Jirraa
Jirraa
net/publication/375859964
Article·June2021
CITATION
S READS
0 763
2authors,including:
MargaaAbbab
aaJimmaUnive
rsity
2PUBLICATIONS0CITATIONS
SEEPROFILE
AllcontentfollowingthispagewasuploadedbyMargaaAbbabaaon23November2023.
Theuserhasrequestedenhancementofthedownloadedfile.
GadaaJournal/BarruuleeGadaa
Vol.4No.2April2021 https:journals.ju.edu.et e-ISSN:2616-3985
p-ISSN:2616-3977
ABilingualJournaloftheInstituteofOromoStudies
(IOS) Jimma University
---------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
FullLengthResearchPaper
QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluuHundeessaaKeessatti
Taaddasee Hirphaa*fi Margaa Abbabaa
YuunivarsiitiiJimmaattiKoolleejjiiSaayinsiiHawaasaafiNamoomaa
Email:yomiftade47@yahoo.com
SubmissionDate:October31,2020
AcceptanceDate:June10,2021
Axeeraraa
Qorannoon kun akkaataa fayyadama afaanii sirboota Haacaaluu Hundeessaarratti
xiyyeeffate. Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa akkataa fayyadama afaanii sirboota
Haacaaluu Hundeessaa keessatti mul’atan qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf
mala akkamtaa fi dayeessa bifeessummaatti dhimma baahame. Adeemsa kana keessattis
weelluulee Haacaaluu Hundeessaa qeenxeen weellifaman sadii filachuun qaacceessa
haasbarruu fi sakatta’a dokimantii fayyadamauun akkaataa itti fayyadama afaanii gama
irradeddeebii dhaamsagootaa, bilbila sagalee, malleen dubbii fi akkaataan teessuma
barreeffamaa walaloo mul’atan qaacceffamaniiru. Bu’uuruma kanaan firii qorannichaagama
irra deddeebii walalichaan walqabatee dhamsagoonni dubbifamaa fi dubbachiiftuu
jalqabarraan,gidduufixumurabo’oowwanwalalookeessattibal’inaankanmul’atan ta’uun adda
baheera. Bilbilli sagaleelees xumura bo’oowwanii irratti (aa, bb, cc, dd...)ta’uun kan
mul’atanii fi darbee darbee (abab…) kan keessatti argaman ta’uun beekameera. Akkaataa itti
fayyadama malleen dubbiin walqabatees sirboota filataman keessatti atee, habalaka,
arbeessuu, mitihee, nameessuu, fakkoommii / mallattoon nimul’atu. Gama biraan immoo
akkaataa teessuma walaloo Haacaaluun walqabatee irradeddeebiin jechoota bo’oowwaan
walaloo adda addaa keessatti mul’ateera. Akkasumas, bilbilli sagalee darbee darbee
walsimachuu dhabuun nicaliqqisa. Ta’us,dhimmoonni akkasii kallattii barbaadameen ergaa
dabarfachuuf kan oolu ta’uu qorannichi adda baaseera. Kana malees, sirboonni Haacaaluu
ibsoota seenaa, eenyummaa fi kkf’n badhaadhoo waan ta’aniif ogeeyyiin ogumaa qaawwa
gama kanaan mul’atu haagutaniin yaboo qorannichaati.
JechootaIjoo:Fayyadamaafaanii,akkaataa,walaloo,sirba,aartii
------------------------------------------------------------------------------------------------------
31
*Correspondingauthor.
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
Abstract
This study is a stylistic analysis of the late Hachalu Hundessa's songs. The main aim of the
study was to explore various stylistic devices used in the late singer's songs. To achieve the
objective, qualitative research method and the theoretical framework of formalism theorywere
employed. The data for the study were collecte through both discourse analysis and
documentanalysis.Threesinglesongsofthesingerthatshowthestylisticuseoflanguagelike
alliteration, assonance, rhyme, rhythm, and graphological deviation were selected and
analysed. The findings revealed that use of alliteration and assonance at the beginning,
middle, and at the end of verses. Rhymes of the verse are revealed in the form of (aa, bb, cc,
dd…), and rarely (abab...) verse styles were performed. In addition, figurative speeches such
as simile, metaphor, personification, apostrophe, hyperbola, antithesis, paradox and symbols,
which gave value for his songs, were used in his songs. The graphological deviations in the
songs were full of analogous at the end of the verse. Nevertheless, verses of contradictorywere
also observed though in rare cases. However, these graphologies were used for interpretive
function of one's own individual meaning. The analysis also showed that hissongs have
connections with the historical background and cultural identities of the Oromoo.
Accordingly, it is recommended that the other scholars should carryout a research
particulraly on his energetic songs to fill the afromentioned gap for the future.
Keywords:Languageuse,stylistic,poem,song,art
------------------------------------------------------------------------------------------------------
1. Seensa
1.1 SeenduubeeQorannichaa
Sirbi akaakuuwwan ogumaa bifa yeedaloon dhihaatan keessaa isa tokko. Kunis dhimmoota
hawaasa keessatti bashannansisuu, bohaarsuuf, akkasumas miira keessoo ofii ittiin ibsachuuf,
kan tajaajiludha. Akkuma beekkamu hawaasni Oromoo bara duriirraa eegalee hamma
ammaatti sirbootaafi geerarsatti gargaaramuun wantoota adda addaa ibsachaa kan tureefi
ammallee ibsachaa kan jiruudha (Awwal, 2103). Aartiin dhimma miidhagummaa hojii
ogumaatiin walitti hidhatudha. Akka qeeqaan sochii bifaleessuu Raashiyaa (Russian
formalism)keessattiqoodaqabaachaakantureVictorShklovsky(1917)jedhamubarruuaartii akka
teknikatti jedhu keessatti maalummaa aartiifi hojii aartii ibsee jira. Aartiin wanti tokko
keessanamaattiakkadhagahamukan taasisuufiwaanibsuimmoofuulleenosoohintaanebifa
dhoksaa ta‟een kan dhiheessu akka ta‟e eeree jira. Hojiilee ogumaa kanneen keessaa sirbi isa
tokko yoo ta‟u; unka walalootiin barreessaan yookiin weellisaan kan yeedalloo itti uumee
dhiheessudha.
