu ishii dhaggeeffata.
Barattoonni kutaa 11ffaa C dubbii baay’isuu keenyaaf
walitti nu shakku. Akka waan ani hiriyyaa Lalisee
ta’eetti gumgumanii haasa’u.

Amma silaa akkam godhuu? Natti hin fuudhin!


Dogoggoree illee gaaf-tokko waa’ee jaalalaa itti kaasee
hin beeku. Sababni isaa intalli jaalalaan na mo’atte tokko
jirti. Eyyee…. Tokko jirti. Simboo Dalasaa. Akka qalbiin
ishiitti na gogde kan beeku hin jiru. Anis itti dubbadhee
hin beeku. Fagoottin jaalladha; fagoottin hawwa;
fagoottin beela’a; fagoottin dheebodha; fagoottin fedha;
fagootti…..

Eebbisaa Baayisaa Fuula 101


Seenaawwan Gaggabaaboo

Amala Simboo keessaa kan ani baay’ee ajaa’ibsiifadhu


isa isheen suuta jettudha. Ofii koo jarjaraa waanan ta’eef
natti fakkaata, namoota suuta jedhan nan ajaa’ibsiifadha.
Kun dandeettii guddaadha. Kennaa waaqni namaaf
kennee wajjin nama uumu. Simboon yeroo barsiisaan hin
jirre hin dubbattu. Dabtara ishee qofaa dubbifti.
Barattoonni teessuma tokkorra wajjin ta’an lamaanuu
shamarrani. Baguma dhiira hin ta’in. Silaa….

Darbee darbee yoo barsiisaan gaaffii gaafate harka ol


kaaftee deebifti. Isumayyuu sagaleen ishee hin
dhaga’amu. Barnoota ni dandeessi. Semisteera tokkoffaa
kana sadarkaa hin dhabdu jedhamtee shakkamti.

Karaa hundumaa uumaan harka itti toleera. Itti hin


waakkanne. Bifas, amalas, dandeettiis…wajjumaan
kenneef.

Yeroo isheen sagalee dhageessiftee gaaffii deebiftu


dha’annaan onnee koo dhibbantaa dhibba lama dabala.
Ga’u….guu….gu’a…ga’u… jedha. Al tokko tokko
Laliseen dha’annaa onnee koo dhageessee maal akka ani
ta’e na gaafattii laata jedheen sodaadha.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 102


Seenaawwan Gaggabaaboo

Isheen garuu hin hubattu. Waaqni isheef arraba eebbisee


Simboof immoo sammuu eebbise!

Yeroo tokko tokko Lalisee fi Simboo wal bira qabeen


madaala. Laliseen raadiyoodha. Akka malee haasofti.
Haasoftee haasoftee hin quuftu. Nan yaadadha gaaf
tokko waanan isheedhaan jedhe. “Amma inni ‘earphone’
hojjetee namni tokkichi qofaa isaa sagalee akka
dhaggeeffatu taasise sun maal ta’a ‘mouthphone’ iis
hojjetee utuu nu boqochiisee. Hamma fedhe haasoftee
kan namni biraan si hin dhageenye utuu ta’ee attam
namatti tola!” ittiin jennaan sa’atii muraasa na oodde. Na
cufte. Yeroo xiqqoo booda garuu na obsuu dadhabdee
natti araaramte.

Eenyutu hamma koo garaa bal’atee yeroo isaa miyaa


irraa kutee gurra isaa kennaaf! Hin jiru.

Barattoonni kutaa 11ffaa C barumsa keenya itti fufnee


jirra. Battallee isa jalqabaa afaan Ingilizii qoramne.
Homaa hin jedhu. Ani gaaffii tokko malee kanan shakku
hin qabu. Kudhan keessaa sagal argadheera. Wiixata
qoramnee Kibxata barsiisaan keenya nuuf fidee dhufe.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 103


Seenaawwan Gaggabaaboo

Jalqaba maqaa koo waamee harka walitti naaf


rukkuchiise. “Excellent!” naan jedhe afaan jaraan. Ija
lafa jalaan suuta jedhee Simboo ilaallaan fuulli ishee ifee
harka naaf rukkutti. Nan gammade. Anaaf erga kennee
booda itti aansee barattuu tokko maqaa waame. Waanan
dhaga’e amanuu hin dandeenye.

“Simboo Dalasaa!” jedhee waamnaan harka walitti


rukkunne. Ani keessumaa akka of wallaaluu wayii ta’een
gaafa isaan kaan harka rukkutuu dhaaban ittuma fufee
walitti rukkute. Akkan dogoggoraa jiru yeroo barattoonni
natti kolfanii jennaan akka waanan hirribaa dammaquutti
of baru naaf gale. Haa kolfan! Karaa Simboo kan natti
dhufu kolfa mitii boo’ichayyuu hin sodaadhu. Waan na
mudatu hunda fudhachuuf qophaa’aa dha.
Yoomiyyuu….

Amma itti dubbachuuf karaa xiqqoo waanan argadhe


fakkaatee natti mul’ate. Anis sagal, isheenis sagal
argatte. Anaafis harka rukkutan, isheefis akkasuma.

Anaanis, Excellent jedhe, isheenis akkasuma. Wantonni


wal nu fakkeessan baay’ataniiru. Maaltu beeka utuma

Eebbisaa Baayisaa Fuula 104


Seenaawwan Gaggabaaboo

wal fakkaannuu…utuma wal fakkaannuu gaaf tokko


guddannee wal fuuna ta’a. Wal fuunee mana tokko
jiraanna. Mana tokko jiraannee ijoollee horra. Ijoollee
horree guddifanna. Guddifannee itti gammadna ta’a.
Amma amma hin fakkaatuu?

Anaa fi ishee duwwaaf harki rukkutamee waraqaa


qormaataa erga fudhannee booda, kan hafe dura ta’aa
barattootaatti kennee barsiisaan yeroo boqonnaa akka
hiruuf abboome. Boqonnaan geenyaan barattoonni isaan
kaan waraqaa fudhachuu yommuu hafan nuti gootonni
afaan Ingilizii lamaan suuta jennee gad ba’uuf kaane.
Akkuma isa wal mari’atee waluma faana dareedhaa
baane. Kanaan dura ija jabaadhee itti dubbadhee hin
beeku. Har’a garuu murteesseera. Karaa jige haa
dhangala’u!

Yoo xiqqaate nagaan gaafadha. Yoo guddate immoo


waa’ee qormaata keenyaan mariisisa.

Akkuma gad baaneen maqaa ishee waamuuf jedheen,


“Si…..” jedheen hafuurri gargar na cite. Dubbadhee
xumuruu hin dandeenye.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 105


Seenaawwan Gaggabaaboo

Sagalee maqaa ishee isa jalqabaa dhageessee ija keessa


na ilaalte. Harka koo mirgaa itti ergee nagaa gaafachuuf
jennaan harki koo akka sibiila boorajjii natti jabaate.
Socho’uu dide. Akkuma isaattin itti erge. Akka ani
sodaadhe barte fakkaata! Faara baatee haala ofitti nama
hawwatuun “Tolasaa! Akkam jirta?” naan jette. Maal?
Amanuu hin dandeenye. “Na…naguma. At….i hoo
akkam?” jedheen nagaa biraa gaafadhe. “Jira galata
Rabbii! Qabxii gaarii fiduu keef siif gammadeen jira!”
naan jette.

“A….anillee akkuma kana. Siif gammadeera. Ofii


gaaffii isa kam dhabde?” jedheen sadarkaa waliin dubbii
keenyaa ol butuu yaale. “Gaaffii lammaffaan dhabe.
Jechama faranjootaa isa, “In my dream you become mine,
when I wake up you become__________” isa jedhun
dhabe.

Edaa deebiin isaa “a dream” isa jedhu ture. Animmoo


“a friend” isa jedhun filadhe. Isa booda nan dhabe!”
naan jette.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 106


Seenaawwan Gaggabaaboo

Gama kootti hin hafin jetteeti natti fakkaata, isheenis


gaaffii ani ishee gaafadhe deebiftee na gaafatte. “Atihoo
isa kam dhabde?” naan jette. “Animmoo saddeettaffaan
dhabe. If you can’t get what you like, like what
you_______” isa jedhu.

Edaa deebiin isaa “have” kan jedhu ture. Ani garuu


“think” kan jedhun filadhe. Isa booda nan dhabe”
jedheen deebiseef. Tokkoo fi tokko. Taphicha wal qixa
waan taphanne natti fakkaateen gammade. Gaaf tokkotti
waliin dubbii eegalanii hamma kana fagaachuu
dandeenyaan gaafa wal bira tutturan wal dhuunfachuun
hin oolu jedheen yaade.

Utuu dhaabannee haasofnuu Laliseenfaa waraqaa


qormaataa fudhatanii boqonnaaf gad ba’an. Laliseen
fuula gudunfitee dhuftee dalga na ilaalte. Akka waanan
waa jalaa fudhadhee natti aarte.

“Maal haasoftu qaxaloota daree keenyaa!” jettee dubbiin


nu waraante. Lamaan keenya jecha tokkoon waamuun
ishee haalaan natti tole. Dubbii kana fakkaatu utuu itti
dabaltee…..

Eebbisaa Baayisaa Fuula 107


Seenaawwan Gaggabaaboo

Sababa adda addaa funaannee walitti haasa’uu eegalle


Simboo wajjin. Waliin qayyabachuu…wal
gaafachuu…waliif deebisuu….wal jabeessuu….wal
jajjabeessuu! Walitti dhufeenyi keenya hamma hawaasa
mana barumsaa keenyaaf gaaffii ta’utti ga’e. Dhimma
isaanii! Kaleessa Laliseetti na shakku. Har’a immoo
Simbootti. Nama jaallatanitti shakkamuun nama hin
aarsu. Ittuu nama gammachiisa.

Hariiroo keenya ilaalchisee wanti na yaaddessu tokko


jira. Yeroo wal arginu hundumaatti waa’ee barnootaan
ala waan tokko itti dubbachuu hin dandeenye. Dhimma
jaalalaa akkan hin dubbanne afaan koo hidhaa hin
hiikamneen hidhameera. Luugamameera. Waanan ishee
mariisisu dhimma guddaa tokko akkan qabu ergan itti
himee gara ji’a lamaa ta’aa jira. Hamma ammaatti garuu
hin dandeenye. Murteessee deemee itti himuuf yommuun
jedhu arrabni na hidhama. Gaafan fala wallaalu
dhoksaadhaanan Liibaniin mariisise. Liiban
qulqulluudha. Waa’ee amantiisaa malee maal beeka?

Eebbisaa Baayisaa Fuula 108


Seenaawwan Gaggabaaboo

Icciitii kana Laliseen akka inni hin geenye


akeekkachiiseen isa mariisise.

“Ilaa Liiban! Ani Simboo jaalladheera. Kan koo akka


taatun barbaada. Kan koo duwwaa. Yeroo baay’ee gaaffii
jaalalaan dhi’eessaaf jedhee yaaleen dadhabe. Waan
garaa koon itti hima yoon jedhu, arrabni koo hidhamee
waan biraa haasa’a. Maal naaf wayya?” jedheen
icciitiidhaan gaafadhe. Deebiin Liiban gabaabaadha.
“Maarree” naan jedhe akka waan fala naaf argee. “Kan
garaa kee dhiisiitii kan arraba kee duwwaa itti
haasa’ikaa!” Nan aare.

Silaas nama akka Liiban waa’ee jaalalaa utuu hin taane


waa’ee amantii mariisisu. Achumatti isa dhiiseen deeme.

Barattoonni kutaa 11ffaa C ammallee barumsa keenya


idilee itti fufneerra. Isaan kaan kudhan, animmoo gosa
kudha tokkon baradha. Amma garuu Simbooloojiin na
dadhabsiisee isaan kaan akkan hin qo’anne na taasisaa
jira. Gaaffiin ani hojjedhu isa qofa. Kan ani qayyabadhu
isa qofa. Kan ani itti gammadu isa qofa. Qorumsa
dimshaashaa kan semisteera tokkoffaa fudhachuuf

Eebbisaa Baayisaa Fuula 109


Seenaawwan Gaggabaaboo

torbeen tokko qofti yoo na hafu ture akkan miidhame


kanan hubadhe. Ammallee garuu yaada koo Simboof hin
ibsine.

Isheen akka koo jaalalaan miidhamaa waan hin jirreef itti


gad qabdee dubbifti. Akkuma duraatti qabxii gaggaarii
fidaa jirti. Anatti kiyyoo taatee ofii na darbiteetti. Ana
waanjoo jaalalaa isheen qabdee…ofii bilisummaan hojii
isheetti jirti. Hojii ishee isheef haa laatu malee!

Qormaata dimshaashaa xumurree boqonnaaf yoo deemnu


Simboon maatii bira deemte. Kan natti himte maatii
ishee daw’achuuf qofa akka deemtu ture.

Boqonnaan torbee tokkoo waggaa tokko natti ta’e. Hin


dhi’u, yoo dhi’emmoo hin bari’u.

Akkuma isaatti boqonnaan nuuf kenname dhumee yeroo


dareetti deebinu Simboo arguu koo dhugaa hin seene.
Qabxiin koo akka malee gad bu’eera. Kan ishee garuu
baay’ee ol ka’aadha. Waan wajjin jalqabne wajjin
xumuruu hin dandeenye. Baay’een na’e. Nan yeella’e.
Durbi kaayyoo ishee galmaan ga’attee, ani inni dhiirri

Eebbisaa Baayisaa Fuula 110


Seenaawwan Gaggabaaboo

akkas ta’uu koo ofin tuffadhe. Garuu gatiin Simboo


argachuuf baase fakkaatee natti dhaga’ame. Xiqqoo
qomarraa gad na bu’e.

Wiixata ganama gaafa yeroo jalqabaaf tokko jennee


semisteera lammaffaa eegalle sana hamma boqonnaan
ga’ee Simboo nagaa gafadhutti baay’een ariifadhe.

Hin oolle sa’atiin ga’ee yeroo bilbilli bilbilamu walitti


fiignee nagaa wal gaafanne. Ilaallee wal quufuu
dadhabne. Fuula ishee irraa kaasee morma ishee, isa
booda laphee ishee, guntuta ishee……ilaalaa ilaalaa
dhufeen quba ishee bitaa irratti waan nama rifachiisu
arge.

Waan nama naasisu. Naasisee of nama wallaalchisu.


Quba guddaarraa kaasee achi deebisee gaafan lakkaa’u
quba afraffaarra qubeelaatu jira. Qubeelaa
kaadhimummaa. Nan holladhe. Akka waan ganna ta’ee
natti qorre. Suuta jedheen ofirra gad taa’e. “Maal
Tolasaa! Si dhukkube moo? Maal nagaa mitii?” naan
jette. “Nagaadha. Wanti quba kee irra jiru kun maal?

Eebbisaa Baayisaa Fuula 111


Seenaawwan Gaggabaaboo

Mee naaf ibsuu dandeessaa?” jedheen gaafadhe. Bitaa itti


gale.

“Eyyee siifan ibsa. Yeroon boqonnaaf biyyatti gale


maatiin bar sagantaa wayii qopheessanii hiriyyaa koo
tokkoof na kaadhimmachiisan” naan jette. “Hiriyyaa
akkamii?” jedheen hafuura addaan ciccitu tokkoon
gaafadhe.

“Kan kutaa torbaa fi saddeetitti barnoota Fiiziksii nu


barsiise tokko. Barsiisaa Ifaa Guyyaasaa jedhama” gaafa
naan jettu lafatu natti dukkanaa’e. Akka nama dhukkuba
hir’ina dhiigaa qabuu waan gurraachi tokko ija dura na
marse. Lafa arguun dhabe. Socho’uu hin dandeenye.
Barsiisaa Ifaa Guyyaasaa. Ilma eessuma kootii. Kan na
darbiterra kanan mana ilma eessuma kootti ishee ilaalaa
hafu.

Simbooloojiin kanumaan raawwate. Semisteera tokko


guutuu jabaadhee hojjedhus itti hin milkoofne. Isa kaanis
akkasuma. Maaltu beeka.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 112


Seenaawwan Gaggabaaboo

Akkuma barattoonni daree koo duraan itti na hamatan


carraan koo ganamaa Lalisee taati ta’a. Anaafis Laloofis
rabbi jira! Waan fedheefuu garaa koo haa kutadhu. Egaa
nagaatti. Simboo nagaatti! Karaa gaarii! Gaa’ela gaarii!
Jireenya gaarii! Eyyee, nagaatti……..

Eebbisaa Baayisaa Fuula 113


Seenaawwan Gaggabaaboo

…6…

Miira Miidhame!

Ni bari’a, ni dhi’a. Ni dhi’a, ni bari’a.... Kaleessi


dheengadda ta’a. Har’i ariifatee kaleessa ta’a. Halkan
guyyaaf, guyyaan immoo halkaniif utuu dabaree gad
lakkisanii kunoo Mardaasaan erga sammuun isaa
tuqamee waggoonni afur darbaniiru. Waggoota lamaan
jalqabaa maatiima isaa wajjin dabarse. Wallaansa yaalaa
gad fagoo ta’e hin arganne. Waggoota lamaan
darbanimmoo manni yaalaa aanaa Hoomaa hospitaala
Gimbiitti barreesseef. Hospitaalichi immoo kallattiidhaan
hospitaala Amaanu’el Finfinneetti akka yaalamu ol
barreessinaaniif kunoo achitti yaalamaa jira.

Maatii baay’ee dureeyyii keessaa dhalate. Harmeen isaa


itti gaafatamtuu dhimma dubartootaa aanaa sanaati.
Abbaan isaammoo kanaan dura yeroo murtaa’eef
bulchaa aanichaa ta’ee hojjechaa ture. Isa booda sababa
jiruu fi hin jirre itti funaananii hojii ala taasisan.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 114


Seenaawwan Gaggabaaboo

Malaammaltummaa sababeeffachuun taayitaa erga irraa


mulqanii booda, hojii isaa duraaniitti deebisan.

Amma dura ta’aa waajjira fayyaa aanichaati. Ogeessi


fayyaa akkamitti akka aanaa bulchu namaaf galuu baatus
yeroof itti kennanii turan.

Taayitaa qabutti fayyadamee harka lafa jalaan waan


baay’ee akka hojjete namoonni naannoo sanaa gad
qabanii gumgumu.

Mardaasaan Qananummaa guddaadhaan guddate. Ilma


tokkicha waan ta’eef harmeen isaa aadde Gammadee fi
abbaan isaa obbo Soolan baay’ee jaallatu. Hamma
danda’ametti waan barbaachisu hundumaa guutaniifii
guddisan. Ija keessa ilaalu. Akka qaroo ija isaaniitti
kunuunsu.

Barumsa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa qabxii


ajaa’ibsiisaadhaan xumure. Barumsa sadarkaa ol aanaa
itti fufee Mekaanikaal Injiinariingii barachuuf
Yuunivarsiitii Finfinnee seene. Semisteera sadii guutuu
barataan isa dursu mooraa inni keessatti baratu keessaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 115


Seenaawwan Gaggabaaboo

hin argamne. Qabxii moorichatti galmaa’ee hin beekne


galmeesse. “Mucaan kun eessuma ga’aa?” jedhu
barsiisonni isaa.

Hiriyyoonni isaa dandeettii sammuu isaa


ajaa’ibsiifachuun maqaa isaa “Albert Inistaayin” jedhanii
waamu. Namoonni hedduun isa ajaa’ibsiifatu.

Mul’ata guddaa qaba ture—Mardaasaan. Argannoo


haaraa hamma ammaatti hin abuuramin argatee, of
guddisee lammii isaa guddisuu. Fagoo fagoo ture
mul’anni isaa.

Waan xiqqoo hin yaadu, waan xiqqoo hin karoorsu,


waan xiqqoo hin dubbatu, waan xiqqoo hin hojjetu, waan
xiqqoo hin abjootu.....waan guddaatu keessa isaa jira.
Dubbii nama kakaasu namatti dubbachuun nama
daqiiqaa kudhan isa wajjin dabarsetti lubbuu deebisa.

Yommuu dubbatu nama saayinsii siyaasaa haalaan barate


fakkaata. Barreeffamni isaas adda. Kitaabota hin
maxxanfamin kanneen inni barreessee kaa’e namni ilaale
barnoota afaanii haalaan akka inni hin baratin akkamitti

Eebbisaa Baayisaa Fuula 116


Seenaawwan Gaggabaaboo

amanuu danda’aa? Mardaasaan abbaa kennaati. Abbaa


kennaa hedduu...

Semisteera sadaffaa qabxii ajaa’ibsiisaan xumuree


boqonnaaf maatii isa jaallatu bira deeme. Torban tokko
yeroo hin irraanfatamne dabarsee Finfinneetti deebi’e.

Finfinnee akkuma dhufeen mana eessuma isaa mana Dr.


Kumsaa boqote. Guyyaa lama isa bira turee gara
mooraatti deebi’ee galmee galmaa’e. Galmaa’ee yeroo
sa’atii lama hin guunne keessatti bilbilli tokko
bilbilameef. Oduu guddaa tokko dhaga’e. Oduu al
tokkotti seenaa jireenya isaa jijjiire, oduu xiqqoo ta’ii
guddaa jireenya isaatti fide, oduu gara addunyaa
haaraatti isa ceesise, oduu kaayyoo fi mul’ata isaa
achumatti jalaa dhaabe, oduu egeree isaa jalaa ajjeese,
oduu akka malee nama gaddisiisu....dhaga’e. Erga oduu
sana dhaga’ee amma ammaatti sammuun isaa sirrii hin
taane. Har’a fayyaa fakkaata, bor immoo itti deebi’a.
Ganama nama fayyaa fakkaatee akka nama fayyaatti
dubbata, galgala maraatuu guddaa ta’a, amma nagaadha,

Eebbisaa Baayisaa Fuula 117


Seenaawwan Gaggabaaboo

amma dhukkubsataadha. Erga akkas ta’ee kunoo amma


waggaa afur guutuu ta’e.

Waggoota lamaan darban Hospitaala Amaanu’eelitti kan


dabarse Mardaasaan nama namoonni galma isaa arguuf
hawwan ture. Abbaa fi haati isaa erga gaafa dhukkuba
sammuu isaa dhaga’anii takkaa hin qabbaneeffanne.
Harmeen isaa kanaan dura gara jabeettii fakkaattu illee
imimmaan ija ishee irraa qooree hin beeku. Yokaan
duunaan of biraa dhabdee garaa hin kutattu.

Yokaan jiraatee akka namaa hojii isaa hin hojjetatu.


Du’eera akka hin jenne jira, jira akka hin jenne du’eera.
Gidduutti gubatte.

“Yaa Rabbi! Amma ati eessuma jirtaa? Eessaan goree


gara waajjira kee dhufu? Akkamitti daqiiqaa shan si
wajjin dubbadhu? Karaan gara kee fidu isa kami? Utuun
carraa argadhee si wajjin dubbadhee, silaa dhukkuba
mucaa koo ana deessee isaatti dabarsii isa naaf fayyisin
siin jedhan ture!” jetti garaa dhalaa isa jaallatee hin
quufne sanaan. Waan jettu hin beektu. Waaqas namas ni
komatti. Yeroo ilaalamtu immoo dhugaa qabdi.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 118


Seenaawwan Gaggabaaboo

Mardaasaan mucaa tokkicha isheen qabdudha. Isheef


mitii lammii isaafuu abdii iji irratti irraanfatamedha.
“Mucaa tokkittii naaf laattee gaabbitee isumayyuu na
jalaa...” jettee “maraachitaa?” jedhee dubbachuu arrabni
ishee dadhabnaan gidduutti dhiifti. Jechuma “maraatuu”
jedhu jibbiti.

“Anaafoo” jetti Gammadeen boossee waaqa ishee yeroo


kadhattu. “Anaafoo ilmi koos intalli koos, qabeenyi koos
egereen koos, abdiin koos eenyummaan koos—
Mardaasaa dha! Maaloo maaluman sitti balleessee?
Tokkittii naaf laattee tokkittii narraa fudhattaa?” yeroo
jettu namni ishee dhaga’u hundi uursee wajjin boo’a.

Eessumni isaa Dr. Kumsaan hospitaala Amaanu’el


heyyamsiisee torban tokko mana isaa taa’ee deddeebi’ee
akka yaalamu heyyamsiiseef. Haala Mardaasaa wajjin
yeroo ilaalamu kun hin danda’amu. Garuu Dr. Kumsaa
taanaan heyyamaniif. Ganama ganama yeroo hundaa
fidee akka wallaansisu itti himanii jennaan Mardaasaa
fudhatee gale. Abbaan isaa, harmeen isaa, firoonni hundi
mana Dr. Kumsaatti walitti qabamanii jiru. Guyyaan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 119


Seenaawwan Gaggabaaboo

har’aa guyyaa gammachuuti. Gammachuu uffata gaddaa


uffatee jiru. Guyyaa ittii waggaa digdamii afraffaa
Mardaasaa kabajan. Eyyee, Mardaasaan har’a waggaa
digdamii afur guuta.

Nyaannii fi dhugaatiin qophaa’ee, keekiin bitamee,


dungoon qabsiifamee....qophiin hundi xumurameera. Dr.
Kumsaan Mardaasaa fidee konkolaataa isaan dhufe.
Namoonni guyyaa ayyaanaa sana kabajuuf walitti
qabaman hundi Mardaasaa arganii akka waan namni
du’ee boo’uutti ka’an. Isa hin fakkaatu. Qal’ateera.
Ji’ootaaf nama nyaata nyaatee beeku hin fakkaatu. Fuulli
isaa qooreera. Garaan isaa dugda isaatti maxxaneera.

Iji kaleessa isa beeku hundi har’a yoo isa argu imimmaan
hin qabatu. “Anaa haa nyaatu!” jedhu namoonni
hedduun. Oduu bilbila daqiiqaa sadiin itti himameen
kunoo carraan isaa jalaa badee mucaan kana fakkaatu
xobbeetti maraate.

Namoonni boo’icha akka dhiisan Dr. Kumsaan itti


dheekkamnaan abba abbaan gadda isaa of keessatti
ukkaamsee cal jedhe. Isa booda sirni kabaja ayyaanichaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 120


Seenaawwan Gaggabaaboo

eegalamee yeroo itti Mardaasaan haasaa gabaabaa


taasisu ga’e. Jalqaba yeroo Dr. Kumsaa wajjin dhufe
homaa hin jedhu. Waanuma sirrii haasa’a. Darbee darbee
akkuma nama fayyaatti haasa’a. Sirreessee utuu inni
haasa’uu yoo dhaga’an firoonni waan jajjabaatan itti
fakkaannaan Dokteriin carraa haasaa taasisuu isaaf kenne
malee, Mardaasaan amma nama kanaaf ta’u hin turre.

Mardaasaan haasaa taasisuuf afeeramee ka’ee dhaabate.


Dubbachuu eegale. “Thank you very much!” jedhee
afaan Ingiliziin dubbii isaa eegale. “Namoonni kun hundi
guyyaa dhalata koo naaf kabajuuf dhufaniiru. Kabajanis
kabajuu baatanis garuu homaa bu’aa hin qabu. Akka natti
fakkaatutti guyyaan kabajamuu qabu guyyaa dhalootaa
miti, guyyaa du’aati. Du’uun bilisummaa guutuu
gonfachuudha. Namni du’e hin maraatu. Namni du’e
barumsa isaa addaan hin kutu. Namni du’e hiriyyaa
durbaa isaa du’aan hin dhabu. Ani amma Leemmanee
koo balaa konkolaataan kanan dhabe waanan jireenyatti
jiruuf. Utuun hin jiru ta’ee Leemmaneen qofaatti na
gattee hin duutu. Namni jiraatu akka koo kana ta’a
taanaan, jireenyarra du’a wayya. Kanaafuu, sagantaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 121


Seenaawwan Gaggabaaboo

kabaja guyyaa dhaloota kootii kana asumarratti


dhaabdanii akka deemtan isinan ajaja. Hin ta’u taanaan
tokkoo tokkoo kee....” yommuu jedhu eessumni isaa
qabee gad teessise. Isaan kaan akka mana boo’ichaa
boo’an.

Erga taa’ees hin callifne. Dubbachuu itti fufe. “Waggaan


afur seenaa qaba. Gadaan kan jijjiiramu waggaa afuritti.
Ergan dhaladhee waggaa digdamaa fi waggaa afur.
Oobaamaan waggaa afuriif filame. Waggaa afur
Amerikaa pirezidaantummaadhaan geggeessee yeroo
isaa isa duraa xumure. Itti dabalee ammas waggaa afuriif
filame. Waggaa afur isa lammaffaa yoo xumure isa
booda itti hin fufu. Ani ergan maraadhee waggaa afur.
Waggaa afur isa lammaffaa jalqabeera. Kana xumuree
booda garuu itti hin fufu. Leemmaneen koo erga na jalaa
duutee waggaa afur.

Waggaa afur isa lammaffaa jalqabdeetti. Isa booda garuu


itti hin fuftu.....” jedhee waan jiruu fi waan hin jirre
haasa’e. Dhuma irratti abdii kutatanii gola ciisichaa
galchanii karaa alaa balbala cufan. Miira gaddaatiin

Eebbisaa Baayisaa Fuula 122


Seenaawwan Gaggabaaboo

ayyaana dhaloota isaa waggaa digdamii afraffaa


kabajaniif. Sirnichi xumuramee booda gara gara
dhufanitti deebi’an.

Hamma fedhe yoo of wallaale Mardaasaan waan hin


irraanfanne tokko qaba. Galmee yaadannoo isaa guyyaa
guyyaa. Dabtara giddu galeessadha. Torbanitti yoo
xiqqaate yeroo lama mudannoo isaa itti barreeffata.

Gaafa gaafa mataan isaa itti fooyya’u gad taa’ee


barreessa. Ni barreessa.....

Amajji 18, bara 2013

Har’a guyyaa dhaloota koo waggaa digdamii afraffaa


naaf kabajuuf maraatonni hedduun mana eessuma koo
kanatti wal ga’anii jiru. Dhugaa Waaqaa! Kunoo
ammayyuu saaloniidhaa uursanii haasa’aa jiru. Sagalee
isaanii hin dhageessanii? Isaan guyyaa dhaloota koo
waggaa digdamii afraffaa kabaju. Ani immoo guyyaa
maraachuu koo waggaa afraffaan kabaja. Guyyaa du’a
hiriyyaa durbaa koo waggaa afraffaan kabaja. Dubbadhu
naan jennaan waan sammuu koo keessa jiru hundan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 123


Seenaawwan Gaggabaaboo

dubbadhe. Waa’ee Oobaamaa fi waa’ee Leemmanee.


Waa’ee Niilsen Maandeellaa fi waa’ee Maatama Gaandii
utuun hin dubbatin tiraafikiin qilleensaa na qabe.
Gidduuttin dhaabe! Jechuun, gidduutti na dhaabsisan.
'Sorry!' Ofii eenyu maraatuun? Ana moo isaantu
maraatuudha? Eenyu akka ta’e hubachuu baadhus
tokkoon keenya maraatuudha. Yokaan ani yokaan
immoo isaan.....” jedhee yaadannoo isaa har’aa
barreeffate.

Achumaan yaadannoo isaa jalqabaa kaasee dubbisuu


eegale. Edaa waan hedduu barreesseera.

Waggaa afur har’aa yeroo maraatee gara maatiitti


deebi’u abbaan isaa dabtara akka isaaf bitu gaafatee,
dabtara isaa irratti yaadannoo isaa isa jalqabaa tokko
jedhee yeroo barreesse akkana jedhe:

Bitootessa 14, bara 2009 (Akka lakkoofsa faranjiitti,


ta’es ta’uu baates maaltu na galche?)

“Gaaf tokko illee nan maraadha jedhee yaadee hin beeku.


Kaanoo kaanii abjuudhaan illee maraadhee hin beeku.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 124


Seenaawwan Gaggabaaboo

Garuu kunoo maraateera jedhanii manatti na galchan.


Suuta suutaan addunyaan guutuun maraachuuf akka jiru
sirriitti beekus, ammaaf garuu qofaa koo maraachuun
koo na gaddisiisa. Maaltu na maraachee? Maaliifan
maraadhee? Barumsa koo utuun hin fixiin maaliifan
maraadhee? Utuun hin saganteessiin karoora malee
maaliifan akkana ta’ee?” jedha. Gaaffiidhaan
barreeffama isaa xumure.

Keessa keessa deemee dubbisuu itti fufe.

Adoolessa 7, bara 2009

“Gaafa Obaamaan pirezidaantummaaf filatame sana


abjuu koon Amerikaan ture. Anis akkuma lammiilee
Afrikaa isaan kaanii Obaamaan filadhe. Garuu nan
dogoggore.

Maaliifan isa filadhee? Maal naaf godhaayyuun isa


filadhee? Erga inni filamee rakkinumatu dabalame malee
homaa furmaanni hin jiru. Nuuf haa turuu Keeniyaa,
biyya abbaa isaayyuu hin yaadanne. Ani utuun isa ta’ee
yoona Itoophiyaa kana jijjiireera. Namni sammuun

Eebbisaa Baayisaa Fuula 125


Seenaawwan Gaggabaaboo

dhukkubnaan barumsa isaa addaan kutee manatti galu


tokkollee hamma hin jiraannettan biyyattii guddisa.
Garuu maal godhaa?.....”

Ammas ittuma fufee dubbise. Yaadannoo dha.


Yaadannoo waggoota afurii.

Fulbaana 30, bara 2010 (Hoomaatti, jechuun


maraatteetta jedhanii erga na fidanii)

“Gaafa ani of wallaale sana Boontuun, hiriyyaan


Leemmanee, bilbila naaf bilbilte. Sa’atii isaayyuu nan
yaadadha. Waaree booda sa’atii 7:45 tti ture. Haloo naan
hin jenne. Nagaas na hin gaafanne. “Irmii baafadhu!
Leemmaneen kee balaa konkolaataadhaan duuteettii!”
naan jette. Dhugaa kana amanee fudhachuu mannaa
maraachuu naaf wayya jedhee sammuun koo akka ba’etti
achumaan hafe. Garuu maaliif duutee? Leemmaneen
maalumaaf duutee? Anaan eenyutti na kennitee duutee?
Leemmaneen anaaf hiriyyaa jaalalaa qofaa hin turre.

Gaafa obboleessi na barbaachisu obboleessa naaf taati.


Gaafan obboleettii dheebodhu obboleettii naaf taati.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 126


Seenaawwan Gaggabaaboo

Warra koof qofaa ta’ee dhalachuu koo na irraanfachiiftee


turte. Obbolaan dhabuu koon waan natti hir’ate
hundumaa naaf guuttee turte. Leemmaneen anaaf waan
hundumaa turte. Biyyoon akka itti salphatu nan
hawwaaf. Maaltu beeka? Guyyaa tokko dhukkuba koo
irraa fayyee abaaboo bareedaa geessee awwaala ishee
irra kaa’uuf carraa nan argadhan ta’a!”

Yeroo kana dubbise imimmaan ija isaa keessaa


dhangala’uutti ka’e. Seenaan Leemmanee akka nama TV
dhaan ta’ii tokko ilaaluutti ija isaa dura dhufe. Tokko
lamaan itti yaadatame. Dubbii isheen itti dubbachaa turte
hedduun sammuu isaa keessaa iyyuutti ka’e. Ni yaadate.

Waan baay’ee baay’eetu itti yaadatame. “Tokkicha taatee


dhalachuu keef hin gaddin. Ani iddoo obbolaan kee
hundumaa siifan ta’aa!” “Wanti addaan nu baasu
tokkollee hin jiru!” “Wajjin taanee, Waaqa dabalannee,
haalli nuti hin mo’anne hin jiru!” Itti yaadatame. Ammas
fuula biraa banatee dubbise.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 127


Seenaawwan Gaggabaaboo

Guraandhala 11, bara 2010

“Nama keessaa eenyuun amanu? Mee eenyumatu


amanamaa? Dubbatee dubbii isaa fiixaan kan baasu
eenyudhaa? Waadaa seenee waadaa isaa kan kabaju, waa
jedhee kan booddee hin deebine, abdachiisee kan yaada
hin jijjiirre eenyudhaa? Erga Leemmaneen waadaa ishee
diigdee eenyuunan amanaa?

Anaa fi ishee eenyullee akka addaan nu hin baafne


deddeebitee natti himaa turte. Lachuun keenya barumsa
semisteera sadaffaa xumurree boqonnaaf gara mana
maatii keenyaatti galle. Ani waadaa koo eeggadheen
deebi’ee dhufe. Ishee jalaa hin duune. Isheen garuu
ammamoo amma dhufti jedhee utuun karaa ilaaluu
hamma libsuu ijaatti na gante. Na jalaa duute.
Eenyummaan koos ishee wajjin du’e. Barumsi koos
wajjumaan. Kaayyoon koos wajjumaan.....

Maaliif akka isheen na dhiiftee duute baruuf hamma


ammaatti qorannoo hedduu taasiseera. Garuu sababa isaa
baruu hin dandeenye. Bagan hin barin. Utuun barees
maal naaf godhaa?

Eebbisaa Baayisaa Fuula 128


Seenaawwan Gaggabaaboo

Kana booda Mardaasaan qo’annoo fi qorannoo


geggeessee bu’aa argate jedhee eenyutu narraa fudhata?
Altokko erga maraatuu naan jedhanii......”

Waxabajji 24, bara 2011

“Eda galgala abjuu koon Leemmaneen arge. Qal’oo turte


amma garuu furdatteetti. Yommuu kolfitu dhooqni fuula
isheerratti mul’atee miidhagina isheef dabalu sun amma
hin jiru. Ilkaan ishee inni kaarruun amma walitti siqee
kaarruun ishee hin mul’atu. Rifeensi mataa ishee
dheeratee jira.

Akkuman ishee argeen maaliif akka isheen na gattee


deemten gaafadhe. Qaamaan yoo nattii adda baateyyuu
yaadaa fi qalbiidhaan ammayyuu na wajjin akka jirtu
natti himte. Isa booda waa’ee barumsa koo na gaafatte.
Erga isheen duutee qalbiin na darbee barumsa koo akkan
addaan kuten itti hime. Baay’ee natti dheekkamte.
‘Leemmanee koo! Qalbii maaliinan baradhaa? Qalbiin
koo bar si barbaacha ba’ee hin deebi’in hafe.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 129


Seenaawwan Gaggabaaboo

Akkuma ati akka tasaa na jalaa duute qalbiin koos akka


tasaa na jalaa bade’ jedheen itti hime. Ni gaddite. Waan
fedhellee yoo ta’e barumsa addaan kutuu akkan hin
qabne na akeekkachiifte. Maal godhu? Barumsi
maraatuun barachuu danda’u addunyaarra hin jiru....”

Onkoloolessa 2, bara 2012

“Guyyaa seena qabeessa. Abbaan koo fi harmeen koo


hospitaala Amaanu’el na fidan.

Namoota akkuma koo waa ta’anii maraatanittin


dabalame. Ol seenee akkan yaalamu dookteriin kutaa
tokkotti na waame. Olan seene. Teessuma qubaan na
argisiisee akkan taa’u natti dubbate. Nan dide. Hin taa’u!
Maaliif akkan hin teenye na gaafate. Deebii quubsaan
kenneef.

‘Jalqabatti nama nagaadhaan maraatuu jechuu isaaniif


namoonni na fidanii dhufan hundi itti gaafatamuu qabu.
Kun maqaa nama nagaa balleessuudha. Hundi isaanii ol
haa galan. Dokter, anaa fi isaan keessaa eenyutu
maraatuu akka ta’e addaan nuuf baasi.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 130


Seenaawwan Gaggabaaboo

Ani isaaniinan maraatuu jedha, isaan anaan jedhu. Isaan


na sodaatu, ani isaanan sodaadha.

Ani isaanan baqadha, isaan na baqatu. Amma anatu as


isaan fidemoo isaantu as na fidee? Dokter, ati murteessi.
Ati addaan nuuf baasi. Hamma kun ta’utti gad hin taa’u!’
jedheen dide. Dokteriin garuu waa dubbatee na
amansiise. ‘Akka isaanii hin ta’in. Mardaasaa, akka
nama barateetti yaadi” naan jedhe. Isa booda gaaffiilee
adda addaa na gaafate:

‘Mee sadarkaa barnootaa kee natti himi!’

‘Dr. Maal taate? Barumsi barumsaa bar. Barumsi


sadarkaa hin qabu. Kutaa tokkos baradhu—ati
barataadha. Yuunivarsiitiis seenii baradhu—ati
barataadha. Barumsi sadarkaa hin qabu.’

‘Gara fuula duraatti maal ta’uu barbaaddaa?’

‘Diivii guutuu. Maaliifan Diivii guuta seete? Amerikaa


deemee filatamee pirezidaantii Amerikaa ta’uuf.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 131


Seenaawwan Gaggabaaboo

Kanaaf hospitaala kana keessatti Diivii guuchisaa jirtu


taanaan amma kanan guuta. Yoon deemee pirezidaantii
ta’e immoo utuun Leemmanee hin fudhatinan siin
fudhadha. Ministeera Fayyaa Amerikaan si taasisa.”

‘Yuunivarsiitiitti maal barachaa turtee?’

‘Maal baratu? Yuunivarsiitiitti waan gaarii hin baranne.


Yuunivarsiitiitti waan gaariin na mudatee ture
Leemmanee waliin bakka tokkotti ramadamuu koo ture.
Waan hamaan na mudate immoo du’aan ishee dhabuu
kooti. Dr. Tarii yoo ishee argite akka ani isheef jedhee
akkana ta’e itti naaf himi.’

Dokterichi deebii ani isaaf kenne hundumaa barreeffate.


Anaan gad na baasee abbaa koo ol waame. Xiqqoo erga
waliin dubbatanii booda yeroo hin beekamneef
hospitaalichuma turee akkan yaalamu natti muran. Iddoo
jireenyaa naaf kennan. Har’aa eegalee asin jira.

Yoom akkan ba’u immoo waaqa Leemmanee koo umrii


malee fudhatee kana hundumaaf na saaxiletu beeka.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 132


Seenaawwan Gaggabaaboo

Kana hundumaa yeroo dubbisu imimmaan ija isaa


keessaa dhangala’u fuula isaarra lola’a. Ittuma fufee
dubbise.

Bitootessa 9, bara 2012

Kutaa ciisichaa keenya keessa namoota sadiitu jiru. Ana,


Namarraa fi Yisihaaq. Hunda keenya kan wal fakkeessu
al-tokko barattoota Yuunivarsiitii turuu keenyadha.
Hunda keenya kan adda taasisu immoo fedhii adda addaa
qabaachuu keenya. Ani waa’ee siyaasaa, Namarraan
waa’ee kubbaa miillaa, Yisihaaq immoo waa’ee amantaa
jaallachuu keenya. Har’a sadan keenya kutaa ciisichaa
keenya keessa teenyee waa’ee jireenya biyya keenyaa
mari’chaa jirra.
Ana: Haalli siyaasaa biyyi kun irra jirtu kun fooyya’uu
qaba. Nuti dhaloonni haaraan kun dhiibbaa taasifnee
jijjiirama fiduu qabna. Isinitti hin fakkaatuu?

Namarraa: Dhugaa jette. Haalli siyaasaa biyya kanaa kan


jijjiiramu gaafa Mesii fi Roonaaldoon dhufanii as keessa
taphatan duwwaadha. Hamma yoomiitti TV dhaan
duwwaa isaan ilaallaa? Maaliif hin dhufan?

Eebbisaa Baayisaa Fuula 133


Seenaawwan Gaggabaaboo

Ana: Eenyutu akka isaan dhufan isaan gargaara. Isaan as


dhufuu baay’ee barbaadu. Rabbiin illee ni kadhatu.
Garuu maal godha? Yoo geggeessaan sirriin jiraate mitii?

Yisihaaq: Rabbiin ni kadhatu taanaan inni maaliif isaan


hin fiduu? Xiyyaara dhabee? Yoo xiyyaara dhabe immoo
konkolaataa dhabee? Yoo konkolaataa dhabe immoo
farda dhabee? Rabbi maaliif fedha nama hundumaa hin
guutu? Fakkeenyaaf, amma nuti waan fedha keenyaa hin
arganne.

Ana: Ati immoo callistee Rabbitti hin murteessin. Rabbi


waan balleesse hin qabu. Inni mudaa hin qabu. Dur
dogoggoree hin beeku. Si’achis hin dogoggoru.
Balleessaan guddaan kan jiru aanga’oota biyyattii bira.
Waan hundumaa akka ta’utti hojjechaa hin jiran. Akka
ta’utti....

Namarraa: Ni kolfe. Waan inni kolfe hin beeku garuu


wajjinan kolfe. Maaliif akkan kolfe hin beeku Yisihaaqis
na wajjin kolfe. Kolfinee kolfinee maaliif akka kolfine
Namarraa gaafanne. Deebii gabaabaa nuuf kenne.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 134


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Kan nu kofalchiisumoo?” jedhe. “Eyyee” jenne. “Isa


isaan ofii maraatanii maraatuu nuun jedhan!” jedhe.

Ittuma fufee dubbise. Leemmaneen teessoo laphee isaa


keessatti siidaa yoomuu hin irraanfatamne ijaarratteetti.
Waa’ee ishee yaaduu dhiisuu hin danda’u. Hiriyyaa
waggoota torba guutuu wajjin turan. Hiriyyaa
ijoollummaa. Kan waliif uumamanii waliif jiraatan. Kan
waadaa hedduu waliif seenanii waadaa isaanii
raawwachuuf waliin karaa deemaa turan.