Sirbi unka walaloo kan qabu yoo ta‟u akka gooroo ogbarruutti fudhatamuu danda‟a.Hiikni
walalooimmookanhubatamuudanda‟ukaraaifaafijechootahiikafuulleeqabaniinosoohin taane
jechoota guyyuu irraa maqaniiti. Yaada kana ilaalchisuun Sylvan and William (2009)
“Language of Poetry is abroad category that includes figurative speech as well as sound
device”jechuunibsa.Kunishojiileeogumaaunkawalaloonqabukeessatticalaqqeenmalleen
dubbiifi haalli irra deddeebii sagalootaa kan mul‟atu ta‟uu agarsiisa.
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
32
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
1.2 Ka’umsaQorannichaa
Sirbootni walaloo weellistoonni yeedalloo itti uumuun miidhagsanii gurra hawaasaa biraan
gahanidha. Kana keessatti miidhagina hojii oguma isaaniitiif haalli weellistoonni jechoota
qindeeffachuun, akkasums jechoota filachuun hojii aartii isaanii gurra uummataan gahan
garaagarummaa qabaachuu ni danda‟a.Kunis akkaataan fayyadama afaanii weellistootaafi
hojiilee aartii adda addaa keessatti mul‟atu adda addumma qabaachuu mul‟isa. Miidhagina
hojii ogumaatiif immoo haalli fayyadama afaanii murteessaa dha. Halliday and Hassan,
(198,f.250) “Literary language and poetry as a great extent where by making the language
more beautiful‟‟jechuun ibsu. Kunis akkaataan fayyadama afaanii walaloo keessatti karaa
miidhagina qabuun yoo ta‟e filatamaa akka ta‟e agarsiisa.
Qorannoon kun akkataa itti fayyadama afaanii sirboota qeenxee Haacaaluu Hundeessaa “jirra,
jirraa”, “Maalan jira?”fi “Maasaan gamaa lafa hinbaatu” jedhaman irratti kan xiyyeeffatedha.
Sadarkaaleefayyadamaafaaniihayyoonnisadarkaaleeaddaaddaatti keessan:haaladhihaatina
hiika jechootaa(Semantic devices),haalaa caasaa afaanichaa, haala dhamsagootaa,
(Phonological Deviation), haala teessumabarreeffama walalichaa, (Graphological Deviation)
haala xiinhiikaa (haala fayyadama looga afaanichaa ( dialectal Deviation))fi filannoojechootaa
jedhaman keessaa; qorannichi haala dhamsagootaa, sagaleewwanii, filannoo jechotaa/ malleen
dubbiifi haala teessuma barreeffamichaa irratti kan xiyyeeffatedha. Qorannooleen haala
fayyadama afaanii ogwalaloo adda addaa keessatti hanga ta‟e tokko
hojjatamaniiru.Haata‟umalee,hangaqorattoonnisakatta‟anittiqorannoogamaunkawalaloon
walqatanii sirba Haacaaluu Hundeessaa irratti hojjataman hin mul‟atan. Kanaaf, qorannoon
dhimma unka walaloon walqabatee sirba Haacaaluu irratti hojjatamuu dhabuun ka‟umsa
qorannichaati.Gamabiroon,dhageettiiqabaachuufifudhatamummaansirbaisaa;akkasumas
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
33
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
34
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
9. Artisti Haacaaluun yeroo haalli nageenya biyya keessaa rakkisaa turetti Ameerikaa
deemuudhaan hawaasa Oromoo dubbisaa tureera. Isaanis, biyyatti deebi‟uu akka
hinqabne gorsuun kadhataniyyuu, “Biyya abbaa koorraa eessattan hafaa? Achumatti
galeen du‟a!” jechuudhaan diinaan wal‟aansoo qabuuf gara biyya abbaasaa,
Oromiyaatti deebi‟e. Innis jaalala ummatasaaf qabu nama afaaniin qofa otoo hinta‟iin
gochaan jiraachuun agarsiiseedha. Haacaaluun dubbii fi ogummaasaatiin taateewwan
har‟amudatanosoohinta‟iinkanboriifiiftaaniisraajuunummataOromoodammaqsaa,
gorsaa fi akeekkachiisaa nama turee dha. Sagaleesaa kiilolee sanaan qawwee caalaa
lolee lolchiiseera.
10.
11. Gootichi Haacaaluu Hundeessaa artistii qofa osoo hinta‟iin, qabsaa‟aa seenaa,
walqixxummaa fi bilisummaa sabootaa fi sablammootaaf halkaniif guyyaa osoo aara
hingalfatiin hojjechaa turee dha. Haqa ummata Oromoo biyya Itoophiyaa jedhamtu
keessatticunqurfamuunawwaalamaatureaartiidhaandeggaruunnamacicheehojjechaa ture.
Kanaafis sirna kabaja Aduwaa bara 2011rratti seenaa sobaa gareen muraasni ittiin
faarfamaa ture saaxiluutiin kan saboota Itoophiyaa maraa keessattuu kan gootota
Oromoohedduuta‟uusaa sagantaa inniaddabaabaayiimasqalaattiqopheesse yoomillee
kan hindagatamnee dha.
12.