Barattuu Yuunivarsiitii Finfinnee waggaa lammaffaa kan


Saayinsii Siyaasaa barachaa turte. Kan dugda duuba
dhaabattee cimina Mardaasaaf ga’ee bakka hin bu’amne
taphachaa turte. Kan namoonni waliif isaan jaallatanii,
waliif isaan eebbisan. Kan akka tasaa galagalee ilaalee of
biraa ishee dhabe. Yoomiyyuu kan isa keessaa hin
irraanfatamne seenaa Leemmanee yaadachaa, yaadannoo
laphee isaa kan waraqaa irratti barreeffate irra
deddeebi’ee dubbisee irra deddeebi’ee boo’a.

Guyyaan kun guyyaa ajaa’ibsiisaadha—Mardaasaaf.


Beellama waan qabuuf doktera isaa wajjin wal arge.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 135


Seenaawwan Gaggabaaboo

Kan guyyoota kaanii irra har’a xiqqoo fooyyee waan


qabu fakkaata. Dubbachuu fi gaaffiilee gaafatamu
deebisuu danda’eera.

“Mardaasaa! Har’a akkam?” jedhee gaafate—


dokteriin.

“Homaa hin jedhu dokter. Fooyyee qaba!”

“Mee gaaffii tokkon si gaafadha.”

“Ni dandeessa. Yoon danda’e siifan deebisa.


Yoon dadhabe immoo nan dhiisa.”

“Leemmanee kee hammam jaallatta?” Gaaffii


inni hin eegin ture.

Yaadaan bade. Achumaan bade. Turee turee iji isaa


imimmaan calale. Dubbachuuf jedhee dadhabe. Sagaleen
isaa ni hollate.

“Leemmanee koomoo? Hamman ishee jaalladhu kan


naaf ibsan jechoota hin argadhu. Kanaaf siif ibsuu hin
danda’u. Hamman ibsuu hin dandeenyen jaalladha.”

Eebbisaa Baayisaa Fuula 136


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Tole! Amma utuu ati balaa konkolaataa sanaan duutee


Leemmaneen immoo jiraachaa jirti ta’eehoo? Attam taati
jettee yaadda?”

Ammas yaaduutti ka’e. Inni duunaan gidiraa


Leemmaneen gidirfamtu yaade.

Akkuma qalbiin isaa darbe isheenis qalbiin darbee


yommuu barnoota ishee addaan kuttu, yommuu maatii
ishee biratti galtee dararamtu, yommuu wallaansaaf
hospitaala Amaanu’el seentu, yommuu egereen ishee
kichuutti jalaa cooligee jireenyaaf abdii kutattu, yommuu
addunynaan namoonni biliyoona 7 ol keessa jiraatan
ishee ga’uu didee itti dhiphatu, yommuu dukkanni ishee
liqimsu, yommuu kan dhi’e bari’uufii didee kan bari’e
dhi’uufii didu, yommuu du’a gararraa jireenya
gajjallaatti dhiphattu....sana hunda yaada isaa keessatti
arge. Haala kana keessa taatee Leemmaneen itti
mul’annaan sagalee isaa ol kaasee iyye. Utuu hin beekin
utaalee ka’ee doktera isaatti marame. Akka waan
burqaan cufamee ture banameetti ija isaa lachuu keessaa
lolaan imimmaanii dhangala’e.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 137


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Maal taate dokter! Waaqayyo gidiraa ani arge kana


ishee hin argisiisin. Nan beeka! Utuu ani du’ee isheen
hafteetti ta’ee hamma koo kanayyuu hin damdamattu.
Anillee sammuu malee dhukkuba biraa hin qabu. Utuu
ishee taatee garuu karaa hundaa miidhamti. Dokter,
deebitee akkana akka naan hin jenne” jedhe.

“Ilaa mardaasa! Akkanatti yaadda taanaan gaariidha.


Isheen si booddee haftee hamma sana miidhamuu
mannaa utuu gidiraa hin argin nagaadhaan boqochuun
ishee si gaddisiisuu utuu hin taane, si gammachiisuu
qaba. Argitee, isheen dhukkubaa fi dhiphina ati argite
kana utuu hin argin duute. Duuni immoo eenyuufuu hin
oolu. Nama ta’ee kan dhalate hundi ni du’a. Anis atis
gaaf tokko ni duuna. Kanaafuu, si dura du’uun ishee si
gammachiisuu qaba!” jedhe dokteriin.

Ammas yaadaan deeme. Waan hundumaa yaaduutti ka’e.


“Dhugaadhaam!” jedhe yaada isaatti. “Dokter! Kan
duuni hin oolle Leemmaneen koo baga na dura duute.
Baga na booddee haftee akka ani ta’e kana hin ta’in! Isa
ani arge kana baga hin argiin.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 138


Seenaawwan Gaggabaaboo

Akka ani maraadhe baga hin maraatiin. Baga duute.


Leemmaneen koo baga duute!” jedhe.

Dokteriin akkanatti amansiisuu isaaf gammachuu


guddaatu itti dhaga’ame. Waaqa wajjin dhukkuba
sammuu irraa Mardaasaa akka fayyise beeke. Sana
booda maal maal gochuu akka inni qabu kallattii
kenneef. Torban tokko booda maatiin isaa dhufanii
Mardaasaa fudhatanii deeman. Haala bitaa nama galuun,
Mardaasaan al-tokkoo fi isa dhumaa fayye. Biyyi
waajab! jedhe.

Haasaan naannoodhaa haasa’amu hundi waa’ee


Mardaasaa duwwaa ta’e. “Maraatichi ni fayye!” jedhanii
wal harkaa fuudhanii haasa’an.

Yeroo xiqqoo booda barumsa isaa isa waggoota afur


dura addaan kute deebi’ee barachuuf Inistitiyuutii
Tekinooloojii Finfinneetti iyyata galche. Innis anaa
dhufu jedhee simate. Jabaatee barumsa isaa barachuuf
murteesse. Murtoo miira miidhame irraa madde. Iddoo
Leemmanee wajjin ga’uuf murteessan sana qofaa isaa
ga’ee mul’ata ishee wajjin du’e sana du’aa kaasuuf qofaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 139


Seenaawwan Gaggabaaboo

isaa deemsa eegale. Deemsa humni kamuu dhaabuu hin


dandeenye. Deemsa kaayyoo fi murannoo qabu. Deemsa
keessa onneetii maddu. Deemsa wareegama addaan
jabeeffame. Deemsa karaa dheeraa.....

Eebbisaa Baayisaa Fuula 140


Seenaawwan Gaggabaaboo

…7…

Yaa’ii Isaanii Waa’ee Keenya

"Marii dhabne! Marabbaas dhabnee sareen tokkittiin ariitee


hallayyaatti nu naqxe jedhe hoomaan jaldeessaa" jedhe Oromoon.

Ganama gaaf tokkoo bineensonni marti


Walga’ii ta’anii bosona keessatti
Waa’ee dhala namaa irratti haasa’anii
Dhimmoota adda addaaf maree taasisanii
“Nuuf hin taane namni nu jeeqe” jedhanii
Akka ibsa ejjennoo wayii qopheessanii
Akkana jedhan.....

Eebbisaa Baayisaa Fuula 141


Seenaawwan Gaggabaaboo

Kun oduu durii akkoon koo natti himtedha! Ana miti.


Akkoo koo irraan dhaga'e. Mee akka isheen naaf
himtettan isiniif hima.

Guyyaa tokko bineensonni bosona Oromiyaa tokko


keessatti yaa'ii guddaa wal waamanii mari'atan.

Jennaan...

Yaa’icha irratti kan argaman hundinuu hamma waa


dubbatanitti waan ariifatan fakkaatu. Hundinuu hamma
dabareen ga’utti eeggachaa jiru. Yaa’ii guddaa kan yeroo
dheeraaf itti yaadamee qophaa’e ture. Yaa’ii dhimma
guddaaf itti wal ga’an. Yaa’ii jireenya ilmaan namootaa
isa guyyaa irraa guyyaatti wal-xaxaa fi rakkisaa ta’aa
dhufe kanaaf itti furmaata barbaadan. Yaa’ii itti
dhimmicha irratti ibsa ejjennoo baafatan. Yaa’ii
guddaadha.

Waltajjicha geggeessuuf kan filatamte Qamalee turte.


Qamaleen haasaa gabaabaa erga taasiftee booda
pirezidaantiin yaa’ichaa, Leenci, haasaa anaa dhufuu

Eebbisaa Baayisaa Fuula 142


Seenaawwan Gaggabaaboo

akka dhageessisaniif afeertee meeshaa sagalee guddiftuu


itti kennite.

Leenci bitaa fi mirga isaa erga ilaalee booda ofitti


amanamummaa guutuudhaan dubbachuu eegale:
“Kabajamoo hirmaattota yaa’ii kanaa, duraan dursee
waamicha isiniif taasifne kabajjanii yeroo fi bakka
sirriitti waan nuuf argamtaniif baay’een isin
galateeffadha. Akka bineensotaatti, guyyaan kun nuuf
guyyaa addaati. Rakkoo ilmaan namootaa isa
hammaachaa dhufe, jireenya isaanii irra darbee isa nuun
nu miidhaa jiru kana ilaalchisee maree taasifnee ibsa
ejjennoo qopheeffachuuf walitti qabamuu danda’uu
caalaa wanti nu gammachiisu hin jiru. Akka kanatti
yaada tokkoon waliif gallee waliin mari’achuu
danda’uun keenya boriifis abdii guddaa nu keessatti kan
uumuudha. Waliif gallee waan guddaa hojjechuu akka
dandeenyu kan nutti argisiisu yaa’ii seena-qabeessadha!”
yoo jedhu miseensonni teessuma irraa ka’anii
dhaabatanii iyya guddaadhaan harka rukkutanii hamilee
kennaniif.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 143


Seenaawwan Gaggabaaboo

Hamilee isaaf kennameen daran kaka’umsa argatee


haasaa isaa itti fufe: “Hundi keenya ilmaan namootaan
miidhamneerra. Saree fi Adurree warra isaanii wajjin
mana tokko keessa jiraatan irraa eegalee hamma nu
warra bosona keessa jiraannuutti isaaniin hubamneerra.

Mee nu keessaa kallattiidhaanis haa ta’u karaa kallattii


hin taaneen kan namoonni hin miidhiin eenyu? Mana
keenya isa ta’e bosona ciranii hin fixnee—isaan?
Gaasota summaa’oo itti dabalanii qilleensa keenya
faalanii balaaf nu hin saaxillee—isaan? Nu nyaachuuf
jecha nu adamsanii nu keessaa hedduu keenya du’aaf hin
saaxillee—isaan? Kana hundumaa akka rakkootti
kaasnee ibsa ejjennoo baafachuuf guyyaan har’aa guyyaa
sirriidha.

Guyyaa itti seenaa hojjennu kana irratti hundi keessan


argamuun keessan guddaa akka na gammachiise ibsaa,
hammas irra deebi’ee al tokko anaa dhufu jechuun
barbaada! Kanumaan gara Qamaleetti isin deebiseen
yaa’ii keenya itti fufna!” jedhee yaada haasaa baniinsaa
isaa gabaabsee gudunfe.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 144


Seenaawwan Gaggabaaboo

Qamaleen haasaa inni taasiseef galateeffattee al tokko


irra deebiftee harka walitti rukkuchiifteef. Isa booda
gabaabaatti kaayyoo yaa’ichaa yaadachiiftee,
bineensonni marti dabaree dabareedhaan yaada akka
kennan gaafatte. Hundumaa dursitee Goondaan harka
kaafte. Geggeessaa waltajjichaa kan turte Qamaleen
harka Goondaa arguu dhabnaan bineensi biraan itti
himeef. “Tole!” jette qamaleen. “Mee carraa jalqabaa
Goondaafan kenna. Jiruu fi jireenya ilmaan namaa isa
rakkisaa ta’aa dhufe irratti yaada qabu haa ibsatu!”

Goondaan sagalee cirate. “Kabajamaa obbo Leencaa,


pirezidaantii maree paanaalii kanaa; kabajamaa Joobiraa,
barreessaa yaa’ii kanaa; kabajamtuu Qamalee,
geggeessituu waltajjii kanaa; kabajamaa Lukkuu; haala
mijeessaa fi to’ataa ta’iiwwan yaa’ii kanaa; kabajamaa
Arbaa, manaajera ol aanaa sagantichaa....akkasumas
kabajamoo bineensota yaa’ii kana irratti argamtan
hundumaa, har’a yaa’ii guddaa fi murteessaa akkanaa
kana irratti argamuuf carraa argachuu koo qofaaf utuu
hin taane, yaada koo ibsachuuf carraa jalqabaa argachuu
koof gammachuu guddaan akka natti dhaga’amu ibsuun

Eebbisaa Baayisaa Fuula 145


Seenaawwan Gaggabaaboo

barbaada” yoo jedhu, miseensonni hundi harka walitti


rukkutaniif. “Dhimmi maree keenya har’aa baay’ee
murteessaadha. Akkuma beekamu addunyaa kana irra
ilmaan namootaa wajjin jiraanna. Wantota barbaachisoo
hedduu isaan waliin qooddanna. Jireenyi keenya walitti
hidhamaadha. Isaan sammuu cimaa uumaan isaan
badhaase qabaatanii nu to’achuu danda’anis, nutis ga’ee
taphannu guddaa qabna”—itti fufee dubbate Goondaan.

“Kana ta’ee utuu jiruu ilmaan namaa garuu gama


isaaniin naannoo wajjin jiraannu kana irratti balaa fi
rakkina gurguddaa uumaa jiru. Misoomsuun utuu isaaniif
maluu waan meeqa balleessaa jiru. Sammuu guddaa kan
guddisee yaadu utuu qabanii gama tokko tokkoon
hamma keenyayyuu yaaduu utuu dadhabanii argina. Ani
waan hundumaa caalaa kan na dhibu, tokkummaa
dhabuu isaaniiti. Mee ilaalaa! Tokko ta’anii hojjechuun,
waliif galanii yaada tokkoon hojjechuun, kaayyoo tokko
qabaachuun, waliif yaaduun isaan gidduu hin jiru.
Hundumtuu karaa karaa isaa fiigaa oola. Utuu ta’ee
tokkummaa qabaatanii, dadhabaa isaanii tumsanii,
wallaalaa isaanii gorfatanii, beekaa isaanii

Eebbisaa Baayisaa Fuula 146


Seenaawwan Gaggabaaboo

jajjabeeffatanii, yaadaa fi kaayyoo isaanii tokko


taasisanii uumama isaan kaaniif fakkeenya ta’uun
isaanirra ture. Amma garuu....dubbiin faallaa ta’e. Yoo
xiqqaate maaliif nu irraa hin baratan? Akka itti tokko
ta’an, akka itti wal qabatanii waliin jiraatan, akka itti wal
tumsanii laga waliin ce’an maaliif nurraa baruu
dadhaban. Tokkummaan jiruu fi jireenyaaf, bakka
yaadan ga’uuf, abjuu ofii dhugoomfachuuf, bilisummaa
ofii labsachuuf,......baay’ee barbaachisaa ta’uu isaa maaf
nurraa hin argan?

Nuti mee akkamitti wal qabannee laggeen gurguddoo


ceena? Ija hin qabanii? Nu hin arganii?”—miira guddaa
keessa seenee dubbachuu itti fufe.

Bineensonni isaan kaan yaada kanatti hedduu


gammaduudhaan harka walitti rukkutanii hamilee
kennaniif. “Kanaafuu, ilmaan namootaa kallattii akka
gatan kan isaan taasise inni guddaan tokkummaa dhabuu
isaaniiti jedheen amana. Utuu tokko ta’anii wanti isaan
hojjechuu dadhaban hin jiraatu. Garuu maal godha?

Eebbisaa Baayisaa Fuula 147


Seenaawwan Gaggabaaboo

Wal hin danda’an. Akkuma bifti isaanii gargar ta’e


yaadni isaaniis gargaridha.

Inni sammuu guddaa isaaniif laate tokkummaa isaanitti


waakkate. Rakkoon gurguddaan isaan nurratti
raawwatanis yoo ta’e kallattiidhaanis ta’u al-
kallattiidhaan sababni isaa isuma kana.

Yeroo tokko tokko baay’annee gara mana isaanii seennee


dubbii isaanii dhaggeeffanna. Maatii hedduu daw’anna.
Isa beekaa, isa wallaalaa, isa dureessa, isa hiyyeessa, isa
qonnaan bulaa, isa hojjetaa mootummaa, isa
daldalaa....maatii hunda daw’anna. Waan isin dhibu
garuu hojiin isaanii wal dhabdee fi lola duwwaadha.
Afaan nagaa walitti hin dubbatan.

Isa tokko ijaaru tokkotu diiga. Yaada tokko kaasu isa


tokkotu morma. Kun waan nu dheekkamsiisuuf nutis
nagaa isaan dhorkina. Itti nam’inee isaan ciniinna.
Hamma nuuf danda’ametti gatii yakka isaanii kenninaaf.
Walumaa galatti yaada koo gudunfuuf” jedhe Goondaan,
“Ilmaan namootaa tokkummaa hamma qabaatanitti
rakkoon Oromoo fi Oromiyaa furmaata ni argata jettanii

Eebbisaa Baayisaa Fuula 148


Seenaawwan Gaggabaaboo

hin yaadinaa! Tasa, kun waan hin yaadamneedha. Tokko


ta’uu yoo baatan isaanis miidhamaa, nutis miidhamaa
jiraanna” jedhee yaada isaa gudunfe.

Obsaan dhaggeeffachuu isaaniif galateeffatee yommuu


gad taa’u miseensonni yaa’ichaa hundi iyyanii harka
rukkutaniif. Yaadi isaa sirrii ta’uu mirkaneessaniif.

Qamaleen dubbii Goondaan taasiseef galateeffattee akka


geggeessituu waltajjii tokkootti itti gaafatamummaa
ishee ba’atte. “Akkuma beekamu, guyyaa har’aa asitti
kan walitti qabamne jiruu fi jireenya ilmaan namaa
ilaalchisee maree taasisuu fi dhuma irrattis yaada keenya
gudunfinee ibsa ejjennoo baafachuufidha. Kana irratti
immoo hirmaannaan miseensotaa akka malee
barbaachisaadha.

Kanaafuu, hundi keessan yaada keessan akka kennitan


isinan gaafadha” jette Qamaleen.

Gugeen dubbachuuf carraa lammaffaa argatte. “Carraan


argadheef guddaan isin galateeffadha. Akka kanatti wal
arginee dhimma ilmaan namaa irratti mari’achuun

Eebbisaa Baayisaa Fuula 149


Seenaawwan Gaggabaaboo

keenya baay’ee barbaachisaadha. Kun gara fuula duraatti


illee cimee itti fufuu qaba. Ani gama koon yaadni ani
qabu, ilmaan namootaa rakkina guddaa qabu kan
jedhuudha. Walii walii isaaniif gara-laafina hin qaban.
Garaan isaanii jal’aadha. Akkasumas waliif hin
amanaman. Inni tokko isa tokko shakka. Maaliif akka
ta’e hin beeku!

Nuti akka gugeetti, waan baay’ee taajjabneerra. Waan


baay’ee... Yoo inni tokko waan gaarii tokko argate,
obboleessi isaa hinaaffaadhaan mataa dhukkubsata.
Gammachuun isa tokkoo isa kaaniif gaddadha. Kun
maaliif ta’aa? Ani wanti na dhibu, akka Gugee garraamii
ta’aa jedha Kitaabni isaanii inni guddaan. Isaan garuu
fakkeenya nu godhatanii nu irraa barachuu dadhaban.
Kana nurraa baruu hin danda’an taanaan sammuun
isaanii maal isaan fayyada?

Nuti gugeen akkuma isaan jedhan garraamiidha. Garaan


keenyas afaan keenyas tokkuma. Wal hin gowwoomsinu.
Afaaniin wal kuulaa boolla waliif hin qonnu” –Gugeen
ittuma fufee dubbate. Bineensonni isaan kaan dandeettii

Eebbisaa Baayisaa Fuula 150


Seenaawwan Gaggabaaboo

dubbii inni qabu ajaa’ibsiifachaa hamilee kennaniif.


Bineensi hin beekamne tokko immoo isaan keessaa
fooricee hamilee Gugeef kenname sana sonaan
miidhagse, ni ho’ises....

Hamilee argatetti gammadee Gugeen dubbii itti fufe.


“Kan nurraa baruu qaban garraamummaa qofa miti.
Amanamummaas dabalateeti. Gugeen dhiirri Gugee
dhaltuu tokko yoo fuudhe, yeroo hundumaa isheef
amanamuu qaba. Akka seera keenyaatti Gugeen haadha
manaa qabu tokko qofaa isaa eessattuu argamuu hin
qabu.

Yoo ba’u, yoo galu, yoo karaa dhi’oo deemu, yoo karaa
fagoo deemus....haadha manaa isaa fudhatee deemuu
qaba. Uumamni addunyaa amanamummaa nurraa
barachuu akka qabu murteessinee jirra. Kanaaf Gugeen
kashalabbeen kan gaa’ela isaaf kabaja hin qabne takkaa
nu gidduutti hin argamu. Waan isin dhibu—hundi
keessan akkuma beektan—haati manaa Gugee tokkoo
yoo jalaa duute, yokiis abbaan manaa Gugee tokkoo yoo
jalaa du’e, hamma dhumaatti qofummaan jiraanna malee

Eebbisaa Baayisaa Fuula 151


Seenaawwan Gaggabaaboo

kan biroo fuudhuun yokiis kan birootti heerumuun hin


danda’amu. Hamma kanatti amanamummaaf iddoo
guddaa laanna. Namoonni garuu hamma keenyallee
waliif hin amanaman. Abbaan manaa haadha manaaf,
haati manaa abbaa manaaf, hiriyyaan hiriyyaaf, ijoolleen
warraaf, warri ijoolleef, xixinnaan gurguddaaf,
gurguddaan xixinnaaf, hojjetaan hojjechiisaaf,
hojjechiisaan hojjetaaf,....hin amanaman. Wal shakku.
Wal shakkaa wajjin jiraatu. Kanaafuu, akka natti
fakkaatutti yoo ta’e, rakkoon ilmaan namaa inni guddaan
hammeenya waliif yaaduu fi waliif amanamuu dhabuu
isaaniiti. Ibsa ejjennoo keenya har’aa keessatti isa kana
haalaan caqasuu qabna. Akka waan gaarii waliif yaadan,
akka waliif amanamanis itti himuun nurra jira. Obsaan
waan na dhaggeeffattaniif galatoomaa!” jedhee gad taa’e.
Hamilee guddaatu arjoomameef.

Qamaleen—geggeessituun waltajjii—haasaa inni


dhageessiseef garaa irraa Gugee galateeffattee yaa’ichi
itti fufe.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 152


Seenaawwan Gaggabaaboo

Miira aariidhaan kan guutame Waraabessi yaada isaa


ibsuuf harka kaasnaan qamaleen heyyamteef. “Rakkoo
ilmaan namaa dubbannee mitii gubneeyyuu fixuu hin
dandeenyu!” Akka isaan kaanii carraa argateef hin
galateeffanne. “Guyyaa irraa guyyaatti rakkinni isaan
uuman darbee kunoo nu gaaga’aa jira.

Nuti—akka Waraabessaatti—isaan wajjin diinummaa


guddaa qabna. Waliif gallee hin beeknu, fuul durattis
waliif galla jedhee hin abdadhu. Mee ilaalaa! Ilmaan
namaa jechuun uumama hundumaa keessaa uumama
ofittoodha. Ofittoo ofii isaaf qofa yaadu. Ofii waan gaarii
tokko argannaan, nama akka isaanii isa kaaniif dhimma
hin qaban. Uumama akka namaa of jaallatu hin agarre
ani. Isayyuu immoo mammaaksa tokko qabu. Dhiifama
naaf godhaa—Harree wajjin waliif hin galaniiyyuu
fakkeenya fudhate hin jedhiinaa malee—waa’ee Harreef
waan mammaakan tokko qabu. ‘Ani duunaan margi hin
biqilin jette Harreen!’ jedhu.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 153


Seenaawwan Gaggabaaboo

Nu hundi akkuma beeknu Harreen yoomuu akkana hin


jenne, gara fuula duraattis hin jedhu. Kan akkas jedhe—
ilaalcha akkanaas kan qabu—isaanuma mataa isaaniiti.

Mee maaliif nuun fakkeenya hin fudhatan? Nuti itti hin


mul’annuu? Dhugaan isiniin jedha, inni tokko isa
tokkoof yaaduu ilaalchisee, jireenyi keenya barumsaaf
hin ta’uu? Akka Waraabessaatti nuti yoo raqa arganne
duraan dursinee yuusnee wal waamna. Hamma
Waraabessoonni isaan kaan dhufanitti afaaniin hin
qabnu. Itti naannofnee gororra. Kana gochuuf dirqama
qabna—dirqama lammummaa” jennaan harki walitti
rukkutameef.

“Isaan garuu faallaa keenya. Inni tokko waa yoo argate


nama akka isaa isa kaan jalaa dhoksa. Iddoo tokko yoo
ga’e obboleessi isaa akka achi ga’u hin barbaadu. Karaa
itti cufa. Karaa ittiin isa tokko irra ejjetee ofii isaa darbee
deemu barbaada. Karaa ittiin isa tokko awwaalee ofii
mul’atu, karaa ittiin obboleessa isaa gaddisiisee ofii
gammadu, karaa ittiin hiriyyaa isaa gad buusee ofii ol
ba’u, karaa ittiin michuu isaa miidhee ofiif haala

Eebbisaa Baayisaa Fuula 154


Seenaawwan Gaggabaaboo

mijeeffatu...barbaada. Uumama ofittoodha—ofittoo of


duwwaa jaallatu. Kan uumama biraaf hin yaadne, kan
waa’ee keenya dhimma hin qabne. Mee ilaalaa!
Abboonni keenya dur maaltu akka ture nuuf himaniiru.
Biyya kana keessa bosonni guutuu ture. Akka keenya
har’aa utuu hin taane, bineensonni durii bakka jireenyaa
ga’aa qabu jedhan. Akka barbaadan bashannananii
jiraatu. Nutoo har’a haala akkamii keessa jirra? Hundi
keenya akkuma beeknu, bakka jireenyaa dhabuudhaan
dararamaa jirra. Sanyiin bineensota tokko tokkoo immoo
ciruma iyyuu lafarraa badaa jiru. Bosona akka balleessan
kan isaan taasise ofittummaa isaanii mitii? Ofii haala
mijeeffachuuf nu dararu mitii? Kunoo, utuu bosona
mancaasanii ho’i addunyaa dabaluu irraa kan ka’e isaanis
balaa guddaaf saaxilamaa jiru.

Qilleensa gubataadhaan gubachaa jiru. ‘Hamaan ofitti


hammaata!’ jedhanii inni isaan mammaakan isaanuma
irratti raawwatame. Kana waan ta’eef, amma hundi
keenya ibsa ejjennoo keenya keessatti akeekkachiisa
guddaa kennuufii qabna. Ofittummaa isaanii dhiisanii
jaalalaan waliif yaadaa akka jiraatan.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 155


Seenaawwan Gaggabaaboo

Hin ta’u taanaan, isaanis nutis abdii hin qabnu. Maaliif?


Akkuma Goondaan duraan ibse jireenyi keenya wal
qabatee jira!” yoo jedhu akka waan ba’aan guddaan irraa
lafa dha’eetti boqonnaan itti dhaga’ame. Hamileen
kennameefii dubbii taasiseef galateeffame.

Dabareen kan Adurreeti. Ol ka’ee dubbachuu eegale.


“Galatoomaa! Har’a yaa’ii akkanaa irratti argamuu koof
gammachuutu natti dhaga’ama. Na boonsa—kun. Yeroo
dheeraaf eenyutti akkan dubbadhu wallaalee keessa
kootti qabadhee isan ture yaada koo dubbachuuf amma
yeroo sirrii natti fakkaata. Waa’een ilmaan namaa yoo
ka’e, yeroo hundumaa rakkina guddaa kan natti fakkaatu
rakkoo qulqullummaati. Baay’ee nama dhiba. Namoonni
hedduun qulqullummaaf dhimma hin qaban. Namuusa
hin qaban. Mee magaalaa Finfinnee fudhadhaa.
Magaalaan hammas guddatu sun hammam xuraa’aa akka
ta’e yaadaa. Bakka hedduu ajaa foolii isaaf akka itti
deemtan hin qabdan.

Isaanumtuu akkamitti akka keessa jiraatan isaantu beeka.


Wanti nama gaddisiisu, iddoo iddootti boolla fincaanii

Eebbisaa Baayisaa Fuula 156


Seenaawwan Gaggabaaboo

qotanii qopheessuun mee maal isaatu ulfaate?


Yoomiyyuu ilma namaan ‘Hin fincaa’in!’ jedhanii
dhorkuun hin danda’amu. Fincaan kennaa uumamaan
namaaf kennameedha. ‘Maaliif fincoofta?’ jedhanii
adabuun uumaa ofii mormuudha.

Garuu bakka namni itti fincaa’u qopheessuun ni


danda’ama. Utuu akkana ta’ee, namni fincaaniin
muddame hedduun karaa bukkeetti fincaa’ee foolii
magaalaa balleessuudhaan karaa deemsaa nu hin
dhowwatu ture. Kanaafuu, jara kan akeekkachiifnu inni
guddaan—iddoo malee akka hin fincoofnee fi
qulqullummaa dhuunfaa isaanii haalaan akka eeggatan
ta’uu qaba. Nurraa haa baratan. Nuti eessatti akka
fincoofnus ta’e bobbaa akka baanu isin keessaa hamma
ammaatti kan nu argee beeku jiraa? Naaf deebisaakaa!
Jiraan jedhe? Isaanis waa’ee qulqullummaa nurraa haa
baratan!” yoo jedhu dubbii taasisetti boonee gad taa’e.
Harka rukkutanii hamilee kennaniif.

Dabaree itti aanu kan fudhate Kaannisa ture. “Guddaan


isin galateeffadha. Utuu kanaan dura haala kanaan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 157


Seenaawwan Gaggabaaboo

rakkoo ilmaan namaa irratti mari’anneerra ta’ee silaa


waan baay’ee sirreessuu dandeenya turre.

Ammas yeroon darbeera jechuu koo miti. Ani waa’ee


ilmaan namaa yeroon yaadu hunda wanti sammuu koo
keessa dhufu jibba isaan hojiif qabaniidha. Yeroo irraa
yerootti fedhiin namoonni hojiif qaban gad bu’aa
dhufeera. Hojiidhaan ala karaan guddinaa akka hin jirre
dagataniiru.

Keessumaa dhaloonni isaanii inni haaraan hojii wajjin


diinummaa waan qabu fakkaata.

Argitanii, dargaggeessi isaanii halkan guutuu rafaa bula,


ganama sa’atii afuritti hirribaa ka’a. Barattoonni isaanii
jabaatanii hojjechuu dhabuu isaanii irraa kan ka’e
kufaatiif saaxilamaa jiru. Yuunivarsiitiiwwanii fi
koollejjoota keessaa ari’amanii galaa jiru.

Inni qotu jabaatee hin qotu, kan barsiisu haalaan hin


barsiisu, daldalaan akka irraa eegamutti hin hojjetu. Mee
isin waan tokko yaaddanii beektuu? Ilmaan namootaa
sammuu addaa qaban kanaan jabaatanii utuu hojjetanii

Eebbisaa Baayisaa Fuula 158


Seenaawwan Gaggabaaboo

yoona eessa ga’u laata? Eessuma ga’uu? Bonadha,


gannadha, mijataadha, mijataa miti, qorradha, aduudha,
kanadha, sanadha......utuu hin jedhin kara karaa utuu
hojjetanii yoona addunyaa kana jennatatti jijjiiraniiru.
Maal godha garuu? Dandeettii malee fedhii hojii hin
qaban. Maaliif nu irraa hin baratan—aadaa hojii!
Halkanii fi guyyaa hojjennee akka itti damma oomishnu.
Uumama hundumaaf fakkeenya jabaatanii hojjechuuti—
nuti.

Mee isin keessaa waa’ee hojii yeroo yaaddan kan nuti


sammuu keessan keessa hin dhufne eenyu? Boqonnaa
waan jedhamu hin beeknu.

Damma giraamii tokkittii hojjechuuf daraaraawwan


miliyoonaan lakkaa’aman irra qubanna. Fageenya
hedduu deemna. Ni dadhabne, ni nuffine jennee hin
beeknu. Hojii! Hojii! Ammas hojii!” yoo jedhu gidduutti
harki walitti rukkutamee fi iyyi hamilee isaaf iyyame isa
jeeqee yeroo muraasaaf dubbii isaa addaan kute.

Takka callisee dhaggeeffatee ammas itti fufee dubbate—


Kaannisni. “Maaliif fakkeenya nu hin taasifatan?

Eebbisaa Baayisaa Fuula 159


Seenaawwan Gaggabaaboo

Maaf nu irraa hin baratan? Sa’atii meeqaa fi meeqa


kaaffeetti gubuu mannaa kaayyoo isaaniif of wareeganii
dafqanii maaliif hin hojjetan? Dargaggeessi maalumaaf
bakka hin taanetti yeroo isaa guba? Akka keenya hundi
isaanii maaliif ga’ee hojii qabanitti dhimmanii hin
hojjetan? Amma utuu nu irraa baratanii, akka keenya
hojii utuu hin filatin, utuu wal hin caalchisin hojjetanii
silaa yoona Oromoo fi Oromiyaan eessa ga’u jettanii
yaadduu? Silaa damma nuti hojjennee isaan nyaachifnu
kana ofii isaanii of danda’anii hojjechuu malu jedheen
yaada. Akka bineensota isaan wajjin naannoo tokko
keessa jiraatanii fi wantota hedduu wajjin qooddataniitti,
wanti ilmaan namootaa gorsuu qabnu—hojii akka
hojjetan ta’uu qaba! Haa hojjetan!

Hiyyummaa fi rakkinni kan mo’aman hojiidhaan malee


oduudhaan akka hin taane haa hubatan! Hirriba gad
fagoo keessa jiran keessaa haa dammaqan. Barataan haa
dammaqu; hojjetaan haa dammaqu; daldalaan haa
dammaqu; ijoolleen haa dammaqan; dargaggoon haa
dammaqu; shamarran haa dammaqan; abboonni haa
dammaqan; harmooliin haa dammaqan......dammaqanii

Eebbisaa Baayisaa Fuula 160


Seenaawwan Gaggabaaboo

haa hojjetan. Hojjetanii rakkina seenaa haa taasisan!”


jedhee dubbii isaa yoo gudunfu hamilee addaa gonfanii
kabajaa fi ajaa’ibsiifannaa isaaf qaban argisiisan.

Qamaleen, akka geggeessituu waltajjichaatti, haasaa


ce’umsaa gabaabaa erga taasiftee booda bineensi yaada
addaa qabu yoo jiraate akka dubbatu afeerte. Joobirri
harka kaase. Ni heyyamteef. “Tole egaa! Yoomiyyuu
yaa’iin guddaan akkanaa dhimma ilmaan namootaa
irratti ni adeemsifama jedhee gaaf tokkollee yaadee
utuun hin beekin, har’a yaa’ii kana fakkaatu irratti
argamuu koof gammachuu guddaan akka natti
dhaga’amu dursee isiniif ibsuun barbaada.” Haala
ho’aadhaan hamileen kennameef. Keessumaa Leenci
hamma harki dhukkubutti harka rukkuteef.

“Dhugaa dubbachuudhaaf, yaa’iin keenya har’aa yaa’ii


seena qabeessa kan dhalootaa dhalootatti darbuudha.
Tokkummaa fi bilchinni bineensotaa eessa akka ga’e kan
argisiisudha. Yaa’ii akkanaa keessatti hirmaachuuf
carraa argachuu koof ulfina guddaatu natti dhaga’ama”
jennaan kan caalu iyyanii hamilee dabalaniif.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 161


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Egaa waa’een ilmaan namootaa hunda keenyatti bitaa


akka gale beekamaadha. Hedduun keessan akkuma
dubbattan, dubbattanii akkuma ibsitan, ilmaan namaa
rakkoo gurguddaa qabu. Wantonni isin ibsitan hundi
akkuma jiranitti ta’anii, anis rakkoo isaanii kanan
hubadhe mee isinitti haa himu. Tokkummaa dhabuun,
garaa walitti jabaachuun, waliif amanamuu dhabuun,
hojii jibbuun...isaanii maal irraa kan ka’e isinitti
fakkaata. Fageessanii yaaduu dadhabuu mitii? Mul’ata
jireenyaa dhabuu. Kitaabni isaanii guddichi maal jedha?
‘Sabni mul’ata hin qabne ni galagala!’ hin jedhuu?
Eyyee, mul’ata dhabnaan egereen ofii ni dukkanaa’a.
Egereen ofii dukkanoofnaan abdiitu nama jalaa du’a.
Abdiin duunaan waan hundatu wajjin du’a. Uumama
hundumaa keessaa sodaachuun kan isiniif ta’u isa abdii
kutatedha.

Ilmaan namaa rakkina kana qabu. Haala har’a keessa


jiraniin bor ilaalu.

Har’i isaanii dukkana yoo itti fakkaatte, dukkana sana


duuba ifni guddaan akka jiru hin yaadan.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 162


Seenaawwan Gaggabaaboo

Umrii isaanii guutuu haaluma rakkisaa sana keessa waan


jiraatan itti fakkaata. Sun immoo egeree isaanii jijjiiruuf
yaalii akka isaan hin taasifne isaan dhorka. Ofii isaanii
miidhamanii nuunis miidhama guddaaf kan saaxilan
kanaaf. Utuu egereen isaanii miidhagee itti mul’atee
bosona ciranii qilleensa isaanii faaluu? Mee badiin kana
caalu maaltu jiraa?” yoo jedhu hamilee kennaniifii
dubbii isaa itti fufsiisan.

“Akka kootti, ilmaan namootaa hedduun isaanii ija malee


mul’ata hin qaban. Mee nuun nu ilaalaa. Akka sanyii
Joobiraatti, fageenya maayilii 90 irratti haala ifa ta’een
waa arguu dandeenya. Fagoo fagootti argina. Asii ol
kophee 2500 ol samii keessa fagaannee balaliina. Ol
ka’umsa guddaa irra ta’uun uumama gad ilaalla.
Bubbeen jabaan gaafa nutti dhufu nuuf bashannannadha.
Homaa hin sodaannu. Koochoo keenya sirreeffannee itti
fiigna.

Yeroo bubbeen gad nu buusu waa nutti hin fakkaatu.


Sababni isaa bubbeen gad nu buuse ofuma isaa akka ol
nu kaasu beekna.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 163


Seenaawwan Gaggabaaboo

Gidiraa nutti dhufu hunda akka itti mo’annu beekna.


Isaanoo? Rakkoo xiqqoo tokkoof komee baay’isu. Waan
xiqqoof rifatanii booddee deebi’u.

Kanaafuu, rakkoon isaanii inni guddaan sodaachuudha,


akkasumas mul’ata dhabuudha. Kana irraa akka of
fooyyessan haa akeekkachiifnu!” jedhee gad teenyaan
akkuma amaleeffatame hamileen kennameef.

Qamaleen haasaa inni taasiseef Joobira galateeffattee


sa’atiin isaanii deemaa akka jiruu fi asuma irratti
dhaabanii yeroo biraa wal arginee maricha akka itti fufan
itti dubbatte. Haasaa xumuraa akka taasisuuf Leenca
afeerte. “Egaa yaa’iin har’aa baay’ee namatti tola.
Tokkummaan har’a qabaanne boris daran cimee itti fufuu
qaba. Ani akka kootti, rakkina ilmaan namootaa isa
guddaadha kanan jedhu rakkoo geggeessummaa fi
bulchiinsa gaariidha. Keessumaa rakkinni saba Oromoo
rakkoo ani caqase kanaadha. Mee waan biraa maal
dhabe—sabni kun!

Qabeenya uumamaa yoo jenne hamma malee


eebbifamaadha. Qilleensi isaa akka malee mijaawaadha.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 164


Seenaawwan Gaggabaaboo

Humna dhabe akka hin jenne saba guddaa miliyoona


hedduun lakkaa’amuudha. Hin baranne akka hin jenne
sabni akkas barate hin jiru.

Hayyoota meeqaa fi meeqa of gidduudhaa kaaseera.


Ofirra darbanii hayyoonni guutuu addunyaaf gumaacha
gurguddaa taasisaa jiran hedduudha. Kanaaf sabni kun
addunyaa kana irratti dhiibbaa guddaa akka hin taasifne,
guddatee akka hin mul’anne, jijjiiramee biyya akka hin
jijjiirre, mee maaltu isa daangessa jettanii yaadduu?
Dinagdeedhaan, hawaasummaadhaan, siyaasaan,
saayinsiidhaan,....karaa hundumaa caalee akka hin
argamne wanti isa taasisu sababni tokkollee natti hin
mul’atu. Rakkoon guddaan rakkoo geggeessummaa fi
bulchiinsaati. Isa kana immoo nurraa barachuun isaaniif
ta’a.

Akka Leencaatti, geggeessummaa sadarkaa isaa eeggate


taasisuu keenyaan kunoo waggoota hedduuf ol-
aantummaa keenya eegsifnee jiraanneerra. Bulchiinsi
gaariin hin jiru taanaan, inni aangootti ol ba’e ofii isaaf
duwwaa saamee irraa bu’a taanaan, ilaalchi wal-

Eebbisaa Baayisaa Fuula 165


Seenaawwan Gaggabaaboo

qixxummaa dhibee firoomaan akka akka walitti aananitti


waliif loogu taanaan, malaammaltummaadhaan dhugaa
jal’isu taanaan, wal sobu wal sossobu taanaan, guddaan
xiqqaatti karaa hin argisiisu taanaan, maatiin daa’imman
haalaan hin guddisan taanaan, wal kabajuu fi wal
jaallachuu baannaan, jabaan isaanii dadhabaa tumsuu
baannaan, wal gorsanii wal deebisuu baannaan, icciitii
isaanii waliif eeguu baannaan, warri taayitaa irra jiran
isaan kaaniif jireenya fakkeenya ta’uu danda’u hin qaban
taanaan,.......walumaa galatti geggeessummaan sirriin
isaan gidduu hin jiru taanaan ilmaan namootaa eessayyuu
hin ga’an. Eessayyuu!

Rakkinni gurguddaan isaan uumaa jiran kun daran itti


hammaachaa deema malee furmaata hin qabaatu.
Kanaafuu, ibsa ejjennoo keenya keessaa inni guddaan
waa’ee bulchiinsa gaarii ta’uu qaba!” jedhe. Hundi
iyyanii fi fooricanii isa hamileessan.

“Amma egaa har’aaf gara xumura yaa’ii keenyaa irra


geenyee jirra. Yaadota hamma ammaatti kaasaa turre
gudunfuudhaan ibsa ejjennoo keenya haa baafannu.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 166


Seenaawwan Gaggabaaboo

Barreessaan keenya, Joobirri, ibsa kana nuuf barreessa!”


jedhe. Irratti mari’atanii ibsa ejjennoo qabxii torba qabu
qopheeffatan. Hundi isaanii ka’anii dhaabbatanii ibsa
ejjennoo isaanii Joobira irraa dhaga’uuf qophaa’an.
Joobirri haasaa xumuraa eegale: “Galatoomaa! Nuti
bineensonni marti bosonawwan Oromiyaa keessaa isa
tokko keessatti guyyaa har’aa kana yaa’ii guddaa
taasifneerra. Dhimmi maree keenyaa jiruu fi jireenya
ilmaan namootaa irratti kan xiyyeeffatuudha.