13. Haacaaluun ilma sabaa waan ta‟eef yeroo hedduu hojii idileesaarraa ummatasaa
gargaaruuf yeroosaa aarsaa gochaa tureera. Gaafa quuqama sabaa ibsu, “Maalan jira”
jedhe, gaafa lammiisaa jajjabeessu ammoo, “Jirra, jirra…” jechuun onnachiisee abdiiitti
hore. Fulduratti ammo sirboota baay‟ee baasuuf qophiirra osoo jiruu Waxabajjii 22
bara2012rasaasaittidhukaafameenlubbuunsaadarbeera.Hangagaafadu‟uuttiguyyaa
tokkoofillee harka kennatee hinbeeku ture. Hanga har‟aattis and albamii lamaa fi
sirboota qeenxee, “Maalan jiraa, jirra jirraa, waa‟ee keenya, nan hima waa‟ee kee,
Oromiyaa, cabsaa fi Aggaaroo” jedhan jaallattootasaaf gumaacheera. Madda: Bariisaa,
Waxabajjii 27 Bara 2012 fi Ethiopian Press Agency; July 4, 2020.
2 Sakkatta’aBarruuwwanWalfakkaatoo
2.1 HaalaFayyadama Afaanii
Afaan bu‟uura tajaajila hawaasaati. Hayyoonni akka Lyons (1981), Thomas, (1999) hawaasni
tokko dhimma karoorfatuufi hojjatu keessatti afaan wiirtuu tajaajila hawaasaa ta‟uu eeru.
Afaan akka waliigalaatti meeshaa waliigaltee dhala namaaf kennameedha. Pei (1966,f.141)
“Language as a system of communication by sound, operating through the organs of speech”
jedha.Dabalataan immoo Krauss and Chiu (1993, f.87) afaan karaa namoonni miira isaaniitti
dhagahame yaada, fedhii akkasumas beekumsa isaanii ittiin ibsataniidha jechuun ibsa.
Fayyadama afaanii jechuun immoo haala addaa addaa keessatti akkaataa afaan hojiirra oolu
kan ilaallatuu dha. Kunis dhimmoonni caasaa afaanichaa ilallatan jechoonni afaanichaa
akkamitti dhimma ta‟e tokko ibsuuf akka dhihaatan xiinxaluu wajjiin kan walqabatuu dha.
Yaada kana ilaalchisee Cooper (1976) yoo ibsu itti fayyadamni afaanii xiyyeeffanno
garaagarummaa afaan tokko keessatti haala dubbii, seerlugaa fi jechootaan walqabatee
mul‟atu akka ta‟e akeeka.Isaaf fayyadamni afaanii dhimmoota looga afaanicha keessatti
mul‟atuunwalqabateegaragarummaahojiirraoolmaasadarkaadubbiicaasaafijechootaan
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
35
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
walqabatu ta‟uu isaa ibsa. Haata‟u malee, fayyadamni afaanii looga walfakkaataa ta‟e tokko
keessatti haalli namni dhimma ta‟e tokko ibsuuf jechoota fayyadamu, seerluga fayyadamu
addaa addummaa kan qabaatuu dha. Karaa biroo fayyadama afaanii jechuun tajaajila afaanii
iddoo adda addaa keessatti, dhimmoota hawaasaa keessatti qabuu dha.
Haala kana Clark (1996) yoo ibsu, fayyadamni afaanii hojii kamiyyuu keessatti barbaachisaafi
murteessaa ta‟uusaa lafa kaa‟ee jira. Kanaafuu, hojiin fayyadama afaaniirratti hojjetamu garaa
garummaa haala xiinqooqaafi hawaasummaa jiru adda baasuu fi ibsuu wajjiin kan wal qabatee
dha.
2.1.1 HaalaFayyadamaAfaaniiWalalooSirbaaKeessatti
Oguma keessatti itti fayyadamni afaanii karaa baratamaa ta‟een dhihaata osoo hin taane afaan
guyyuu irraa maqee kan dhihaatudha. Sababni afaan guyyuu irraa maquun barbaachiseef
keessaa inni tokko haala miidhaginaafi xiyyeeffannoo ergaa hojii ogumaa sanaan kan
walqabatudha.Walaloon sirbaa hojiiwwan ogumaa yoookiin aartiin dhihaatan keessaa isa
tokkodha. Kanaaf, itti fayyadamni afaanii karaa adda ta‟een kan mul‟atudha. Leech (1969)
yaada kana yoo ibsu “what makes poetry is the linguistic deviation a poet manipulates in his
poetry and therefore linguistic deviation is regarded by him a means of creating artistic
beauty” jedha. Yaadni kunis, waloon walaloon isaa miidhagina akka qabaatuuf haalli
fayyadama afaanii murteessaa ta‟uu isaa kan ibsuu dha.Karaa biroo Bakhtin (1981, f. 286)
akkaataanfayyadamaafaaniiwalalookeessattiakkamiindhihaachuuakkaqabu yooibsu“The
language of the poetic genre is a unitary and singular Ptolemaic worldoutside of whichnothing
else exists and nothing is needed. The concept of many worlds of language, all equal in their
ability to conceptualize and be expressive, is organically denied to poetic style” jechuun
ibsa.Kunis fayyadamniafaanii walaloo keessattijechoonni haalaqusannaaqabuun kan
hojiirraoolanta‟ee, afaanonni addunyaa kana irra jiran walaloo keessattihaalli itti dhihaataniifi
waan tokkoitti addeessanhumna qabaachuu irratti walfakkeenya kan qaban ta‟uu isaakan
hubachiisuudha.
Akkaataan fayyadama afaanii sadarakaalee adda addaa qabaachuu danda‟a. Leech (1969)
akkaataa fayyadama afanii jechuun sadarkaalee saddeetitti qoodee ibsa.Isaanis, Sagalewwan.
xiinhiika,xiinhima,looga,filannoojechaa,ergifannaa,jechaaf,haalateesumawalaloofikan
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
36
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
kana fakkaatan ibsee jira. Simpson (2004) immoo Akkaataa fayyadama afaanii jechuun
sadarkaaleen shan akka jiran eera. Isaanis irra deeddebii sagalootaa, filannoo jechootaa fihiika
jechootaa, haala xiinjechaa, xiinhima, miidhagina kanneen jedhamanii dha. Karaa biroo
Addunyaa (2014, f.167) yoo ibsu “Fayyadama afaaniiilaalchisee irra deddeebiin dhamsagootaa
(dubbifamaa fi dubbachiiftuu, jechoonni fi caasaaleen walqooman akkasumas, filannoon jechaa
bakka guddaa qaba” jechun ibsa.Haaluma kanaan qorannoo kun sadarkaalee akkaataa yookiin
haala fayyadama afaanii hojii ogumaa ilaalchisee fayyadama malleen dubbii, irradeddeebii
dhamsagootaa yookiin sagaleewwanii fi haala teesuma barreeffama walaloo sirbichaa
(Graphological Deviation) irratti kan xiyyeeffatee dha.