Naannoo tokko keessa isaan wajjin kan jiraannu, waan


hedduu isaan wajjin kan fayyadamnu, jireenyi keenya
karaa tokkos karaa lamas kan isaanii wajjin wal qabatee
kan jiru waan ta’eef, badii gurguddaa nu irratti hojjechaa
jiran ni mormina. Dogoggora isaanii irraa deebi’anii
jireenya sirrii jiraachuu akka eegalan barbaanna. Jireenya
isaanii qajeelfatanii haala sirriidhaan jiraachuuf ammoo
qabxiilee armaan gadii kana hojii irra oolchuun dirqama
isaanii ta’a:

Eebbisaa Baayisaa Fuula 167


Seenaawwan Gaggabaaboo

1. Akkuma Goondaan dubbate, hundi isaanii


tokkummaa qabaatanii walii wajjin hojjechuu
qabu. Yaadaan walii galuun isaan irra jiraata.
2. Gugeen akkuma ibse, garaa walitti jabaachuu
fi hamaa waliif yaaduu dhaabuu qabu. Waliif
amanamanii utuu wal hin shakkin sadarkaa
itti wajjin jiraachuu fi hojjechuu danda’an irra
ga’uu qabu.
3. Waraabessi haala namaaf galuun akkuma
ibse, ilmaan namootaa ofittummaa isaanii
dhiisuu qabu. Ilaalcha—ana duwwaaf—jedhu
dhiisuun dirqama isaaniiti. Namni waan gaarii
tokko argate isa kaaniif qooduu qaba.
4. Qulqullina naannoo isaaniif iddoo guddaa
kennuu qabu. Adurreen haala gaariin akkuma
ibse, naannoon isaanii inni isaan xureessan
nuun boqonnaa nu dhorkeera. Iddoo arganitti
fincaa’uu fi xuraa’aa gatuun kana booda
dhaabbachuu qaba.
5. Diinummaan isaan hojii waliin qaban
raawwatamuu qaba. Kaannisi haalaan waan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 168


Seenaawwan Gaggabaaboo

ibseef, irra deebi’uun hin barbaachisu. Nama


kan ta’e hundi, lafarra kan jiraatu, hafuura
kan baafatu, hojjechuu qaba. Oduu dhiisee
hojii cimsuu qaba. Hojii! Hojii! Hojii!
6. Barreessaa yaa’ichaa kanan ta’e ani Joobirri
haala nama hawwatuun akkuman ibse, ilmaan
namootaa mul’ata jireenyaa qabaachuu qabu.
Fageessanii yaaduu danda’uutu isaanirra
jiraata. Haalotaa fi rakkinoota xixiqqoof
dhiphachuu hin qaban. Ofitti amanamummaa
guutuun jiraachuun dirqama isaanii ta’a.
7. Pirezidaantiin yaa’ii kanaa, Leenci, gad
fageenyaan akkuma nuuf ibse, qabxiin
baay’ee barbaachisaan immoo, ilmaan
namootaa geggeessummaa fi bulchiinsa gaarii
gabbifachuu qabu. Malaammaltummaa
qolatanii dhugaaf hojjechuu amaleeffachuun
isaaniif ta’a. Aanga’oonni isaanii warra isaan
booda jiraniif fakkeenya ta’uu qabu.
Geggeessummaan sadarkaa isaa eeggate isaan
irraa calaqqisuu qabu!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 169


Seenaawwan Gaggabaaboo

Kabajamoo hirmaattota yaa’ii keenyaa, guyyaa har’aa


kana dhimma irratti mari’anne ilaalchisee kunoo ibsa
ejjennoo qabxiilee torba qabu akkanatti baafannee jirra.
Kunis ilmaan namootaa gara kallattii sirriitti fida jennee
amanna. Egaa gama koon asuma irratti xumureen gara
Qamaleetti isin dabarsa!” jennaan hamileen addaa
kennameef. Qamaleen haasaa gabaabaa taasiftee yeroo
biraa wal arguuf beellama qabatanii, wal eebbisanii
addaan ba’an.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 170


Seenaawwan Gaggabaaboo

...8...

Guyyaa Gurraacha

Addunyaan burreedha halluu hedduu qabdi


Tokkoof summii roobdee tokkoof damma roobdi
Isa tokkoof toltee isa kaan adabdi
Tokko ofittii buttee isa kaan achi qabdi!
Madaala hin eeggattu akka argite taati
Ija tokko hin qabdu nama wal caalchifti
Burree buraan-burree akka garaa haadhaa
Jireenyi addunyaa wal-dhaansoo jabaadha!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 171


Seenaawwan Gaggabaaboo

"Rakkataa! Rakkataa rakkinni rakkise! Kan kallattii


gatee bakka deemu wallaale. Eessaa akka ka’e malee
eessa akka dhaqu kan hin beekne. Ka’umsa malee galma
kan hin qabne. Rakkataa!” jedhee dudubbachaa deema.
Ija isa arguu fi gurra isa dhaga’uuf bitaadha. Namni isa
bira hin jiru. Qofaa isaa deemaa jira. Garuu sagalee isaa
ol kaasee haasa’aa deema. “Ayii!” jedhu namoonni tokko
tokko yeroo isa bira darban. “Uffannaan isaallee kan
maraatuu hin fakkaatu. Yeroo ilaalan fayyaa fakkaata.
Maaltu akkana taasise laata?” jechaa isa bira darbu. Inni
ofii isaa ofitti haasa’uu malee eenyu akka naannoo isaa
jiru hin beeku. “Ergan dhaladhee gara addunyaa kanaa
dhufee har’a waggoota soddomii ja’a lakkoofsiseera.
Waggoota kana keessatti waan gaarii hedduu arguu
baadhus, wantota hamoo kanan hin argin hin qabu.
Hamma nama tokkootti gidirfamee, rakkadhee, dhabee,
beela’ee, dheebodhee, daaree, qofaa ta’ee....waan hedduu
dabarseera.

Hiriyyoota meeqatu na gane, firoota meeqatu na jibbe,


namoota meeqatu garaa anaaf kutate, kunoo har’a qofaa
koo ta’een qofummaan miidhamaa jira.”

Eebbisaa Baayisaa Fuula 172


Seenaawwan Gaggabaaboo

Sagalee isaa dhageessisee dubbii isaa ittuma fufe. “Ati


garuu!” jedha. “Nattii adda baatee iddoo dhaqxu waan
hin qabneef hamma ammaatti na wajjin jirta.

Waggoota soddomii ja’a guutuu of biraa si dhabee hin


beeku. Yoo ani taa’e ni teessa, yoo ani dhaabadhe ni
dhaabatta, yoo ani suuta deeme suuta deemta, yoo ani
dafee deeme daftee deemta, yoo ani hiixadhe ni hiixatta,
yoo ani amuummadhe ni amuummatta. Takkaa na
dhiiftee hin deemtu. Rakkataan kun! Maal goota silaas
filannoo biroo hin qabduu. Na dhiistee deemtee eenyu
bira dhaqxa? Eenyutu ofitti si buta? Eenyutu si jaallata?
Atis akkuma koo hiriyyaa dhugaa hin qabdu, akkuma
koo fira waammattu hin qabdu, akkuma koo qofa
galeessa, akkuma koo dagatamaadha, akkuma koo
irraanfatamaadha, akkuma koo abdii kutataadha. Eyyee!
Atis akkuma koo carraa fokkisaa dhalatte. Akkuma koo
carraa gurraachaan jireenya gurraacha jiraachuuf guyyaa
gurraacha irra haala gurraacha keessatti dhalatte.
Rakkataa nana!” jechaa deema.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 173


Seenaawwan Gaggabaaboo

Sadaasa 18, bara 2011 waaree booda sa’atii 10:40 irratti


ture. Hospitaala Minilik irraan gara riqicha Qabbannaatti
gad deebi’ee deemaa jira. Mufatee akka jiru fuulli isaa
ragaadha. Haala nama gaddisiisuun mataa buusee lafa
ilaalaa deema. Akka waan namni inni itti dubbatu lafa
keessa jiruu lafatti haasa’a. Namni tokkollee eenyutti
akka inni haasa’u beekuus tilmaamuus kan danda’u hin
jiru. Waa’ee Dabalaaf wanti namni tilmaamuu danda’u
maraatummaa isaa qofaadha. Inni garuu maraatuu miti.
Of beeka. Ni yaada. Kan dubbachaa jirus qofaa isaa miti.
Yoo illee lubbuu qabaatee deebisee isatti dubbachuu
baate, yoo illee sagalee Dabalaa dhaga’ee yaada isaa
ibsachuu baate, yoo illee akka Dabalaa hafuura
baafachuu baate wanti Dabalaan itti dubbatu tokko ni
jira.

Dabalaan ammallee quba isaa lafatti qabee miira


aariidhaan dubbachuu itti fufe. “Garuu maaliif? Ati akka
namaa maaliif garaa jabaattee na dhiiftee sokkuu
dadhabdee? Maalan siif godha? Si haa turuu ofii
kooyyuu of fayyaduu namni hin dandeenye siif bu’aan
koo maali? Ani namni mataa koof hin taane akkamittan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 174


Seenaawwan Gaggabaaboo

siif ta’aa? Biyyi abdii naaf kutannaan ati maaf natti


haftee? Rakkinnii fi hiyyumni koo inni namoota hedduu
nattii fageesse siin maaf si dadhabee? Garuu maaliif?
Maaliif waggoota soddomii ja’a guutuu na wajjin
joortee? Maaliif na wajjin gidiraa siif hin malle
gidirfamtee?

Maaliif na wajjin miidhamtee waan hin balleessiiniif


adabamtee? Ani siif eenyu? Eenyu ani siif kan hamma
kana garaa natti bal’attee? Tarii har’a irra boor darbaaf
jettee na eegda yoo ta’e dogoggorteetta. Akkanatti
yaaduun dogoggora guddaadha. Yoomuu akka naaf hin
darbine mirkaneeffadheen jira.

Eenyu akka na abaare wallaalus abaarsi ani keessaa


ba’uu hin dandeenye na qabeera. Kanaafuu, hin
dogoggorin. Hamma ammaatti waa’ee koof abdii qabda
yoo ta’e hin dogoggorin!” jedhee miira miidhameen itti
hime. Haa dhaga’u haa dhiisuu dhimma Dabalaa miti.
Gaafa waan keessa isaa jiru hunda baasee akkanatti itti
himu boqonnaatu itti dhaga’ame.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 175


Seenaawwan Gaggabaaboo

Riqicha Qabbannaa ce’ee gara Imbaasii Ingiliziitti


miillaan deemsa itti fufe. Aduun jirti garuu sa’atiin ishee
jalaa deemaa waan jiruuf humni ishee dadhabaa
dhufeera. Dabalaatti baatus isa gubuuf humna hin qabdu.
Akka tasaa qalbiin isaa gara aduu deeme. Gad fageessee
waa yaade. Maayilii miliyoona sagaltamii sadii nurraa
fagaattee ishee ifa nuuf laattu waa’ee aduu yaade: “Ati
yaaddoo maal qabdaa? Ganama baatee galgala dhiita.

Ifa nuuf kennitu gaaf tokko dhabdee hin beektu.


Rakkoon teeknikaa si mudatee takkaa nutti dukkanooftee
hin beektu. Rabbitu iddoo gaarii si kaa’e. Anaan ibidda
keessa kaa’ee siin immoo gubbaa sana si kaa’e. Hin
beeloftu, hin dheebottu, hin gidirfamtu..... Qofummaan
sitti ulfaatee akka koo carraa kee hin abaartu. Ati
ayyaantuudha. Iddoo eenyuyyuu hiixatee si hin qaqqabne
teessee bara hundumaa ifta. Ati yaaddoo maal qabdaa?”
jedhee amma immoo waa’ee aduu haasa’uutti ka’e.

Sagalee ol kaasee harka raasee yeroo dubbatu nama


dhimma cimaa tokko wal ga’ii cimaa irratti dubbatu
fakkaata.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 176


Seenaawwan Gaggabaaboo

Utuu miillaan deemuu bakka beellama isaa ga’e—


Imbaasii Ingilizii fuula dura. Namichi achitti isa
beellame isa dursee achi ga’ee dhaabatee isa eegaa jira.
Baqqaanaa jedhama. Inni konkolaataa mataa isaatiin
dhufe, Dabalaan garuu maallaqa ittiin taaksii qabatu
dhabee Shiroo Meedaadhaa ka’ee miillaan deemee
dhufe. Karaarra turuu isaaf Baqqaanaa dhiifama gaafate.
Miillaan akka dhufe garuu itti himuu hin barbaanne.
Ciniinnataadha.

Hamma isaaf danda’ame hundumaa ni obsa malee icciitii


isaa baasee eenyuttuu hin dubbatu.

Karaan jireenyaa rakkisaan inni irra dhufe akka itti


obsanii rakkina keessa darban isa barsiiseera. Rakkina
guyyaa wajjin darbuuf jiruuf dhoksaa isaa qilleensaaf
kennuu hin barbaadu. Hammamuu haala itti cimu keessa
yoo ta’e isa borii yaada. Jireenya borii keessaa har’aaf
abdii liqeeffatee abdiidhaan jiraata.

Yoo buddeena dhabe abdii nyaata, yoo bishaan dhabe


abdii dhuga, yoo uffata dhabe abdii uffata, ....abdii qaba.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 177


Seenaawwan Gaggabaaboo

Amma garuu baay’ina rakkinaa irraa kan ka’e abdii waan


kutate fakkaata.

Erga carraa isaa fi guyyaa dhaloota isaa abaaruutti ka’ee


kunoo kudha afur guuteera. Guyyaa dhalate sanaan
guyyaa gurraacha jedha. “Yokaan akka namaa maatii na
barsiisu hin qabaanne. Yokaan humna qabaadheen ba’aa
namaaf baadhee jiraadha miti. Waa meeqa keessaa kanan
hin qabne maaliifan dhaladhee laata? Mee gaafa lafarratti
na uume Dabalaan maal hojjetee haa nyaatu, maal
hojjetee haa jiraatu jedheeti laata Rabbi?

Akka namaa dhaladhee, akka namaa uumameera garuu


jiraachuuf haalli naaf hin mijoofne. Jiraachuun dhorkaa,
du’uunis dhorkaa!” jedhee gumguma.

Eda galgala sa’atii sadii fi ruubiitti dudduuba deebi’ee


seenaa dhala namaa isa jalqabaa yaade.

Nama isa jalqaba Waaqni uume, isa iddoo hedduutti


seenaa isaa dhaga’ee beeku sana yaade. Waaqni jalqaba
gaafa nama uume jennata keessa akka isa kaa’e, inni
immoo Addaam akka jedhamu, booddee kan akka isaatii

Eebbisaa Baayisaa Fuula 178


Seenaawwan Gaggabaaboo

kan isa gargaartu uumee akka isaaf kenne, isheen immoo


uumamtee booda rakkina akka uumte, maqaan ishee
immoo Hewaan akka jedhamu....hamma isaaf danda’ame
yaade. Akka waan jennaticha ijaan argaa jiruutti
dhugummaan isaa isatti dhaga’ame. Wanti hundi
sammuu isaa keessatti itti mul’ate.

Hewaan bofaan gowwoomfamtee ija mukaa isa akka hin


nyaanne dhorkamanii turan sana irraa yommuu kuttu,
yommuu nyaattu, abbaa manaa ishee Addaamiif
yommuu laattu, yommuu Rabbi abboommii cabsuu
isaaniif dheekkamee jennata isaa keessaa isaan hari’ee
balbala jennataa cufatu....duraa boodaan itti mul’ate.

Jireenyi hadha’aan inni har’a jiraatu bu’aa taatee sanaa


itti fakkaate. “Amma utuu jarri abboommii cabsanii hin
ari’amne ta’ee ani yoona eessan jiraa?” jedhee yaade.

Iddoo jiraachuuf malu sanaa fi iddoo amma jiru wal bira


qabee akka malee itti dhaga’ame. Imimmaan ijatti guute.
Ilkaan isaa isa gararraadhaan hidhii isaa isa gadii ciniine.
Harka isaa isa mirgaa aboottatee keenyan manaa rukkute.
Keenyanichi qoroqoorroo waan tureef aadde Margeen

Eebbisaa Baayisaa Fuula 179


Seenaawwan Gaggabaaboo

sagalee isaa dhageessee naasuudhaan hirribaa wareertee


kaatee isa waamte.

“Dabalaa!” jennaan sodaatee cal jedhe. “Maaf didda


Dabalaa”—irra deebitee waamte. “Maal jettan
Immammaa!” jedhee sagalee naasuudhaan owwaate.
“Immammaa kee ishee duute bira si haa dhaqatu! Maal
taatee mana koo narratti diigdaa? Inni ati ji’a tokko
guutuu gatii kiraa manaa na dhowwatte sitti xiqqaatee
mana koo diiguufii? Si haa diigu Sillaaseen ollaa
kanaa......” waan meeqaa fi meeqa jette.

Borii kaasee mana biraa barbaaddatee akka kireeffatuu fi


maallaqa isarra jiru akka kaffalu akeekkachiisa dhumaa
kenniteefii hirriba keessaa dammaqxe sanatti deebite.

Baasee dubbachuu sodaatus Dabalaan of keessatti,


“Ameen!” jedhe. “Iddoo Immammaan koo dhaqxe na
haa dhaqatu. Nan jibbeeree? Isatu na dide malee. Yaa
Sillaase, abaarsa jaartii kanaa lafa hin buusiin” jedhe.
Akeekkachiisi aadde Margee garuu ittumaa abdii isa
kutachiiseera.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 180


Seenaawwan Gaggabaaboo

Qorqoorroo keenyanii rukkutuu isaaf gammachuu xiqqoo


argate. Waanuma Addaamiin rukkute itti fakkaate. “Yaa
Addaam! Kana hunda kan natti fide si’i. Rakkina keen
rakkachaa jira; adaba keen adabamaa jira; gidiraa keen
gidirfamaa jira—yaa si’ii! Waan hundumaa nyaattee
waan tokkittii dhiisuu dadhabde. Addunyaa waan hundi
keessatti heyyamamee waan tokko qofti dhorkamu
keessaa baatee, kunoo anaan immoo addunyaa waan
hundi keessatti dhorkamee waan tokko qofti heyyamamu
keessa na fidde. Har’a isa ati facaaften haammachaa jira.
Biyyoon sitti hin salphatin!” jedhee Addaamiin komate,
Addaamitti dheekkame, Addaamitti murteesse,
Addaamiin abaare.....

Haala akkanaa keessa jira egaa nama Imbaasii Ingilizii


fuula duratti isa beellame sana arguuf yommuu deemu.
Kanaan dura isa argee hin beeku.

“Dhaamsa namaan sitti kenna” ittiin jennaan tole jedhe


malee dura didee ture. Nama kanaan dura argee hin
beekne beellamee arguun akka malee itti ulfaatee ture.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 181


Seenaawwan Gaggabaaboo

Garuu jechi dhaamsa jettu laphee isaa argattee akka inni


deemu taasifte. Yeroo wal argan Dabalaan xiqqoo
sodaate. Namichi nama uffannaa haalaan miidhagu
uffatuu fi baay’ee irraa bareedee jiru tokko. Konkolaataa
bareedaa qabatee jira. “Dabala! Siin wal arguu kootti
guddaan gammada. Barbaacha yeroo dheeraadhaan
boodan si arge” jedhe. Isa booda konkolaataa isaa keessa
seensee gara Kaazaanchis hoteela Juppiiteritti geesse.
Dabalaan akka nama abjuu abju’atuu callisee ilaala.
Waardiyyaa nuuf taata jedhanii erga Najjoodhaa isa
fidanii waggaa shan ta’us hamma ammaatti
Kaazaanchisiin hin agarre.

Hoteela Juppiiter yeroo argu, keessa seenee waan hunda


yommuu ilaalu addunyaa kaleessa akka malee isa
gidirsaa turte irra jiraachuu isaa shakke. Dacheen inni
amma irra jiru kun dachee eda galgalaa, ishee irratti
aadde Margeen akeekkachiisa dhumaa itti kennan itti
fakkaachuu didde. Amanuu dadhabe.

Nyaata nyaatee hin beekne nyaatee, dhugaatii dhugee hin


beekne dhugee, jireenya jiraatee hin beekne

Eebbisaa Baayisaa Fuula 182


Seenaawwan Gaggabaaboo

dhamdhamee baay’ee itti tole. Har’a tokko jedhee


jireenya lafarraa waan jalqabe se’e. Waggoonni soddomii
ja’an hamma ammaatti umrii isaatti lakkaa’aman hundi
walitti ida’amanii hamma guyyaa har’aa kana ga’uufii
dadhaban. Madaalamanii baay’ee salphatanii argaman.

Nyaataa fi dhugaatii booda waliin haasa’uu eegalan.


“Dabalaa taphadhukaa. Jireenyi akkamree?” jedhe.
“Obbo Baqqaana! Waa’ee jireenyaa maal na gaafattaa?
Dhaladhee kanan guddadhe Najjootti ture. Abbaan koo fi
harmeen koo utuu ani daa’ima ta’ee jiruu wal hiikan
jedhan. Isa booda harmeen koo abbaa kootti na dhiiftee
badde. Hamma ammaatti jirtii fi hin jirtuun ishee hin
baramne. Yeroo deemtes eessaan akka deemte namni
beeku hin turre. Abbaan koos utuu ani xiqqoo ta’ee jiruu
dhukkubsatee na jalaa du’e. Akkoo koo, harmee abbaa
kootii, duwwaatu naaf hafe. Isheenis umriin ishee
deemee waan tureef kutaa ja’affaa utuu ani baradhuu na
jalaa duute.

Ergasii barnootatti hin deebi’iinan hafe. Hamma


ammaatti jooraa ta’een jiraadha.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 183


Seenaawwan Gaggabaaboo

Waggaa shanan har’aa firri keenya tokko boo’icha wayii


Najjoo dhufee waardiyyaa akkan isaaf ta’uuf gara
Finfinnee kana na fide.

Garuu badii gurguddaa inni na irratti hojjete irraa kan


ka’e isaa fi maatii isaa wajjin jiraachuu hin dandeenye.
Dhiisee ba’een naannoo Shiroomeedaadhaa mana xiqqoo
tokko kireeffadhee keessa jiraachuu eegale” jedhee
seenaa isaa isa nama gaddisiisu itti himate.

Baqqaanaan gadda guddaadhaan dhaggeeffate. Jireenya


Dabalaa jireenya mataa isaa wajjin madaale. Baroota
Dabalaan gidiraa guddaan dabarse kana inni immoo
biyya Ingilizii magaalaa Leenden keessa jireenya gaarii
jiraachaa ture. Dabalaan barumsa isaa xumuruuf carraa
hin arganne, Baqqaanaan garuu digirii sadaffaa (Ph. D)
isaa xumuruuf ji’oota muraasatu isa hafa. Dabalaan
hoteela seenee hin beekne seenee abjuu itti fakkaate,
Baqqaanaan garuu hoteelota Amerikaa warra Laas
Veegaasitti argaman kanneen addunyaa kana
ajaa’ibsiisaa jiran utuu hin hafin daw’ateera. Seenaan
isaanii baay’ee walirraa fagaata.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 184


Seenaawwan Gaggabaaboo

Baqqaanaan garaagarummaa guddaa isaan gidduu jiru


kana argee baay’ee gadde. Iji isaa imimmaaniin guute.

Dabalaan imimmaan Baqqaanaa argee na’e. Nama isaaf


gaddu, gaddee isa dhaggeeffatu, dhaggeeffatee isaaf
boo’u tokko addunyaa kanarraa qabaachuu isaa amanuu
dadhabe.

“Mana xiqqoo ani kireeffadhee jiraachaa ture iyyuu


kunoo amma keessaa na baasaa jiru. Mana biraa
barbaaddadhee akkan kireeffadhu akeekkachiisa natti
kennanii jiru. Utuun gatii geejjibaa qabaadhee deebi’ee
Najjootti galeen ba’aa namaaf baadhee jiraadha. Garuu
isas eessaan fida jetteeti? Jireenya koo keessatti akka
gidduu kanaa abdii kutadhee hin beeku.

Wanti hundi natti dukkanaa’eera. Abdii ani ittiin dur of


jajjabeessee jiraadhu eessa akka na jalaa seene hin
beeku” jedhee dubbii isaa ittuma fufe.

Namni tokko, namni Awurooppaadhaa dhufe tokko,


namni konkolaataa bareedaa oofu tokko, namni guddaan
tokko hamma kana qalbii isaa kenneefii yeroo isa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 185


Seenaawwan Gaggabaaboo

dhaggeeffatu jireenya isaa keessatti kun isa jalqabaati.


Tokko lama jedhee rakkina isaa hundumaa itti himate.
Baqqaanaanis tokko lama jedhee isa dhaggeeffate.