2.1.2 HaalaIrradedeebiiDhamsagootaayookiinSagaleewwanii
2.1.3 HaalaFayyadamaMalleenDubbii
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
37
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
Gosoonni malleen dubbii hojii ogumaa tokko keessatti hojiirra oolan adda addaa ta‟uu malu.
Akkaataan hojiirra oolmaa isaanis akkaataa barreessaan yookiin weellisaan ergaa isaa
dabarfachuu barbaade/barbaaddetu murtessa.Gosoota malleen dubbii kana ilaalchisee Guddon
(1982, f.27) yemmuu qoqqoodu, “There are many figure of speech devices. Figure of speechis
divided into: simile, metaphor, personification, apostrophe, hyperbola, antithesis, synecdoche,
paradox and symbol”jechuun qoqqoodeera.Yaada kanarraa kan hubatamu
malleendubbiigosootaaddaaddaaqabaachuuisaaniti. Isaanis:akkasa,iddeessuu,nameessuu, atee,
habalaka, arbeessuu, mitihee, fakkoommii / mallattoo fa‟ii.
2.1.4 HaalaTeessumaWalaloo(GraphologicalDeviation)
Haala teessuma kan jennu akkataa ijaarsa walaloo kan ilallatuu dha. Walaloon akaakuu
barreeffamaa sirna barreeffamaa sirnaawaa irraa maqee dhihaatuu dha.Kun immoo mirga
walaloon sirna barreeffamaa keessatti qabuu dha. Kanaaf haala teessumaa (graphological
deviation)kanjedhamuimmooakkaataawalaloonbo‟oobo‟oonittiqindaa‟ukanilaaluudha. Leech
(1969,f.49) yaada kana yoo ibsu yaada armaan gadii dhiheessa:
Graphologyis a type of deviation that is related to the poet's disregard of the rules
of writing. It is the line-by-line arrangement of the poem on the page
withirregularmargins. The graphological deviation or thespecial
wayofputtingwords and lines on thepagemayadd asort ofsecond meaningto
theoriginal meaningof the verse.
Yaadni kunis haala teessuma walaloo jechuun akkaataa waloon bo‟oo bo‟oon itti taa‟uu fi
akkaataa jechoonni itti dhaabbatan ta‟uu isaa kan agarsiisuu dha. Kana malees, ergaa walaloo
tokkoo hubachuu ilaalchisee bo‟oon jalqabaa akkamitti isa lamaaffaaf akka gumaachu kan
agarsisu ta‟uu isaati. Kanaaf, walaloon sirbaa seera baratamaa barreeffama afaan tokkoo
hordofee deemuun dirqama miti jechuu dha. Yaada kana ilaalchisee Birhaanuun (2003) biyya
kamittuu yoo ta‟e waloodhaaf mirgi bilisaa tokko kennamee fi jira. Yeroo tokko tokko seera
caaslugaa cabsuu, sirna barreeffamaa hordofuu dhiisuu, jechoota irra deddeebi‟amuu hinqabne
irra deddeebi‟uun walaloo isaa keessa galchuu akka danda‟u ibsa. Kanaaf, dhimmootni kunis
sirboota Haacaaluu keessatti akkamitti akka calaqqisan kan ibsuu dha.
2.2 DayeessaQorannichaa
Yaadiddamni qorannoon kun irratti bu‟uureffate yaadiddama bifeessuuti. Xiyyeeffannoon
yaadiddama bifeessummaa unka yookaan bifa aartii sanaa qofa irratti kan xiyyeeffatuu dha.
Akka Shoulter, (1988, f.105) ibsuttis, yaadiddamni bifeessummaa hojii ogumaa keessatti bifa
isaa irratti akka xiyyeeffatu ibsa. “Formalist emphasises on the form of literary work to
determine the meaning” jechuun deggera. Yaadiddamni bifeessummaa barreeffama tokko of
danda‟aa godhee ilaala. Kanaafuu, waa‟ee eenyummaa barreessaa, haala, yeroo fi k.k.f. irratti
xiyyeeffannoo hinkennu. Yaada kana ilaalchisee Robert, (2000, f. 2076) yoo ibsu, “according
to formalist view literary work is independent. The concern of literary criticism is also withthe
work of itself rather than author or back history of the work” jedha. Akka yaada kanaatti
yaadiddamni bifeessummaa hojji kalaqaa tokko qofaatti of danda‟ee kan dhaabatu godhee
waan ilaaluuf kallattii adda addaan barreeffama tokkoof hiika kennuun akka danda‟amutti
ibsa.Haalumakaanaanyaadiddamnibifeessuuqabxiileekanneenakkamiidhaginaa,itti
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
38
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
3. MalleenQorannichaa
Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa hordofuun gaggeeffame. Malli akkamtaa, ragaa
qorannichaaf barbaachisu erga funaananii booda jechaan ibsa bal‟aa kennuun kan
gaggeeffamudha (Cresswell 2007).Haaluma kanaan qorannoon kun akkaataa itti fayyadama
afaanii sirboota Haacaaluu Hundeessa keessatti dayeessa bifeessummaa fayyadamuun kan
gaggeeffame yoo ta‟u; adeemsi qorannoo kanaa keessatti sirboota Haacaaluu kanneen yeroo
dhihoo as bifa qeenxeen gurra uummataa bira gahaa turan addaan baasuutu raawwatame.
Haala kanaan sirbootni Haacaluun keessumaa haala yeroo wajjiin walqabsisuun gurra
uummataa biraan gahaa ture “Jirra, Jirraa; Maalan jiraa fi Maasaan Gamaa Lafa Hin baatu-
sirba hawaasaa jalqaba Wasanuu Diidoon sirbame Haacaaluun irra deebi‟ee (mix) gochuun
kan sirbetu” qorannoo kana keessatti filatame. Ulaagaan filannoos qorannoo akkaataa
ilaalchisee hariiroo mata duricha waliin qaban irratti hundaa‟uun kaayyoo qorannichaa
galmaan gahu danda‟u jechuun kan filatamnii dha.
Adeemsi qorannoo kun keessa darbe inni biroo sirboota viidiyoon jiran dhaggeeffachuun gara
barreeffamaatti jijjiirruun (haas barruutu raawwatame). Sirbootni haas barruun irratti
raawwatamanis “Maalan jiraa fi Maasaa Gamaa Lafa Hinbaatu” kanneen jedhan irrattidha.
Haasbarruun waan sadarkaa barreeffamaatti hin jirre qaacccessuu waliin kan walqabatu akka
ta‟e hayyoonni ni ibsu. Qaacceessi haasbarruu akka waliigalatti itti fayyadama afaanii
hawaasaa keessatti dubbatame tokko keessatti faayidaa maalii akka qabuu fi dubbii namoota
gidduutti taasifamu keessatti maal akka fakkaatu ijaa xiinqooqaatiin qaacceessuuf kan
gargaaru ta‟uu isaati (Yule 2010,f.142). Sirbi sadaffaan filatame “Jirra, jirra” jedhu
qorattoonni sirbicha bifa baarreeffamaan waan argataniif mala funaansa ragaa sakkatta‟a
dookimentii hojiirra oolchan. Sakatta‟a dookumentii jechuun adeemsa qorannoo tokko
gaggeessuu keessatti tooftaa qorannoo sun fudhatamummaa fi dhugummaa isaa
mirkaaneessuuf bareeffaamtoota bifa adda addaatiin taa‟aan qaacceessuu fi ibsuuf kan
gargaaruu dha(Dastaa2013).Akkaataan qaaccessaragaa qorannoo kanakeessatti hojiirra oole
qabxiilee xiyyeeffannoo fayyadama afaanii hojiilee ogumaa jedhu irratti hundaa‟uun sirboota
keessatti haalli irradeddeebii dhamsagootaa agarsiifamanii jiru. Kana malees, gosoonni fi
malleen dubbii akkamitti akka dhihaata tokko tokkoon qaacceffamanii jiru. Akkaataan
teessuma barreeffamaa walaloo sirbaa kunis xiinxalamanii jechaan ibsuun dhihaataniiru.
4. QaacceessaRagaafiBu’aaQorannichaa
Mata duree kana jalatti qaaccessa ragaalee fi bu‟aalee qorannichaatu duraa duubaan dhihaate.
Akkuma beekamu halli irradeddeebbii sagaloota dubbifamaa fi dubbachiiftuu dhimma
bo‟oowwan walaloo keessatti mul‟atanii dha. Bilbilli sagalee immoo dhimmoota xumura
bo‟oowwan walaloo keessatti walsimuun dhihaataniidha. Malleen dubbii jechoota filatamoo
sammuunamaakeessattifakkiiuumuunkanneendhihaatanyoota‟an;haalliteessuma
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
39
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
barreeffamawalalooimmooakkaataawaloonbo‟oobo‟oonittitaa‟uufiakkataajechoonniitti
dhaabbatan kan agarsiisuu dha. Kana malees, ergaa walaloo tokkoo hubachuu ilaalchisee
bo‟oon jalqabaa akkamitti isa lamaaffaaf akka gumaachu kan agarsisu ta‟uu ibsa. Haaluma
kanaan, dhimmoonni kunniin qaacceessa asiin gadii keessatti duraa duubaan dhihaataniiru.
4.1 QaaccessaHaalaIrraDeddebiiSagaleeDubbifamaafiDubbachiiftuu
Haalli irradeddeebii dubbifamaa walaloo Afaan Oromoo keessattis akkuma walaloo afaan
kamiiyyu keessatti argamu wallee Haacaaluu keessattis bal‟inaan argamee jira. Walaloonsirba
isaa keessaa akkaataa irradeddeebii dubbifamaa bifa asiin gadiin kan mul‟atuu dha.
Ho...hoo...hoo...hoo...hoo
Ho...hoo...hoo...hoo...hoo
Ho...hoo...hoo...hoo...hoo
Ha...haa...haa...haa...haaJirraa.
..Jirraa...Jirraa…Jirraa Jirraa
...Jirraa
Sirba Haacaaluu kana keessatti buufata lamaan irratti iyyuu sagaleewwan dubbifamaa irra
deddebiin mul‟atan ni argamu.Buufata jalqabaa irratti sagaleen „ H’ ta‟e jedhamee sararoota
bo‟ookanneenkeessatti kanirradeddeebi‟ameebarreeffameedha.Bo‟oolammaffaakeessatti
immoo dubbifamaa „J’irradeddebiin kan mu‟atuu dha. Kunis qacceessa akkaataa fayyadama
afaanii irradeddeebii sagalee dubbifamaa jechuun ni dandeenya. Kun ergaa fi miidhagina
hojichaa keessatti kan shoora qabuu dha. Bo‟oowwan walaloo jala butaman kana keessatti
sagalee dubbifamaan „H’irradededeebiin kan mul‟atuu dha.Irradeddeebiin bifa kanaa kunis,
sirbichi midhagina akka qabaatuuf gumaacha guddaa kan taasisuu dha.