Dhaggeeffatee dhaggeeffatee dhuma irratti icciitii


guddaa itti himuutti ka’e. Icciitii Dabalaan amanuu
dadhabe tokko!

“Ilaa Dabala! Si barbaaduu kan eegalle turreerra. Garuu


yeroodhaan si argachuu hin dandeenye. Akkuma ati jette
abbaan kee du’eera ta’a. Harmeen kee garuu
lubbuudhaan jirti. Waan nama dhibu, ani mucaa harmee
keetiiti. Obboleessa kee!” jedhee itti marmee boo’uutti
ka’e. Dabalaan garuu akka waan abjuu keessa jiruu itti
fakkaate.

Miirri inni kana jedhee ibsachuu hin dandeenye tokko


guutummaa dhagna isaa weerare. Sodaas fakkaata,
gammachuus fakkaata, shakkiis fakkaata....waliin isaa
hin beekamu.

“Maal? Hin amanu! Ani kana hin amanu. Harmeen koo


moo? Lubbuudhaan jirtii? Akkamitti? Eessa?

Eebbisaa Baayisaa Fuula 186


Seenaawwan Gaggabaaboo

Hin amanu” jedhe—Dabalaan. “Amani Dabala!


Harmeen kee lubbuudhaan jirti. Biyya Ingilizii magaalaa
Leenden keessa jirti. Daldaltuu dureettii kan maallaqa
guddaadhaan hojjettuudha.”

Daa’imummaa keetti abbaa keetti si dhiiftee deemuun


ishee jaallattee miti. Haalli siyaasaa yeroo sanaa biyya
keessa akka turtu isheef hin heyyamu.

Kanaaf si dhiiftee haala seenaa dheeraa qabuun Ingilizii


galte. Achi geessee karaa ittiin deebitee si argattu hin
qabaanne. Bilbila hin qabdu, lakkoofsi poostaa hin jiru,
hamma ammaatti garaa dhalaan akka si yaaddetti jirti.
Booda abbaa koo—Dhufeeraa Guyyaa—tti heerumte.
Anaan na deessee achuma irratti da’umsa dhaabde.
Akkuma ati qofaa kee asitti guddatte, anis qofaa koon
achitti guddadhe.

Yeroo hundumaa yeroo maamiin (harmee isaa)


obboleessa tokko biyyaa qabda jettee natti himtu gaaf
tokko barbaadee akkan si argadhu abdii godhachaan ture.
Jaalala Waaqaa ta’ee kunoo har’a ijaan si arguuf
milkaa’een jira” jechuun ammas al tokko itti marme.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 187


Seenaawwan Gaggabaaboo

Dabalaan wanti ta’aa jiru bitaa isa galee jennaan callisee


dhaggeeffata. Jireenya isaa isa daqiiqaa muraasa duraa
yaadatee waan isaa wallaale. Attamitti yeroo gabaabduu
akkanaa keessatti jireenyi nama tokkoo guutummaan
guutuutti akka gedderamutu isaaf galuu dide.

“Amma akka ani as jiru eenyutu sitti himeree?” jedhee


gaafate. “Jalqaba Najjoon deeme. 'Najjoodhaa immoo
nama akkana akkanaa beektuu?' jedheen namoota
gaggaafadhe. Torban tokko guutuu iyyaafadhee nama si
beeku argachuu hin dandeenye. Maamiin maqaa abbaa
keetii naaf kennitee waan turteef maqaa isaanan si
iyyaafadhe. Dhuma irratti namni si beeku tokko fira bira
gara Finfinnee akka deemte natti hime.

Karaa namoota ati bira deemte sanaas iyyaafatee waa’ee


kee akka natti himu waadaa naaf seene.

Akkuma jedhes bilbilaan namoota hedduu qunnamee


eessa akka jirtu naaf hime. Anis baay’ee waanan
gammadeef maallaqa hedduun kenneef. Kunoo gargaarsa
Waaqaa waliin har’a si argadheen jira.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 188


Seenaawwan Gaggabaaboo

Maamiin immoo akkan si argadhe yoon itti hime akkam


akka taatu hin beeku. Akkam akka gammaddu!”

“Anis harmee koo fi obboleessa koo argachuu koof


baay’een gammada” jedhe—Dabalaan. “Amma egaa
dafnee dafnee adeemsa jiru raawwannee biyya Ingilizii
deemnee harmee kee wajjin wal argita. Paaspoortii qabda
mitii?” jedhee gaafate. “Paaspoortiin maali? Maal
godhatu?” jedhee gaaffii isaa gaaffiidhaan deebise.

“Paaspoortiin waraqaa eenyummaa biyyoolessaati. Kan


ittiin biyya alaa deeman. Homaa rakkoo hin qabu, hin
qabdu yoo ta’e siif baafna” jedhe.

Gidduutti Dabalaan gatii taaksii dhabee miillaan bakka


beellamaa dhufuu isaa yaadate. Karaa irratti akka
maraatuu qofaa isaa dubbachaa isa dhufetu itti
yaadatame. Gaadidduu isaa isa fuula dura isaa deemu
lafatti gad ilaalee, “Rakkataan kun!” jedhee waan hedduu
hedduu isa ittiin jedhaa dhufe yaade. Utuu hin beekin iji
isaa imimmaaniin guute.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 189


Seenaawwan Gaggabaaboo

Al tokkoo fi isa dhumaa gidiraan addunyaa irraa kun


boqonnaan isaa waan isa irraa cufame itti fakkaate.
Hiyyummaan isaa kana booda akka taatee seenaa tokkoo
duwwaatti akka yaadatamu yaade. Uu...uu...uu....ni darbe
barri rakkinaa!

Baqqaanaan boorsaa maallaqaan guute tokko fuudhee


Dabalaatti kenne. “Kun baasii si barbaachisu hundumaaf
kan si ga’u maallaqa harmeen kee siif ergiteedha.
Kanaafuu, hamma danda’ametti yeroo dhi’ootti waan
deemnuuf wantota si barbaachisan hundumaa bitadhu.
Gatiin namootaas yoo sirra jiraate ittiin ofirraa baasi.
Deemsaaf of qopheessi!” jedhe. “Gatiin namaa yoo sirra
jiraate....” yeroo inni jedhu Dabalaan aadde Margee
yaadate. Kiraa manaa kan ji’a tokkoo irraa qabdi.
Hamma achii deemee aadde Margeef maallaqa ishee
kennutti ariifate. Itti aansee maal maal akka bitatu toora
galchuutti ka’e. Waan bituu fi waan dhiisu wallaale.
Filannootu itti baay’ate.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 190


Seenaawwan Gaggabaaboo

Kanaan utuu jiruu Baqqaanaaf bilbilli bilbilame. Nama


tokkotu Najjoo irraa bilbileef. “Haloo! Baqqaana
nagumaa?”

“Nagaa galata Waaqayyoo.”

“Baga gammadde Dabalaan kunoo as ga’ee jira.”

“Dabalaa argadheeraa bar. Kunoo amma


Finfinnee waliin jirra.”

“Lakkii maal taate? Dabalaa Gammachuu


Moosisaa jechuun kunooti na bira jira. Maqaatu wal
fakkaannaan malee isa achi jiru miti. Mee hamma
akaakayyuu isaatti gaafadhu!”

“Al tokko dhiifama! Mee maqaa kee guutuu natti


himi”—dhiphateera. “Jechuun, hamma akaakayyuutti!”

“Dabalaa Gammachuu Garbii”

Namichi Najjoorraa bilbile toorarra jira. Baqqaanaan isa


wajjin dubbachuutti deebi’e. “Inni kun Dabalaa
Gammachuu Garbii jedhama.”

Eebbisaa Baayisaa Fuula 191


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Ani hin jennee? Maqaatu wal fakkaate. Amma


ariifadhuu isa geggeessii ofii kee kottu. Kottuutii
obboleessa keen wal argi!” yoo jedhu Baqqaanaan waan
ta’u dhabe.

Lachuun isaanii naasuu irraa kan ka’e akka haadha


manaa Lox baqanii achumatti waan hafan itti fakkaate.

Edaa maqaa fi seenaatu wal fakkaate. Dabalaan


barbaadamu Dabalaa isa kana hin turre. Dabalaa inni
sirriin boqonnaaf Finfinnee irraa Najjoo galee achitti
argame. Wantonni ariifatanii iddoo duraatti deebi’an.
Dabalaan takkaa maallaqa Baqqaanaan isaaf kenne
boorsaa keessatti harka isaa irratti ilaale, takkaa immoo
haala nama gaddisiisuun ija Baqqaanaa keessa ilaale.
Wanti hundi bitaa itti gale. Rakkinnii fi hiyyumni isaa
kaleessaa daqiiqaa muraasaaf ittii adda ba’anii amma
garuu deebi’anii dhufan.

Baqqaanaan yeroof waan jedhu wallaalee callise.


Maallaqa hamma sana ga’u dhiiseefii hin deemu. Irraa
fudhachuuf ammoo seenaan Dabalaa akka malee isa
gaddisiisee jira.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 192


Seenaawwan Gaggabaaboo

Waa murteessee murtoo isaa beeksisuuf battaluma


Baqqaanaan afaan saaqqatu, Dabalaan bir jedhee hirriba
gad fagoo keessa ture keessaa ka’e. Ni dammaqe. Edaa
kun hundumtuu abjuudha malee.....

Eebbisaa Baayisaa Fuula 193


Seenaawwan Gaggabaaboo

...9...

Du’a Garasitti

Roobaan jedhama. Roobaa Gamtaa. Dhaladhee waggoota


82 lafarra ergan jiraadhee booda du’een gara addunyaa
du’a garasii dhufe. Ergan dhufee kunoo amma yeroon
muraasi darbeera. Guyyaa, ji’aa fi waggaa lakkaa’uun as
waan hin jirreef, ergan du’ee hammana ta’eera jedhee
ibsuu hin danda’u. Bakki amma jirru raawwatee lafa
irraa addadha. Addunyaa hedduu nama gammachiisu,
kan rakkina wanti jedhamu keessa hin jirre, kan itti
dadhabanii hojjechuu fi dafquun keessa hin jirre, kan wal
jibbuu fi wal hamachuun keessa hin jirre, addunyaa
addaa keessa jirra. Jireenya amma jirru kana isa yeroo
lafarra turree wajjin yoon wal bira qabee ilaalu fagoo
fagoo wal caala. Raawwatee wal hin fakkaatu.

Akka carraa ta’ee akkuma koo du’ee gara iddoo kanaa


kan dhufe nama lammii Chaayinaa kan maqaan isaa
Yuungi Chii Hoo jedhamu waliinan jira.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 194


Seenaawwan Gaggabaaboo

Lafarra waggoota 78 jiraatee isa booda balaa akka tasaa


isa mudateen du’e. Akka tasaa…. Anii fi Yuungi amma
waliin haasa’aa jirra.

Lachan keenya yaadannoo hedduu qabna. Turtii keenya


isa lafarraa yeroo itti madaalludha.

Yaadannoo isa ijoollummaa, kan dargaggummaa, kan


ga’eessummaa fi kan dullumaa. Yaadannoo isa gaarii, isa
hamaa, isa mijataa, isa hin mijanne, isa nagaa, isa
dhukkubaa, isa gaafa argannee, isa gaafa dhabnee, isa
bal’inaa, isa dhiphinaa, isa nama gammachiisu, isa nama
gaddisiisu,….hedduu hedduu yaadanna. Yaadannoo
kanas waliif hirra, waliif qoodna. Isa nama gammachiisu
waliin gammanna, isa gaddisiisus waliin gaddina. Eyyee,
walumaan….

Ani nama Oromiyaati, inni immoo nama Chaayinaa.


Bakka tokko teenyee taphachaa jirra. Namoonni isaan
kaanis hedduun naannoo keenya jiru. Yommuu nuti
haasofnu dhufanii gidduu gidduutti haasaa keenya
addaan kutu.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 195


Seenaawwan Gaggabaaboo

Waan isaan nu gaafatan itti himnee, kan nutti himan


dhageenyee, keessumsiifnee gara haasaa keenyaatti
deebina.

Akkuma wal argineen walitti gammannee wal barre.


Duraan dursee anatu maqaa koo fi iddoon dhufee itti
hime. Roobaa Gamtaa akkan jedhamu, Oromiyaa irraa
akkan dhufe, ijoollee 5 akkan qabu, ijoollee ijoollee
kootii 21 akkan arge, waggoota 82 sana keessatti waan
hedduu hojjedhee akkan dhufe….waan baay’een itti
hime.

Itti aansee isatu kan isaa natti hime. Yuungi Chii Hoo
akka jedhamu, lammii Chaayinaa akka ture, mucaa ilmaa
tokko akka qabuu fi ilmi isaa sunis tokkuma akka qabu,
hamma jilba sadiitti nama sadii duwwaa akka arge,
mootummaa biyya isaa akka malee mormaa akka
ture….waanuma hedduu na haasofsiise

Durumaa kaasee waa’ee koo waan hedduu dubbachuu


hin jaalladhu. Haa ta’u malee, hamma naaf danda’ame
ergan of isaaf ibsee booda gara dhimmoota barbaachisoo
isaan kaaniittan darbe. “Argitee! Amma dudduuba

Eebbisaa Baayisaa Fuula 196


Seenaawwan Gaggabaaboo

deebi’ee waggoota 82 kanan lafa irra jiraachaa ture


yommuum madaalu miira adda addaatu natti
dhagaa’ama. Akka lammii Afrikaatti ani nama hiyyuma
lammii isaa qooddachaa tureedha. Utuu dubbannuu,
lafarratti maatii qotee bulaa irraan dhaladhe.

Abbaan koo Obbo Gamtaa Dibaabaa qotee bulaa


hiyyeessa ture. Harmeen koo aadda Dambalee Moosisaa
kan jedhamtu immoo hojiima qonnaa keessatti abbaa koo
gargaaruu malee galii mataa ishee kan hin qabne turte.
Maatiin rakkinaan jiraatu sun egaa ijoollee kudha tokko
hore. Ana malee ijoollee 10 qabu jechuudha. Nu biratti
akka biyya keessanii dhala tokkoo ol godhachuun hin
adabsiisu. Nuti, One Child Policy keessan hin beeknu.

Hamma dandeenye dhalchina, hamma dandeenye


guddifna, hamma dandeenye keessaa barsiifna, hamma
dandeenye….

Callisee na dhaggeeffata. Gaafan du’e sana yaaddoon


koo inni guddaan qofummaa ture. 'Addunyaan hin
beekne keessatti qofaa koo ataman ta’aa?' jedheen
sodaachaa ture. Namoota na dura du’an hedduu achitti

Eebbisaa Baayisaa Fuula 197


Seenaawwan Gaggabaaboo

arguuf akkan jiru yaadee jajjabaadhus, maaltu beeka


baay’ina namoota hamma hammaatti du’anii achi jiranii
irraan kan ka’e firoota koo arguu dadhabee qofaa koo
yoon ta’ehoo? Yuungi gurra guutuu, miira guutuu, garaa
guutuu fi yaada guutuun yeroo akkanatti na dhaggeeffatu
sodaan ani qofummaaf qabu lafa inni deemen dhabe.

Anii fi Yuungi duunee du’a garasitti dubbachaa


jirra!

Ittuma fufne. Inni na dhaggeeffata, ani immoo nan


haasa’a. Ijoollee 11 abbaa koo fi harmee koo irraa
dhalanne keessaa ana dabalatee nama shantu barnoota
xumure. Isaan kaan afran Yuunivarsiitii galanii digirii
isaanii fudhataniiru. Ani akka tasaa kutaa 10 xumureen
koollejii qonnaa tokko seene. Dippiloomaa xumureen
ittiin hojjechaa ture.

Akkuma beekamu Itoophiyaa jedhanii biyyi waaman sun


amma illee bu’uurri dinagdee ishee qonnaadha.

Kanaafuu, barbaachisummaan ogummaa qonnaa


biyyittiif akka malee barbaachisaadha.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 198


Seenaawwan Gaggabaaboo

Anis kutaa 10 tti barnoota dhaabee gara ogummaa


sanaatti seenuun koo kanumaaf.

Duuneerra, du’a garasitti dudubbachaa jirra!

Yuungi waa’ee jireenya isaa isa lafarraa natti himuutti


ka’e. Ani abbaa koof ilma tokkicha. Chaayinaatti
akkuma ati beektu dhala tokko caalaa dhalchuun nama
adabsiisa.

Sababni isaa baay’inni ummata keenyaa addunyaa irraa


harka 7 keessaa 1 ta’a. Nuti hedduudha” yoo naan jedhu
gidduuttin saba Oromoo miliyoona shantamaa ol ta’u kan
akka galaanaa gaanfaa Afrikaa irra dhangala’ee jiru
yaadadhe.

Yaadadheen yaadaan achi imale. Saba guddaan al tokkoo


fi isa dhumaa ittii adda ba’ee dhufe sanatti dabalame.
Imimmaan ijatti na guute.

Yuungii waanan dhaggeeffachaa jiru itti fakkaatee ittuma


fufee haasa’a. “Mucaan abbaa koo isheen jalqabaa durba
taate. Argitee, abbaan koo durba yoo guddise maqaan
isaa itti fufee hin waamanin hafa. Hiddi warra keenyaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 199


Seenaawwan Gaggabaaboo

achuma irratti dhaabata jechuudha. Suuta jedhee ajjeese.


Dhala jibbee utuu hin taane, maqaan hidda keenyaa itti
fufee akka waamamuuf. Harmeen koo lammaffaa deesse,
isheenis durba taane.

Waan godhan dhabnaan, ishees suuta jedhanii ajjeesan.


Sadaffaanis akkasuma taanaan akkasuma godhan. Yakka
suukaneessaa raawwatan sana irraa kan ka’e kunoo
abbaa fi haati koo bakka nuti dhufne kana seenuu hin
dandeenye. Carraan isaanii kan biraa ta’ee, addunyaa
boqonnaa fi nagaan keessa hin jirre keessatti dhiphachaa
jiru.

Afraffaa irratti anaan na argatan. Yakki ijoollee durbaa


sadanii sun isaanitti dhaga’amus, na argachuu isaaniitti
garuu guddaa gammadan. Qananummaa guddaan na
guddisan. Manneen barnootaa gaariitti na barsiisan.

“Baradhee saayinsii siyaasaan digirii lama yommuun


fudhadhu, mootii Chaayinaa ta’uun abjoodhe. Suuta
suutaanis sochiin eegale. Namoota muraasa walitti
qabadheen karaa hammayyaatiin mootummaa
fonqolchuuf yaalii taasise. Egaa seenaan isaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 200


Seenaawwan Gaggabaaboo

dheeraadha. Dhuma irratti namoota na fakkaatanii na


wajjin socho’aa turan keessaa tokko deemee icciitii koo
fi dhaaba koo hundumaa qaama mootummaaf ifa taasise.
Mana murtii ol aanaatti dhi’aannee nutti murtaa’e.
Miseensonni dhaaba keenyaa isaan kaan hidhaa salphaa
waggaa sadii sadiin adabaman. Ani garuu abbaa
mul’atichaa waanan ta’eef murtoo addaa natti kennan.
Wanti natti murtaa’es, Itoophiyaa deemee achii hojii
humnaa hojjechuu ture. Deemuu malee filannoo biraa
hin qabun ture” jedhee ibsa isaa itti fufe.

Du’a garasitti Yuungi wajjin haasa’aa jirra.

Yeroo Yuungi kana dubbatu bitaa na gale. Nan


yaadadhe. Namoota Chaayinaa kan baay’inni isaanii
lammiilee biyyichaa wajjin baay’ee wal hin caalle.

Warra daandii qotaa oolan, warra shuboo elektirikii


gottotan, warra warshaa adda addaa keessaa hojjetan,
warra ijoollee durbaa irraa mucaa godhatanii
daa’imman—Chaayinaa yokiis Itoophiyaa hin taane—
lafa guutan. Nan yaadadhe. Edaa jarri sun adabaan achi
dhufuu? Ajaa’iba!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 201


Seenaawwan Gaggabaaboo

Miira gad fagoo keessa ta’ee haasa’uu itti fufe—Yuungi.


“Yeroo jalqabaaf biyya Itoophiyaa jedhamtu kanan arge
yeroo sana ture. Akkuman achi ga’een daandii baadiyyaa
hojjetamaa jiru tokko keessan hojjechuutti ka’e.
Barnoonni ani baradhe Saayinsii Siyaasaa ta’us, adaba
diduu waanan hin dandeenyeef, hamman paarlaamaa
biyyattii keessa seenuuf yokiis paartii mataa koo dhaabee
filannoof dorgomee mootii Itoophiyaa ta’utti, calliseen
hojii humnaa sana eegale. Namoonni biyyittii tokko
tokko hojii hin jaallatan. Akaafaa fi gasoo itti laannee
akka nu wajjin hojjetan yaalle. Hojii dhiisanii muka
akaafaa dhadhaabbatanii haasa’u. Nuuf gamnaan muka
akaafaa irraa kukkunnee gabaabsinee itti laanne.

Amma immoo ittumaa akaafaa lafa kaa’anii irra taa’an.


Odeessanii oduun jalaa hin dhumu, ni odeessu, ni
odeessu....

“Yeroo jalqabaaf biyyittiin maaliif hiyyuma akka malee


keessa akka jirtun hubadhe. Saba hiyyeessa lafa
dureessa irra jiraatu! Biyyittiin attamitti haa guddattu
mee. Xinnaa fi guddaan hojii hin jaallatu.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 202


Seenaawwan Gaggabaaboo

Walitti yaa’ee oduu odeessuu duwwaa dha. Beekaan inni


barates hin hojjetu. Waajjira taa’ee waraqaa tokko
qabatee guyyaa guutuu odeessaa oola. Inni geggeessu hin
hojjetu, inni geggeeffamu hin hojjetu, aanga’oonni hin
hojjetan, warri isaan jalaa hin hojjetan, ijoolleen hin
hojjetan, dargaggoonni hin hojjetan, harmooliin hin
hojjetan, abboonni hin hojjetan.....” yeroo inni jedhu
galaana yaadaa kanan keessaa deebi’uu hin
dandeenyeenan nyaatame. Dubbiin namicha kanaa
dhugaa moo dhugaa miti kan jedhun qorachuutti ka’e.

Kun dubbii nuti du’a garasitti Yuungi waliin taasifnedha.

Ittuma fufe. “Kana hundumaa gaafan argu nan gadde.


Biyyittii keessa yeroo dheeraa jiraadhee, paartii siyaasaa
ijaaree filannoof dorgomuuf yaadan qabus nan jijjiire.
Biyya kanatti mootii ta’uun itti gaafatamummaa hin
ba’amne baachuu akka ta’e naaf gale. Kanaafuu, dirqama
koo xumuree gara Chaayinaatti deebi’uun yaade. Yaaduu
qofaa miti akkasuman taasises!”