Dabalataanis Sirba Haacaaluu “Maasan Gamaa Lafa Hinbaatu” jedhu keessaa fudhatame
keessatti calaqqee irradeddeebii dubbifamaa fi dubbachisaa akkaataa armaan gadiin kan
mul‟atu ta‟uu ni hubanna.
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
40
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
Hallayyaanhallayumaa
Maaltuhallayyaanhurufajedhee
Halagaanhalagumaa
Maaltuhalagaadhaan firajedhe
Walaloosirbaarmaanoliikanakesssattisagalee„H’bo‟oowalaloosirbichaakeeessattibakka
garaagaraatti irradeddebbiinsagaleedubbifamaa yerootorbairradeddeebiin kanmul‟ateedha.
Kun immoo yaa‟insi sagalee walfudhataa yeedalloo gaarii akka qabaatuuf ga‟ee guddaa
qabatee argameera. Gama biraan immoo, sagalee dubbachiiftuun walakkaa jechaa fi xumura
jechaarratti „a‟ / ‘aa’ fi „a’ / ‘aa’haala gabaabbinaafi dheerinaqabuun irradeddeebi‟ameekan
mul‟atee dha. Kun immoo wallee Haacaaluu Hundeessaa keessatti haalli irradeddeebii gama
dubbifamaa fi dubbachiiftuun bal‟inaan kan keessatti mul‟atu ta‟uu nuhubachiisa.
Irradeddeebiin sagaloota kunniin immoo weelluuleen Haacaaluu humna godhachuun
dhageettii gurra namaatti tolee yeroo hundumaa akka yaadatamu godheera.
4.2 QaaccessaHaalaBilbilaSagalee/Yeedalloo(rhyme)
Bibilli sagalee walaloo keessatti miidhagina walaloo sanaaf baay‟ee barbaachisaa dha. Kunis
sagleewwandhumawalalooirrattiargamanhaalawalfakkaataata‟eenxumuramuuwajjiinkan
walqabatuu dha. Walaloo sirba Haacaaluu fudhatama keessaa haala bibila sagalee fi safara
sagalee akkataa asiin gadiitti hubachuun ni danda‟ama.
ShiraShiraniigaraafqalbiikiyyahatanii(a) Akkan
sirraa cituuf yaadanii (a)
Maal godheen sirraa
citaa(b)SifudheenGiinciikoolixa
a(b) Si fudheen Gullisoo lixaa
(c) Sifudheen Dadar koo
lixaa( c)
Walaloon sirba Haacaaluu kun sirba qeenxee “Jirra jirraa” jedhu keessaa kan fudhatameedha.
Akkuma walaloo kana keessatti hubachuun danda‟amuu sagaleewwan dhuma jechaa irratti
argamanii sirbi kun bilbila sagaleen akka guutamaa ta‟u kan tasisan mallattoo haammattuu
keessatti (aa, bb fi cc) jechuun agarsiifamnii jiru.
Karaa biroo immoo Walaloo sirboota keessatti bo‟oo gaggabaaboo teesisuu fi bibilli sagalee
bo‟oo bo‟oon osoo hin taane bo‟oo lammaffaa irratti yeroo inni mul‟atu jira. Kana malees,
bibila sagalee eegsisuuf waloos ta‟ee weellistoonni sagalee dubbichiistuu qofa osoo hin taane
sagalee dubbifamaan yeroo isaan ibsaman nijira. Yaada kana lamaan mirkaneessuuf walaloo
sirba Haacaaluu Hundeessaa „Maasaan gamaa lafa hinbaatu‟ jedhu keessaa fakkeenya
qaacceessaaf dhihaaterraa kan hubatamuudha.
Maasangamaalafahinbaatuu(a)
Talbaa facaafata taatii (b)
Tokkodu‟eetokkohintaa‟uu(a)
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
41
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
Wal gaggalaafata taati (b)
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
42
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
Sirboota Haacaaluu filataman keessatti malleen dubbii calaqqisan keessaa inni tokko mitihee
(paradox) kan jedhamuu dha. Dhaamsa ergaa darbuu yookiin hima barreeffamu keessatti
yaadni walfaallessu argamuu dha.Walaloon sirbaa kun yaada kana mirkaneessa.
Inuman tikse malee kuulatoo
Ashuffeenbaddaaloonhingabbisuu
Inuman rafe malee yaa lammii
Tokkummaadhabuunnamahin raffisuu
Walaloon kun sirba Haacaaluu qeenxee “Maasaa gamaa lafa hinbaaatu” jedhu keessaa kan
fudhatamee dha.Walaloon sirbaa kana keessatti haala fayyadama afaan ogumaa jedhaman
keessaa mala dubbii mitihee jedhamu kan calaqqisuu dha.Kunis, ergaan yookiin dhaamsi
darbu irra keessaan walfaallessuu isaa bo‟oowwan lamaan jalqabaa keessatti „Ashuffeen loon
gabbisuu akkahindandeenyee fi garuuimmooisumakantiksuuta‟uuisaaibsa‟. Bo‟oowwan
lamaangaradhumaairrattiimmoo„Nanrafemalee,rafuunakkaisarrahinturre‟jechuunibsa.
Kanaafuu, yaadotni kunniin kan walfaalleesan ta‟uu calaqqisiisa. Kun immoo malleen dubbii
mitihee jedhamu sirbicha keessatti hojiirra ooluu isaa ibsa.
Malleen dubbii sirboota Haacaaluu filataman keessatti calqqisan inni biroon tuqsee kan
jedhamuu dha. Tuqseen gosoota malleen dubbii keessa isa tokko ta‟ee waan tokko, bakka
wayii,namasta‟eewaanbiroomaqaadhahuunakkaataaseenaatiindhiheessuufkangargaaruu dha.