“Obboleessa koo, icciitii guddaa natti himte. Maal


godha, karaan ittiin namoota lafarra jiraachaa jiraniin

Eebbisaa Baayisaa Fuula 203


Seenaawwan Gaggabaaboo

ga’u hin qabu malee silaa waan dhaamaaf. Edaa


Chaayinoonni hamma sana kan baay’atan kanaaf. Nama
gaddisiisa. Biyyi keenya eenyummaa ishee gattee
guutummaan guutuutti eenyummaa Chaayinaa
fudhatteetti. Waan si dhibu, maqaa isheetu Chaayinaa
jedhamee hin moggaafamne malee waan hundumtuu
to’annaa ishee jala ta’eera. Mee addunyaa daldalaa
fudhadhu. Bilbila sochootu (mobile phone) bitachuu yoo
deemte kan Chaayinaa duwwaa dha. Surreen Chaayinaa.
Shaamiziin Chaayinaa. Kopheen
Chaayinaa.KarabaataanChaayinaa,.....Chaayinaa,.........C
haayinaa,....Chaayinaa....duwwaa. Waan nama gaddisiisu
immoo meeshaan Chaayinaa hundi guyyaa lama booda
akka hin taane ta’uu isaati. Bilbilli keessan torban lama
booda hojii ala ta’a.

Kopheen keessan akka ibiddaa nama guba, sana irratti


foolii isaa uumaan sitti hin ergiin. Qabattoon keessan
torban tokkoo booda citee surree harkaan qabannee
deemna.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 204


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Mee koloniin kana caalu maaltu jiraa? Yuungi


gabrummaan sirriin kunoo kan keessan. Ardii Eeshiyaa,
Baha Fagoo, teessanii kan eenyummaa biyyattii to’attan,
kan damee biyya keessanii yeroo gabaabaa keessatti
gaanfaa Afrikaatti hundeessuu dandeessan, meeshaa
umrii hin qabneen nu gowwoomsitanii addunyaa
daldalaa kan to’attan, dargaggoon biyyattii meeqaa fi
meeqa baratee waan hojjetu dhabee utuu jooruu, utuu
joonja’uu, utuu carraa isaa abaaruu dhuftanii carraa hojii
kan nu saamtan,.....kana! Eyyee, kana Yuungi,
gabrummaan sirriin kana. Kolonii meeshaa lolaa hin
qabne, kolonii dhiigni uumamaa hin dhangalaane garuu
dhiigni xiinsammuu lola'ee, lola'ee, lola’ee hin cinne,
kolonii hammayyaa....Kana koloniin!” jedheen sagalee
guddaan dubbadhee Yuungiiin naasise. Nan finiine.
Utuun aaraa jiruun aariin du’a garasitti dhorkaa akka ta’e
yaadadhe. Ciniinnadheen itti dhiise!

Dhaabadheen yaade. Mee carraan biyyattii inni gara


fuula duraa maal ta’uuf jiraa? Garamitti deemaa jirti?

Eebbisaa Baayisaa Fuula 205


Seenaawwan Gaggabaaboo

Egereen ishee maal ta’inna laata? Deemee deemee


maqaan biyyittii Chaayinaa lammaffaa yoo ta’ehoo?
Maaltu beeka! Utuummoo waan hojjetan mara haala
gaariin hojjetaniihoo? Hamman yaadadhutti hojii
Chaayinaan nu biratti hojjettetti gammadee hin beeku.
Daandii yoo hojjetan utuu isaan hin xumuriin inni
jalqaba hojjetame caccabee dhuma.

Manni isaan ijaaran utuu gamoon isaa hin eebbifamin


keenyan isaa baqaqa. Shuboon elektirikii isaan diriirsan
ji’a lama booda utubaan baatee dhaabachuu dadhabee
kufa. Haala kanaan misooma biyyattii keessa galuun
ishee misoomsuuf moo balleessuuf laata? Kana kana
utuun yaaduun yaadaan bade. Yuungi na’ee callise,
animmoo yaadaa waanan jiruufan callise.

Du’a garasitti hiriyyaa koo Chaayinaadhaa dhufe wajjin


haasa’aa jirra.

“Sirriidha!” jedhe Yuungi akka na jajjabeessuu wayii.


“Biyyittiin sirna Chaayinaan dhuunfatamuun ishee nama
gaddisiisa. Sun akka isheen ofii isheetii wantota hin
hojjennee fi argannoo haaraa bira hin geenye ishee

Eebbisaa Baayisaa Fuula 206


Seenaawwan Gaggabaaboo

daangessa. Kanaafuu, biyyattiin dhiibbaa biyyoota alaa


irraa bilisa ta’uu qabdi. Chaayinaa qofaa miti.

Biyyoonni akka Chaayinaa bu’aa mataa isaaniif itti


dhi’aatan ittii adda ba’uu qabu. Of dandeessee miilla
lamaan dhaabachuu qabdi. Ilmaan ishee qofti misooma
ishee irratti bobba’uu qabu. Mee fakkeenyaaf
Chaayinaama fudhadhu. Yeroo murtaa’e dura
hiyyummaa guddaan beekamti ture. Addunyaan guutuun
rakkoo suukaneessaa isheen qabduun ishee beeka. Sana
booda murtoo mataa ishee fudhatte. Kan ishee
hiyyoomse biyyoota bu’aa mataa isaaniif jecha gargaarsa
xiqqoo kennaniifii isheetti dhi’aatan akka ta’e irratti
dammaqxe. Eessa akka jirtu of argite. Lammii isheef
karaa danda’ame mara carraa hojii bantee ijoollee isheen
guddachuuf murteessite. ‘Gargaarsa alaa dhiisnee, baala
nyaannee biyya keenya misoomsina’ jedhanii harka wal
qabatanii ka’an—ijoolleen ishee.

Akkuma jedhan baala nyaatan, harree nyaatan, saree


nyaatan, jaldeessa nyaatan, bofa nyaatan......waan hedduu
ta’anii, of wareeganii biyya isaanii guddifatan.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 207


Seenaawwan Gaggabaaboo

Hamma gaafa ani du’ee gara kana dhufeetti Chaayinaan


dinagdeedhaan Amerikaatti aantee lammaffaarra jirti.
Isheeyyuu dursuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa jirti.
Kanaaf, biyyi keessan guddachuuf kan ishee barbaachisu
dugda duubee Chaayinaa fakkeenya godhachuu malee
bifa hammayyaan ittiin gabroomfamuu miti.”

Mataa raaseen dhugaa ta’uu isaa mirkaneesseef! Na hin


hubanne. Maaliif? Mataa raasuun Chaayinaa keessatti
waa tokko irratti waliif galuu hin argisiisu.

“Dhugaa jette! Maal godhu egaa. Iccitii ati natti himte


kana karaan ittiin saba koon ga’u hin qabu. Sababni isaa
amma iddoo deebi’anii hin galle jirra. Waadaa biyya
keenya lafarraaf seennus hin qabaannu. Yeroon isaa
dhumeera. Yoo dammaqan ijoolleen keenya, ijoolleen
ijoollee isaaniis bilisummaa biyyattiif haa dhaabatan
malee, gama keenyaan ga’ee keenya xumurreerra!”
jedhee itti himeen yeroo biraa wal arginee akka taphannu
waadaa seeneefii Yuungi waliin adda baane. Anis karaa
koo innis karaa isaa....

Iji nagaan wal haa argu!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 208


Seenaawwan Gaggabaaboo

…10...

Lubbuu Kee Mararfadhu!

Miirri yakkamtummaa itti dhaga’amee fuula ishee


dukkaneessitee deemaa jirti. Waggoota sadan darban
keessatti hammam namuusa akka dhabdee fi jireenya gad
dhiisii akka jiraatte yaaduutti kaate. Jireenya ishee
keessatti waan akkanaa yaaduu hin barbaaddu. Hamma
isheef danda’ametti bilisa taatee jireenya bilisummaa
jiraachuu feeti. Ganama kana garuu akka malee itti
dhaga’ameera. Garagaltee jireenya ishee durii yaadatte.
Mana barnootaa yeroo turte barattuu amala gaarii fi
dandeettii guddaa qabdu akka turte; waggoota muraasa
dura kutaa saddeettaffaa yeroo barattu badhaasa lama
wal faana akka fudhatte—kan amalaa fi kan qabxii ol
aanaa—yaadattee gaddite.

Caamsaa 24, bara 2009 ganama tilmaamaan naannoo


sa’a 7:00 ta’a. Durbee waggaa 23 kan taate Boontuu
Ittafaa yaadaan jireenya ishee isa darbe sakatta’aa utuu

Eebbisaa Baayisaa Fuula 209


Seenaawwan Gaggabaaboo

deemtuu naannoo bakka awwaalaa beekamaa Yoosef


geesse. Boontuun adaadaa ishee aadde Loomee bira akka
teessu gara Finfinneetti kan ergamte sababa gurguddaa
lamaaf.

Tokkoffaan, qormaata kutaa kudhnaffaa waan kufteef


achitti akka barattuuf. Lammaffaan immoo, amallii fi
namuusi ishee guyyaadhaa guyyaatti babbadaa dhufe
akka sirraa’uuf. Tarii bakka hin beekne yoo deemte ni
jijjiiramti jedhanii waan yaadaniif maatiin ishee
Finfinneetti ishee ergan. Waan godhu dhabnaan ishee
erge malee abbaan ishee obbo Ittafaan illee daqiiqaa
tokkoofuu ija isaa duraa ishee dhabuu hin barbaadu ture.

Boontuun Finfinnee dhuftee jireenya magaalaa itti baruuf


yeroon isheetti fudhate muraasa ture. Duraanuu haalli
ishee akka ijoollee magaalaadha. Dhiqattee dibattee
yommuu baatu dhiirri ishee ilaalee hin naane hin jiru.
Simboo addaa tokko qabdi. Dhugaa dubbachuuf baay’ee
bareeddi. Jireenyi ishee hamma sana namuusa akka
dhabu kan taasise tarii bareedina ishee kana ta’uu hin
oolu. Mudhiin ishee qal’oo akka mudhii soonsaati.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 210


Seenaawwan Gaggabaaboo

Hidhiin ishee haphii baay’ee miidhagaadha. Achi hafe


waan jedhamu hin qabdu. Finfinnee dhuftee gaafa ji’a
lamaa warra keessatti dhalatee keessatti guddate caalaa
mucaa magaalaa fakkaatteetti. Akkaataan dubbii ishee
hundi jijjiirameera.

Uffannaan ishee, deemsi ishee, sochiin ishee,....wanti


hundi iddoo isaa kaleessaa hin jiru. Jijjiirameera.

Adaadaa ishee aadde Loomee wajjin naannoo Gootaraa


jiraatu. Koollejjii fayyaa Tirooppicaal jedhamu kan
Xoor-hayiloochiitti argamutti barnoota fayyaa barachaa
jirti. Neersiingii isa jedhan baratti. Guyyaa isheen jalqaba
adaadaa ishee wajjin deemtee galmoofte ture iji
dargaggoota kollejjichaa kan isheerratti xiyyeeffate. Kan
ishee argu hundi qaaccessee utuu hin ilaalin hin darbu.
Isa kutaa biyyaa, godina Qeellam Wallaggaa, Garjeedatti
ishee baretu Finfinneetti mataa ishee mare ta’a. Baay’ee
jaallatamti—Boontuun.

Sababa adda addaa funaantee adaadaa ishee


amansiisuudhaan dargaggoota kollejjiitti wajjin baratan
keessaa Solomoon isa jedhamu wajjin bultee kunoo

Eebbisaa Baayisaa Fuula 211


Seenaawwan Gaggabaaboo

ganamaan gara manaa deemaa jirti. Sagaagalummaan


isheen raawwatte ishee gaabbisiiseera. Gaabbiin garuu
amala isheeti. Ni yakkiti, deebitee gaabbiti. Ni gaabbiti,
deebitee immoo yakkiti.

Namni yakkaa isaaf gaabbee tarkaanfii fudhachuudhaan


yakkicha yoo dhiise malee, gaabbuu duwwaan homaa
bu’aa hin qabu. Boontuun garuu daftee yakkiti, daftee
gaabbitis.

Gochaa ishee edaatti gaabbaa utuu deemtuu iddoo


awwaalaa bataskaana Yoosef geesse.

Akka tasaa iji ishee darbatamee deemee siidaa awwaalaa


tokko irra qubate. Barreeffama tokkotu boronqiidhaan
gurguddatee barreeffamee irra jira. “Lubbuu kee
mararfadhu, ta’uu baannaan as fiddaa!” jedhanii ijoolleen
naannoo Yoosef kan barreessan ture. Dubbisi kun kan
caalu yaaddoo guddaa keessa seense. Hiikni isaa ishee
hin rakkifne. Daftee hubatte.

Lubbuu keef gatii kennuudhaa yoo baatte, akkuma


namoota kanaa duutee awwaalamta jechuudha.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 212


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Maal jechuudha? Namoonni asitti awwaalaman kun


hundi jireenya isaaniif gatii kennuu dhabuu irraan kan
ka’e du’anii? Balaa konkolaataan kan du’e, harka
namaan kan ajjeefame, dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba
onneen kan du’e, itti hadhaa’ee kan of ajjeese,...nama
meeqatu jiraa? Dhukkubni nama ajjeesu Eedsii
duwwaadhaa? Lakki.

Barreeffamni kun ta’e jedhamee na sodaachisuuf kan


barreeffameedha malee hiika qabaatee miti” jettee
xiqqoo of jajjabeessite.

Darbitee deemtus, barreeffamichi sammuu ishee


keessatti hafe. Eenyu akka seenessu hin beektu, garuu
gurra isheerraa dhaga’ama. “Lubbuu kee mararfadhu!”
jedha. Diddee yaadota biraa yaaduun of dagachiisuu
yaalti. Sagalichi garuu gidduu gidduutti itti dhaga’ama.

“Lubbuu kee mararfadhu!” jedha, “Ta’uu baannaan as


fiddaa!” Hojii ishee kaleessaa fi har’aa yeroo yaadattu
dubbiin kun ishee dhiphisa. Ishee yaaddessa. Akkuma
isaatti mana adaadaa ishee geesse. Hiriyyaa ishee Boolee
Mikaa’elii jirtu waliin qo’achaa akka bulte, keessumaa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 213


Seenaawwan Gaggabaaboo

hojii barsiisaan kenne tokko waliin hojjechaa akka bulan


itti himtee ishee gowwomsuun manatti galte. Garaan
adaadaa ishee garuu shakkeera. Kanaan dura waa’ee
ishee odeeffannoo akkanaa hedduu waan qabduuf ishee
amanuu hin dandeenye. Itti fakkaachuu baatus, “Mee haa
ta’ukaa!” jettee itti dhiifte. “Lubbuu kee mararfadhu,
ta’uu baannaan as fiddaa!”—sagaleen ittuma fufee itti
iyye. Ni sodaatte.

Waggaa sadan kana yeroo jalqabaaf jireenyi ishee


akkamitti akka karaa irraa ka’ate yaadde. Hiriyyaa ishee
Lalisee kan ishee dura sagaagalummaa eegaltetu karaa
irraa ishee kaase. Laliseen bu’aa xiqqoof gowwomfamtee
waan isheerraa hin eegamne raawwatte. Magaalaa isaanii
keessa kireeffatee taa’aa kan ture Sintaayyootu ishee
dogoggorse.

Akka waan isheen rakkoo maallaqaa qabduu, akka waan


isheen maatii dureessa irraa hin dhalatinii, akka waan
isheen qananummaa guddaan hin jiraannee....qarshii
xiqqoo xiqqoo kenneefii ofitti ishee bute. Ofitti butee
wajjin haasa’uu eegale.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 214


Seenaawwan Gaggabaaboo

Haasofsiisee haasofsiisee akka ishee jaallatee fi ishee


malee jiraachuu akka hin dandeenye itti hime. Mucaa
manaa fuudhee waan hin taaneen sammuu ishee
booresse.

Guyyoota keessaa gaaf tokko mana isaa akka deemtu


ishee gaafate. Jalqaba afeerraa kana fudhachuun itti
cime. “Hin deemu!” jettee cimsitee mormite. Obbolaan
durbaa isaa lama mana akka jiran, mana isaa akka
bartuuf malee dhimma biraaf akka ishee hin barbaanne,
waan hamaa akka isheetti hin yaadne, barcuma irra
malee siree irra akka ishee hin teessifnee fi hin
ciibsine,...waan hedduu itti dubbatee ishee amansiise.
Kun hundi dhugaadha jettee amantee waliin deemte—
Laliseen. Mana Sintaayyoo yeroo ga’an obbolaan isaa
hin jiran. Manni cufamee jira. Banatanii seenan. Shayii
danfisee wajjin dhugan. Obbolaan isaa eessa akka jiran
gaafannaan yeroof akka manaa ba’an itti hime.

Hamma isaan mana sana turanitti eenyullee akka hin


dhufnee fi bilisummaan isaanii kan eegame akka ta’e itti
hime. Kana yeroo dhageessu shakkiin isheen duraan

Eebbisaa Baayisaa Fuula 215


Seenaawwan Gaggabaaboo

qabdu daran dabale. Sodaa sodaa isheen jedhe. Keessi


ishee nagaa dhabe.

Xiqqoo erga taphatanii booda bilbila isaa fuudhee


tuttuquutti ka’e.

“Argitee, hiriyyoonni koo amala rakkisaa qaban tokko


baay’ee na rakkisan. Bilbila (moobaayilii) koo narraa
fuudhanii wantota ani jibbu itti waraabanii naaf deebisu.
Amma fakkeenyaaf kun fiilmii saal-qunnamtiiti” jedhee
viidiyoo tokko banee itti argisiise. Ilaaluu eegalte. Ni
suukanoofte. Kanaan dura waan akkanaa argitee hin
beektu, ofiis saal-qunnamtii hin raawwanne. Sun isheef
waan haaraa ture. Fuula ishee dukkaneessitee, nyaara
gudunfitee ilaalte. Jijjiiramoonni tokko tokko ishee irratti
mul’achuutti ka’an. Iji ishee ni diimate. Ho’i qaama
ishee akka malee dabale. Dha’annaan onnee ishee daran
ariifatee guddatee dhaga’ame. Hafuurri ishee ciccituu
eegale.

Ni dafqite. Utuu hin beekiin miirri fedha foonii ishee ol


ka’uun akka ibiddaa ishee gube. Fedhiidhaan gubatte....

Eebbisaa Baayisaa Fuula 216


Seenaawwan Gaggabaaboo

Sintaayyoon yoom uffata ishee isa mudhii olii akka irraa


baase hin argine. Yeroo inni mudhii isheetti marmee gara
sireetti ishee harkise ture kan of barte. Sammuutti yoo
deebitu siree bira ga’aniiru. Siree irra teessise. Kophee
irraa baase. Miilla ishee siree irratti ol baaseef. Ni ciibse.
Ni ciifte. Kun hundi yeroo ta’u sammuun ishee viidiyoo
saal-qunnamtii isheen ilaalaa turteen guutameera. Maaltu
akka ta’aa ture yaaduuf dandeettii hin arganne.

Uffata mudhii gadii kan irratti hafee ture irraa baase.


Akka waan of wallaaltee callistee ilaalti. Gudeeda ishee
gargar banteef. Qullaan ishee fi qullaan isaa wal unatan.
Yeroo gabaabduuf addunyaa addaa keessa seenan. Miira
gammachuu akka malee namatti tolu waliin
dhamdhaman. Durbummaa ishee isa umrii ishee guutuu
eeggannoo taasifteef sana bakka hin taanetti nama hin
taaneef kennuun salphina gonfatte.

Addunyaa durbootaa keessaa baatee addunyaa


dubartootaa keessa seente. Hiddi dhiigaa qaama saalaa
ishee irraa cite dhiiga maddisiise. Dhiigni siree weerare.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 217


Seenaawwan Gaggabaaboo

Al tokkoo fi isa dhumaa dubartii durbummaan irraa


fudhatame taate.

Sintaayyoon waan barbaade argatee booda isheef


dhimma hin qabaanne. Mana isaatii baatee akka deemtu
akeekkachiise. “Dirqisiisee na gudeede” jettee itti
iyyuudhaan haadha manaa taateefii akka hin hafne
sodaatee dafee ofirraa ishee geggeesse. Ishee
gowwomsuuf hojjetaa waajjira tokkoo kan aangoo
guddaa qabu akka ta’e itti hime malee, nama biyya
namaatii dhufee namoota buna qabaniif qacaramee buna
funaanu ture. Intala dureessaa fuudhee maaliin akka
jiraachisuu fi akkamitti akka jiraachisu yaadee
sodaadhaan ishee geggeesse.

Laliseen erga durbummaan ishee irraa fudhatamee ol


jettee nama hin ilaaltu. “Kan kennuun koo hin oolle utuu
immoo nama gaariif ta’ee!” jettee ibidda gaabbiin
waadamti. Fiilmiin isheen gaafa sana ilaaltes sammuu
ishee keessaa ba’uu didee taa’ee taa’ee itti yaadatamuun
gara sagaagalummaatti ishee oofa. Ergasii kunoo
dhiiruma wajjin ciisuuf ishee gaafate maraaf tole jetti.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 218


Seenaawwan Gaggabaaboo

Abbaa argetu fudhatee deema, deemee dheebuu miiraa


itti baha. Akka waan salphaatti karaa irraa kan ka’atte
Laliseen utuu karaatti hin deebiin hafte. Balaa baraaf
saaxilamtee addunyaa isa gamaatti ceete. Lubbuu ishee
haa maaru!

Hiriyyaa ishee Lalisee kan waggaa tokko dura du’aan


isheettii adda baate yaadattee naasuun suukanoofte—
Boontuun. Bakka isheen itti awwaalamtee fi ta’iiwwan
gaafa awwaala ishee raawwataman tokko tokkoon ija
ishee dura dhufan. Ofii ishees du’uuf dabaree qabattee
akkuma Laliseetti waan awwaalamtu itti fakkaate. Harka
ishee lamaaniin ija ishee qabatte. “Uf....!” Hafuura
dheeraa baafatte. Dubbiin duraa sun gurra isheerraa iyye.
Awwaalli Lalisee afaan banatee waan itti dubbatu itti
fakkaate. “Lubbuu kee mararfadhu! Ta’uu baannaan as
fiddaa!”

Tokko jettee jireenya gad dhiisii jiraachuu kan ishee


barsiise egaa Lalisee turte. Mucaa wajjin guddatan, ollaa
ishee turte. Yeroo jalqabaaf Sintaayyoon attamitti akka
ishee wajjin ciise hunda itti himte. Sintaayyoo biraa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 219


Seenaawwan Gaggabaaboo

fiddee fiilmii saal-qunnamtii isa gaaf sana ilaalte sana


isheetti argisiifte. Gammachuu inni namaaf kennu hunda
ol kaastee itti himte. Boontuun kana hunda
dhaggeeffattee fedhii wal fakkaatu qabaatte. “Anis” jette,
“Akkana gochuun qaba!” Asii ishee qopheessitee achii
immoo dhiira qopheessiteef. Lachanuu isaanii gidduu
marmaartee walitti isaan fidde. Haala hunda mijeessiteef.