Fedhasaa (2013,f.8) “Tuqseen seenaan hojii ogumaa keessatti waa‟ee iddoo, namootaa fi
gochaa karaa mul‟atuun yookiin alkallattiin seenaa wabii godhatee kan ibsuu dha”. Yaadni
kunissirbootniHaacaaluuakkamittiakkaseenaaOromooibsankaneeruudha.Haaluma
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
43
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
kanaanwalaloonsirbaHaacaaluu„Maalanjira‟,jedhukeessaawalaloofudhatamekanailaaluun
nidanda‟ama.
Laal Galootoo, Gullalleen kan Tufaa
Laal Galootoo, gaara Abbichuu turee
LaalGalootoo,GalaanFinfinneemarsee
Laal Galootoo, sila akka jaalalaa
LaalGalootoo,walirraafaggaannuu
Laal Galootoo, jara nu fageessee
Koo Galaanee tiyyaa
Farda siida hatanii
SiidaaDabaaleeSooree
Koo Galaanee tiyyaa
Erga nu daangeessanii
Barri turee bubbulee
Dhukawwan walaloo armaan olitti eeraman kana keessatti dhimmoonni seenaawabeeffachuun
argaman ni mul‟atu.Dhuka jalqabaa keessaatti qabsoo Tufaa Munaa dhimma Finfinneen
walqabteeraawwataa tureibsuuf Gullalleenteessoo Tufaa ta‟uu ishii akkawabiitti fudhachuun
ergaa isaa dabarfatee jira. Dhuka lammaffaa bo‟oo 3 ffaafi 4ffaakeessatti immoo fardi Siidaa
Dabalee Naafxanyootaan hatamee seenaa keessatti barreeffame akka wabiitti fudhachuun
ergaa barbaadame dabarfatee jira. Adeemsi fayyadama mala dubbii kun immoo tuqsee ta‟uu
isaa ni hubatama.
4.3.2 QaacceessaMalleenDubbiiHabalakaafiGurraGuddisoo/Arbeessuu
Malli dubbii sirboota Haacaaluu keessatti mul‟atu inni biroon habalaka yookiin Saadduufi
(Irony) arbeessuudha. Habalakni akaakuu malleen dubbii keessaa isa tokko yommuu ta‟u;
ergaan isaa karaa hiika faallaa ta‟een kan dhihaatudha.Saaduu hiika isaa abbaa dhaga‟u /
dubbisutu tattaafatee hubata malee ofisaatti ibsa homaatuu hin kennu.(Fedhasaa 2013).
Kanaaf, haalli kun sirboota Haacaaluu keessatti bal‟inaan kan calaqqisuudha. Yaada kanas
sirba isaa qeenxee “Maalan jira” jedhu keessaa fudhachuun yoo ilaallu:
Maalanjira?
Maalanjira?
Maalanjirayagaa
Malan jira?
Caccabseenanyaateejiraa
Ani hinjiruu ani
Ani hin jiruu
Kukkuteetnanyaatetiruu
Walaloo armaan olii kana keessatti yaada dabarsuu barbaade ifatti baasee kan ibsu miti.
Kanaaf dubbisaan yookiin dhaggeeffataan yaada kana hubachuuf, carraaqqii akka taasisu kan
affeerudha. Sababni isaa “Maalan jira?”Maaliif? Akka ta‟e; Caccabsee na nyaatee jira;
eenyutu? Kanneen jedhaman kunneen tattaaffi dhaggeeffataa warra barbadanidha. Ergaa
Haacaaluunmaladubbiikanafayyadamuudhaandhimmootaafihaalayeroosanaakaraaifa
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
44
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
hintaaneen ibsuun ergaa isaa dabarfatee jira. Kunis hojichi miidhagina akka qabaatu taasisee
jira.
Akaakuun malleen dubbii sirboota isaa keessatti mul‟atu inni biroon Gurra guddisoo yookiin
arbeessuu jedhamee beekamudha. Kunis walaloo isaa sirba qeenxee “Jirra, jirraa” jedhu
keessaa fudhannee yoo ilaallu:
Hammeenyiuleemataas
Injiraan ajjeesaa
Hammeenyiuleemataas
Injiraan ajjeesaa
Jirra jirraa jirraa (x3)
Kunoohar‟alleejirraa
….Uumamniseerauumaadabsee
Raajii bara kana raaja kaa
Ergabuqqeendhagaa cabsee…
Sirba armaan olii kana keessatti dhiibbaan ulfaaataa fi cimaa ta‟e tokko jiraachuu isaa
agarsisa. Ergaan darbu dhageettii akka qabaatuuf immoo mala dubbii arbeessuu jedhamu
kanatti dhimma baheera. Kana jechuun namni tokko hammuma fedhuyyuu yoo mataa keessa
dhahame injiraan mataa keessatti hin ajjeesu. Garuu, rakkoon baay‟ee rakkisaafi
suukanneessaa ta‟e jirachuu isaa ibsuuf kallattii kanaan kan dhiheessedha. dhuka lammaffaa
keessatti buqqeen dhagaa cabse jechuunisaa arbeessuudha.
Dabalataan calaqqee mala dubbii gurra guddisoo kan agrsiisu sirba “Maasaa gamaa lafa
hinbaatu” jedhu keessaa kan fudhatame yaada kana ni mirkaneessa.
BiyyaOrmaadhaquunnamahindhibuu
Galuun nama dhibaa
BiyyaofiiyaagaaddisaGarbuu Aduun
nama hin arguu jarana
Walaloo asii olii kana keessatti, dhimmoota lamatu ibsame.Isaanis, biyya ormaafi biyya ofiiti.
Kana keessattis, biyya ofii keessa jiraachuun caalamaa akka qabu agrsiisuudhaaf, “biyya ofii
yaa gaaddisa garbuu, aduun nama hin arguu” jechuun ibsuu isaa hubanna. Kanaaf, garbuun
baala akka hin qabne osoo beekamuu ol kaafamee ibsamee jira. Kunis arbeessuun sirbicha
keessatti hojiirra ooluu isaa agrsiisa.