Ibidda duraan ishee gubeef hiriyyaa ishee Boontuu


dabarsitee laatte. Boontuunis akkuma Lalisee durba
dhiira ishee gaafate hunda bira hin darbine taatee teesse.

Boontuu karaatti deebisuuf obbo Ittafaan waan hin


godhin hin qaban. Itti dheekkamaniiru, reebaniiru,
hidhanii kaa’aniiru, sossobaniiru, amalaan itti dhi’aatanii
gorsaniiru...kana hunda keessaa garuu Boontuu deebisuu
wanti danda’e hin jiru. Qabxiin ishee guyyaa irraa
guyyaatti gad bu’aa deemee sadarkaa itti qormaata
biyyoolessaa darbuu hin dandeenyerra geesse. Muka
kolfaa taatee, maatii ishees muka kolfaa taasifte.

“Bara YAADIG keessa kutaa kudhanitti kufuun qaanii


dha!” jedhanii itti qoosan namoonni naannoo sanaa.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 220


Seenaawwan Gaggabaaboo

Maqaa isheen buna dhugan. Waggaa lamaan badhaasa


amalaa fudhatetti mata duree oduu kan namoonni buna
ittiin dhugan taate. Magaalaa keessatti dhalattee
guddattetti dhiira wajjin baatee hoteela bulte. “Muu!”
jedhe biyyi.

Haalota sana hunda yaadattee of shakkite, of sodaatte, of


yeellaate, of baqatte, of dhokatte.

“Kana yaaduu hin barbaadu!” jette. Ammallee sagalee


dhageesse gurra ishee irraa—“Lubbuu kee mararfadhu!
Ta’uu baannaan as fiddaa!”

Finfinnee yeroo dhufte namuusa gaarii qabaattee


barumsa ishee itti fufuuf murteessitee turte. Lammaffaa
dhiira wajjin hariiroo hin taane akka hin qabaanne,
hamma guyyaa gaa’ela kabajaa qabattutti qunnamtii
saalaa akka hin raawwanne, kan ishee waame hundaaf
akka hin owwaanne, gara oofan hundatti akka hin
oofamne, kan ishee gaafate hundaaf tole akka hin jenne,
kan ishee barbaade hunda wajjin akka hin ciifne, kan
fedhe hundaaf gudeeda ishee akka hin banne, kan argite

Eebbisaa Baayisaa Fuula 221


Seenaawwan Gaggabaaboo

hunda wajjin akka hin sagaagalle.....waan hedduu


murteessite. Garuu maal godha?

Akka murteessite ta’uu dadhabde, waadaa seente itti


jiraachuu dadhabde, kakuu ofiif kakatteef ejjennoo
dhabde, ni dadhabde. Gochi kaleessa dabarsite yeroo
yerootti sammuu ishee keessa kaa’ee itti yaadatamuun
har’as yoo ta’e gara tarkaanfii hin barbaachifneetti ishee
geessaa jira.

“Nama akkamiiti ani? Dhagaa! Dhagaa mataa dhagaa!


Kan itti himnaan hin galleef. Kan gorsa abbaa ishee hin
dhageenye. Kan gorsa harmee ishee hin dageenye. Miira
ishee qabachuu dadhabdee sagalee warri bataskaana
Yoosef barreessaniin kan dararamtu. Dhagaadha—ani!”
jettee ofitti dheekkamte.

“Uu-uu-uu.....” jettee iyyuuf kaate. Garuu adaadaa ishee


sodaatte. Yoo iyyite maal jettee deebii kennitiif? Mataa
cabsaan waan itti ulfaateef harka ishee lachuun mataa
ishee jabeessitee qabatte. “Na hin dhukkubin!
Kanaammoo atis mataa taatee na gubdaa? Hima diddee
wayii! ‘Hima diddu du’a hin diddu!’ jedhanii isa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 222


Seenaawwan Gaggabaaboo

mammaakan hojiidhaan mul’isaa jirta. Kunoo deemnee


deemnee afaan boollaarra geenyeera.

Wal qabannee iddoo Laliseen deemte deemuuf karaa


xiqqoo duwwaatu nu hafa. Na hin dhukkubin!” jettee
akka waan inni qofaatti ishee dhaga’uu mataa isheetti
dubbatte.

“Yoon kaan illee dhaga’uu baadhe, gorsa abbaan koo


guyyaa na geggeesse na gorse akkamittan hin dhaga’uu?
Utuu boo’uu inni inni natti kenne imaanaan baabboo koo
maaf badaa?” jette. Al tokko farda yaadaan guluftee
gorsa baabboo ishee gaaf sanaa yaadatte. Gola sammuu
ishee keessaa barbaaddee ta’ii guyyichaa
yaadannoodhaan ilaalte. Buuftee baaftee yaadde.

Baabboon ishee ammas irra deebi’ee gorsaa fi


akeekkachiisa guyyaa sanaa waan isheetti himaa jiru itti
fakkaate. “Boontuu koo! Egaa nuttii addaan baatee
Finfinnee deemaa jirta. Waan hedduutu fuula kee dura
jira. Adaraa dhala ko, namuusa qabaadhuu barumsa kee
baradhu. Haalli jireenya keetii kun jijjiiramuu qaba.
Asitti hammam akka maqaa koo balleessite beekta.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 223


Seenaawwan Gaggabaaboo

Sababa kee mataa buusee deemeera, biyyan keessatti


dhaladhee guddadhetti mukaa yeelloo na taasifteetta.

Raawwadhee waanan sirraa hin eegin keessa seentee


xinnaa fi guddaa duratti na qaanessiteetta.

Amma garuu adeemsa kee jijjiiri. Finfinneetti ofii kee of


to’achuudhaa yoo baatte ni badda. Akkuma asiitti
jiraachuu yoo yaalte bor balaaf saaxilamta. Barumsa kee
xumurtee nagaadhaan deebita jennee utuu si eegnuu,
dhukkuba baraan qabamtee duutee sanduuqa reeffaan
akka nutti hin deebine of eeggadhu.

Of to’adhu. Umrii malee kichuutti hin du’in. Boontuu,


yeroo malee na jalaa hin du’in.

Itti gaafatamummaa jireenyaa hunda fudhadhu.


Hiriyyoota hin taanetti hin hidhatin. Hiriyyoonni kee
bu’aa filannoo keetiiti.

Kan ati filachuu hin dandeenye maatii kee duwwaadha.


Warra wajjin dhalatte obbolaan kee filachuu hin
dandeessu. Hiriyyoota kee garuu filachuu dandeessa.
Kanaafuu, hiriyyaa si balleessutti hin hidhatin.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 224


Seenaawwan Gaggabaaboo

Keessumaa ijoollee dhiiraa irraa of eegi. Fuula hin


kenniniif. Dhiirri fuula argannaan durba bareedduu irraa
booddee hin deebi’u. Callistee nama argite hunda wajjin
hin kolfin. Walumaa galatti hiriyyaa hin baay’isin!”
jedhee yommuu ishee gorsu imimmaantu ija isaarra
dhangala’a ture—obbo Ittafaa.

Boontuun gorsa kana hunda yaadatte. Imimmaan abbaa


ishee guyyaa sanaas isa inni isheen duunaan isheef boo’e
itti fakkaate. Dhiphinnii fi yaaddoon wal ga’anii mataa
ishee dhoosuuf ka’an. Hafuura dheeraa tokko baafatte.
Uffee-ee-ee-ee...jette.

Sodaa guddaa keessa taatee murtoo tokko murteeffatte.


Deemtee qorannoo HIV/AIDS taasisuu.

Yeroo hundumaa itti dhiphachuu mannaa al tokko of


beektee taa’uun fala ta’ee itti mul’ate. “Karaa jige haa
dhangala’u!” jettee uffata ishee uffattee deemuuf kaate.
Kollejjii akka deemte adaadaa isheetti himtee manaa
baate. Gara kilinika ol aanaa tokko deemte.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 225


Seenaawwan Gaggabaaboo

Yeroo deemtee balbala kilinikichaarra geessu miirri


isheen hin eegin tokko ishee weerare. Rifeensa mataa
isheetii hamma qeensa miila isheetti kan jiru hundi ni
hollate. Akka nama busaan qabee urgufamte. Suuta jettee
booddee deebite. Gara manaatti deebite.

Boqonnaa tokko malee dhiphinaan guyyicha dabarsite.


Halkan sana guutuu hirribni ija isheerra hin buune.
Hamma yoomiitti akkasitti akka jiraattu isheef galuu
dide. Ni boosse. Imimmaan ishee dhangalaaftee boosse.
Ganama itti aanu deemtee qoratamtee of baruuf murtoo
keessa hin deebi’amne taasifte. Akkuma jettes hojiin
argisiifte. Deemtee qoratamtee HIV irraa bilisa ta’uun
ishee itti himame. Dhugaa hin seene. Waan dhageesse
amanuu dadhabde. “Waaqa abbaa kootii galanni kee hin
badin!” jette. Gammaddee gammachuu ishee utuu hin
fixiin, waan dokterri isheen jette tokko yaadatte. Sunis
garaa ishee nyaate. “Qorannoon kun haala amma irra
jirtu hin argisiisu. Ji’oota sadii booda deebitee dhuftee
ilaalamte. Hamma sanatti qunnamtii saalaa hin
raawwatin. Isa boodadha kan ati fayyummaa kee
mirkaneeffattu” ittiin jette.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 226


Seenaawwan Gaggabaaboo

“Ji’a sadan kanahoo akkaman ta’a?” jettee ammas


yaadda’uutti kaate.

Jabaattee of qabdee akka beellama isheetti ji’a sadan


jedhametti deebitee deemte. Ammas ni qoratamte. Bu’aa
qorannoo ishee dhaga’uuf gara keessaatti waamamte. Dr
Siifan, “Boontu, hariiroon ati kanaan dura ijoollee
dhiiraa wajjin qabda turte maal fakkaataa?” jettee ishee
gaafatte. “Baay’ee gaarii miti. Haala jibbisiisaan dabarse.
Utuu namoonni hedduun na gorsanii dhaga’uu
diduudhaan, jireenya hin taanen dabarse” jettee
deebifteef. Sodaa guddaadhaan liqimfamteetti. Utuu Dr
Siifan itti hin dubbatin, “Dr. Yoo HIV n na keessa
jiraate, sun gatii hojii kooti!” jettee dubbatte. Kana booda
sagalee tokkotu gurra isheerraa itti dhaga’ame, “Lubbuu
kee mararfadhu, ta’uu baannaan as fiddaa!”

Gorsa gad fagoo erga kenniteefii Dr Siifan bu’aa


qorannoo Boontuu itti himte. “HIV n dhiiga kee keessa
jira!” Boontuun of wallaaltee kufte. Jireenyaaf abdiin
isheen qabdu jalaa xiqqaatte. Yommuu of bartu dhiphina
guddaa keessa jirti. Carraan hiriyyaa ishee Lalisee akka

Eebbisaa Baayisaa Fuula 227


Seenaawwan Gaggabaaboo

ishee qaqqabe yaadde. Xoofoo isheen keessaa dhugde


keessaa al tokkoo fi isa dhumaa dhuguuf haadha dabaree
taate. Jireenyaaf abdii kutatte. Abdii kutannaa bara
baraa......

Eebbisaa Baayisaa Fuula 228


Seenaawwan Gaggabaaboo

...11...

Dhibbisaa fi Kuullee

Akaakayyuu ishee kana arguu baattus, seenaa isaa


dhageesse irraa kan ka'e akka malee jaallatti. Akkaataa
itti harmee ishee guddise, jaalala inni ishee argisiise,
oolmaa isaa baay'ee dhageesseetti. Fuula ishee
gudunfitee dhaabattee keenyan manaa ilaalti. Uffata
hirribaa ittiin bulte hin jijjiirranne. Siree irra bulte hafaa
jirti. Gidduutti akka itti dhufaa wayii yaadni itti dhufnaan
akkuma uffata siree qabattee jirtutti dhaabattee keenyan
manaa ilaalti. Ilaaltee ilaaltee quufuu dadhabde. Ija ishee
achirratti irraanfatte. Qalbiin ishee guutuun achi irra jira.
Keenyan manaa irra kan jiru suura akaakayyuu ishee
duriiti. Isheen akaakayyuu ishee ijaan arguuf carraa hin
arganne. Utuu isheen hin dhalatin dura du'e. Akaakayyuu
ishee ta'uu isaa kan isheetti hime harmee isheeti.

Kanaaf yeroo hundumaa keenyan irraa suura isaa ilaaltee


mararfatti. Har'a garuu ija irraa buqqisuu dadhabde.

Eebbisaa Baayisaa Fuula 229


Seenaawwan Gaggabaaboo

"Yeroo tokko tokko" jetti dhaabattee, "Namni Waaqa


caalaa garaa laafa. Gaafa akaakayyuun koo du'e Waaqni
ni callise.

Utuma inni jiruu akaakayyuun koo duunaan namoonni


geessanii awwaalan. Achumaan hafe. Namni garuu gara
laafessa. Namoota bara sanaa keessaa tokko kaameraa
isaan akaakayyuu koo suura kaasee kunoo keenyan irratti
naaf hambise. Har'a yoo xiqqaate suura isaa ilaaluuf
carraa argachuun koo kanaaf!" jettee gara laafina namaa
faarsiti, gara jabina isaaf immoo waaqa komatti.

Gidduuttin bilbila bilbileef. Hiriyyaashee waanan ta'eef


akka wal arginu barbaadeera. Isheen garuu bilbila hin
kaastu. Yeroo lammaffaan bilbile. Hinkaastu. Nan aare.
Nan dheekkames. Yeroo sadaffaa bilbillaan narraa
kaaste. "Haloo Dhibbisa!" naan jette. "Maal haloo naan
jetta? Aariidhaan garaacha koo gubdee! Maaliif bilbila
narraa hin kaastu?" jedheen itti dheekkame. "Dhiifama
naaf godhi! Yeroo bilbilli naaf bilbilamu muuziqaan irraa
dhaga'amu baay'ee namatti tola. Kanaaf yeroo ati bilbilte
muuziqaa waamichaa bilbila koonan sirbaa ture! Kanaaf

Eebbisaa Baayisaa Fuula 230


Seenaawwan Gaggabaaboo

malee si irraa kaasuu dhiisee miti. Kanan bilbila si irraa


hin kaasne eenyu irraan kaasa?" naan jette.

Muuziqaan waamichaa bilbila isheerra jiru akka nama


hin sirbisiifne beeka. Ittumaa kan nama gaddisiisu ture.
Hirphaa Gaanfuree, "Jiraachuu dhabnus wal bira; yaadni
koo sin bira!" jechuun kan sirbu sirba namoonni hedduun
waliin boo'anidha. Innumtuu yeroo sirbu boo'ee garaa
nama raasa. Kuulleen sirba nama boossisu waliin sirbiti.
Dhalli namaa al-tokko tokko waan faallaa ta'e hojjeta.
Lafa boo'anitti sirbee, lafa sirbanitti boo'a. Iddoo
gammadanitti gaddee, iddoo gaddanitti gammada.
Kuulleenis akkasuma!

Erga walfuunees homaa itti hin fooyyofne. Amalli ishee


rakkisaadha. Waan xiqqoof natti dallanti, waan xiqqoon
immoo naaf araaramti. Fakkeenya tokko: Galgala tokko
teenyee utuu taphannuu afaan keessa wal-baane, jechuun
jechootaan waliif galuu dadhabne. Isheen mucaa keenya
isa angafa da'uuf ulfa ji'oota sadii akka taate mana
yaalaatti qoratamtee mirkaneeffanneerra. Achumaan
teenyee waa'ee mucaa keenya isa gadameessa keessa

Eebbisaa Baayisaa Fuula 231


Seenaawwan Gaggabaaboo

jiruu dudubbachuutti kaane. Ogeessi fayyaa


altiraasaawundiin ilaalee dhiira akka ta'e nutti himus, ani
sanatti hin gammanne. Utuu durba taateen jaalladha.
Kuulleen garuu itti gammaddeetti. "Dhiisi dhiira
wayyaa!" naan jette.

"Bara kana baay'ee barbaachisaan dhiiradha. Dhiira


onnee qabu! Dhiira kutataa. Goota. Goota duruunfatee
itti deemu!" naan jette. "Muu! Mee dhiisi! Duris dhiira
dhabnee miti! Carraa dhabnee malee.

Dhiirri maal fayyada? Goobanaa Daaccee kan diinatti


firoomuun lammiisaa dabarsee bineensaaf kenne dhiira!

Dhiirri gatii maalii qaba? Namichi Abiishee Garbaa


dabarsee du'aaf kenne dhiira. Dhiirri maal fayyada?"
jedheen gumgume. "Oliiqaa Dingiluu baandaaf laattee
kan galaafachiifte dubartii mitii?" naan jette.

Falmiin keenya dhiiramoo dubartii wayya jedhu


xumuramee gara hojii mucichaatti darbine. Ani ogeessa
fayyaa ta'uu qaban jedhe. Isheen immoo loltuu ta'uu qaba
naan jette. Amansiisuun yaale. Garuu na didde. "Loltuu

Eebbisaa Baayisaa Fuula 232


Seenaawwan Gaggabaaboo

ta'ee maal godha? Amma yeroon kun yeroo itti sibiilaan


lolan miti, yeroo itti sammuudhaan lolani!" jennaan na
dhaga'uu didde. Nan aare. Nan finiine. Dhuma irratti wal
lolle. Al tokko maddii ishee karaa bitaa rukkunnaan
aartee deemtee rafte.

Battalumattin waa yaadadhe. Edaa har'a galgala Kuullee


loluun narra hin turre. Sababni isaa bor ganama beellama
baay'ee barbaachisaan qaba. Akka amalaa ta'ee garuu
ganama ganama ka'uu hin danda'u. Kun dhimma
uumamaati. Yeroo hundumaa ganama barii yoon
beellama qabaadhe hirribaa kan na dammaqsu isheedha.
Isheen gama kanaan qaxaleedha. Amma egaa maal naaf
wayya? Akkan itti hin himanne walcufneerra. Walitti hin
dubbannu.

Akkamittan barii halkan akka na dammaqsitu itti


himadha? Maalumaafan ishee lole? Maalta'a mucichi
waanuma isheen barbaaddu utuu ta'ee?

Utuun kana buusee baasee yaadaa jiruu yaadni ajaa'ibsiisaan


tokko naaf dhufe. Nan gammade. Waraqaa fudhadheen
beeksisa itti barreesse. "Bor ganama sa'atii 11:30 tti

Eebbisaa Baayisaa Fuula 233


Seenaawwan Gaggabaaboo

beellama guddaa waanan qabuuf akka na dammaqsitu!"


jedhee barreesseen karaa isheen raftu keenyanitti
maxxansee rafe. Maal godha? Bor yeroon hirribaa ka'u lafti
bari'ee sa'atiin 1:45 ta'eera. Aariin sammuutti ol na ba'e.
Gaafan keenyan gama koo jiru ilaalu, beeksisni kan biraan
maxxanfamee jira. "Amma sa'atii 11:30 ta'eeraa ka'ii gara
beellama kee deemi!" Akkuma ani barreeffamaan gaafadhe,
isheenis barreeffamaan naaf deebifteetti. Baay'een gadde.
Garuu hin gaafanne. Akkan hin gaafanne...walitti hin
dubbannu.

Hamma fedhe yoo wal cufne waan obsuu hin dandeenye


tokko ni qabdi. Waa'ee akaakayyuu ishee natti himuu.
Natti odeessitee hin quuftu!

Deddeebitee waa'ee isaanii kaasti. Utuu ijaan hin argiin


hamma kana kan leellistu, utuu ijaan argiteetti ta'ee maal
taati laata?

Callisuu nu gidduu ture cabsitee akka natti dubbattu kan


taasise oduu haaraa waa'ee akaakayyuu isheef dhageesse
ture. Nama kofalchiisa. Akaakayyuun ishee akkoo ishee
waliin konkolaataadhaan deemaa ture—guyyaa tokko—

Eebbisaa Baayisaa Fuula 234


Seenaawwan Gaggabaaboo

akka isheen natti himtetti yoo ta'e. Lama ta'anii


konkolaataadhaan deemu. Kan konkolaachisaa ture
akkoo isheeti. Akkoon konkolaataa sana ariitii
guddaadhaan konkolaachisti. Ariitii sodaachisaa!
Achumaan bakka tokkotti tiraafikiin qabe. "Maal taatan
warra ko! Maaliif akkanatti konkolaataa ariitu? Lubbuu
keessaniif ariitiin kun baay'ee sodaachisaadha!" jedhe.
Akaakayyuun Kuullee karaa foddaa gabbiinaa
konkolaataa morma gad baafatee tiraafikiitti dubbachuu
eegale. Deebii kenneef.

"Ilma koo!" jedhe jedhan. "Nutti hin murteessin!


Jaallannee miti bar akkanatti ariitii guddaan kan fiignu.
Nuti dulloomneerra. Yoo suuta deemne lafa kaaneef utuu
hin ga'iin gidduutti irraanfanna. Utuu hin irraanfatiin—
utuu yaadannuu—dafnee ga'uuf jennee fiigna!" jedhee
itti hime. Itti hime naan jette ani maalan beekaa mitii!

Yeroo isheen kana natti himtu obsuu dadhabeen kolfe.


Kolfeen balleessaa ishee edaa irraanfadhee. Nan dhiiseef.
Waan na bashannansiisteef nan dhiiseef. Haa afu!

Naan jedhe...

Eebbisaa Baayisaa Fuula 235


Seenaawwan Gaggabaaboo

Anii fi Kuulleen akka malee wal jaallanna. Baay'ee waan


wal jaallannuuf baay'ee walittti buuna. Wal malee hin
jiraannu.

Jedhee natti hime...

Dhibbisaan kana hundumaa taa'ee naaf hime. Tokko


lama jedhee naaf seenesse. Shayee keenya dhugnee
xumurree achii adeemuuf kaane. Dhibbisaa fi Kuulleef
bara jireenya isaaniitti carraa gaarii hundumaa hawweefii
fuula durattis muuxannoo isaanii nama bashannansiisu
akkanaa akka natti himuuf imaanaa itti kenneen nagaa
waliif dhaamnee addaan baane. Anis gara hojii kootti,
innis gara hojii isaatti.

Xumurameera! Isin warri kitaaba kana dubbistanis gara


hojii keessaniitti...

NI XUMURAME!

Eebbisaa Baayisaa Fuula 236

You might also like

pFad - Phonifier reborn

Pfad - The Proxy pFad of © 2024 Garber Painting. All rights reserved.

Note: This service is not intended for secure transactions such as banking, social media, email, or purchasing. Use at your own risk. We assume no liability whatsoever for broken pages.


Alternative Proxies:

Alternative Proxy

pFad Proxy

pFad v3 Proxy

pFad v4 Proxy