4.3.3 QaaccessaHaalafayyadamaMalleenDubbiiNameessuufiFakkoommii
Malleen dubbii sirboota Haacaaluu filataman keessatti calaqqisan kan biroon nameessuudha.
Nameessuun mala dubbii hojii ogumaa keessatti calaqqisu yoo ta‟u; waan nama hin taane
amala namaa gonfachisuudhaan kan dhiheessudha. Yaada kana Miller fi Greenberg (1991,
f.66) irratti; “Personification is used inspeech and writing for giving inanimate objects,
abstract concepts or actions, human or near human characteristics‟‟ jechuun ibsa. Kunis malli
dubbii nameessaa dubbiifi barreeffama keessatti kan hojiirra oolu ta‟ee; gocha tokko amala
namaatti fakkeessanii ibsuu akka ta‟e eera. Haaluma kanaan malli dubbii nameessaa sirba
“jirra, jirra” jedhu keessaatti hojiirra oole.
Nanmammaakanamammaaksisaa
Uumamni seeraa uumaa dabsee
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
45
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
Mul’ataaadeeminaanjedhaa
Dukkana dukkanatti ibse
Walaloo kana keessatti uumamni akka namaatti yeroo dubbatu argina.Kana malees, uumamni
akkanamatti yerooajajakennutumul‟ata.Kun immooakkaataafayyadamaafaaniiilaalchisee malli
dubbii nameessa jedhamu kun hojiirra oole ta‟uu isaa agrsiisa. Haaluma walfakkaatuun
walaloo siba “Maasaa gamaa lafa hinbaatu” jedhu keessa nameessuun hojirra ooluu kan
agarsisu.
Caamsaa dhuftan moo Birraa
Yaasawwileekoo,sawwanOborii
Caamsaas,hindhufnuuBirraa(x2)
Hindhufnu kaloo nutti bitaniiKaloo
nutti bitanii
Furdannaan albeedhaan nu fixanii
Maaloo…
maaloo….maaloooJabbilootakooyaajab
ilootaodaajalaa Kan nama nyaatutu nu
keessa jiraa Maaloo…maaloo…maaloo
Walaloo sirbaa kana keessatti yeroo sawwan akka namaatti dubbattuu fi rakkoo irra gahe
himatantu dhihaatee jira. Kana keessatti waanni dhihaate gocha namaati. Gochi namaa kun
immoo fuulleen osoo hin tane kallatti sawwan jedhuun kan ibsamee dha. Kun immoo malli
dubbii nameessa jedhamu kan hojiirra oole ta‟uusaa agarsiisa.
Malleen dubbii Sirboota Haacaaluu keessatti calaqqisan kanneen biroon mallatttoo/
fakkoommiiti.Fakkoomiinmalleendubbiikeessaatokkoyommuuta‟u,waanqabatamaata‟ee ijaan
hinmul‟anne tokko mallaattoo waan mul‟atuun bakka buusuudha. Fakkeenyaaf, „odaa‟ yoo
fudhanne odaan ummata Oromoo biratti gaaddisa araaraa, kan seerri jalatti tumamu ta‟uu
mul‟sa. Haaluma kanaan sirboota Haacaaluu keessatti jechoonni hawaasa Oromoo biratti
yadrimee addaa yookiin fakkoommii addaa qaban ni mul‟atu. Fakkeenyaaf, sirba isaa
“Maasaan gamaa lafa hinbaatu” jedhu keessaa yaada fakkoommii / mallattumaa bifa asiin
gadiin hubachuun nidanda‟ama.
AmbooGubbaa(Yaabaalagoodarreex2)
Wallaggarraan (Yaa baala goodarree x2)
Arsii gubbaa (Yaa baala goodarree x2)
Sololoorran (Yaa baala goodarree x2)
Suma abdiinkoo (Yaa bala Gofareex2)
Teepha lookoo (yaa teepha lookoox2)
Suman yaade (yaa jajjabee koo x2)
Suman yaadee (yaa qeerransoo koo x2)
Walaloo sirbaa kana keessatti jechoonni hawaasa Oromoo biratti mallattumma qabaachuun
beekaman ni mul‟atu.Jechoota akka goofaree, jajjabee, qeerransoo jedhaman mallattumaa
namoota qabsoo Oromoo keessa yeroo dheeraaf bosona keesssatti aduu fi dheebuundararaman
ibsuuf jechoota mallattummaa qabanii dha. Yeroo baay‟ee jechoonni kun mallattumma
waraana Adda Bilisummaa Oromoon kan walqabatuu dha. Egaa Haacaaluunis,
jechootamallattummaakanattifayyadamuunergaaisaadabarfateera.Walumaagalatti
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
46
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
weelluulee Haacaaluu keessatti akkaataan itti fayyadama malleen dubbii, walleen isaa baraan
jiraatoo ta‟anii sammuu namaa keessatti bifa mul‟achuu danda‟aniin kan qindaa‟an ta‟uu
qaaccessi asiin olitti ilaalle ragaa gudddaa dha.
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
47
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
Seqaniisesseeqanii
Kan addaan nu baasan jaraa
Walaloo sirbaa armaan olii kana keessatti akkaataa/haalli bo‟oowwan keessatti mul‟atu
garaagarummaakanqabaniidha.Bo‟ootokkoffaansagalee‘ee’,bo‟oolammaffaanimmoo‘aa’
bo‟oo sadaffan immoo ‘ii’ kanaan kan xumuramee dha. Kana malee, ergaa walaloo kanaa
bo‟oo3ffaafi4ffaabo‟oo1ffaafi2ffaadhimmiergaawalalichaa/sirbichaakanqabanosoohintaane akka
guutuutti kan tajaajilaniidha. Haaluma kanaan teessumni barreeffama walaloo, walaloo/ sirba
tokkoof gumaacha taasisuu keessatti shoora kan qabuu fi haalli kun immoo waloo fi
weellistoota adda addaa biratti garaagarummaa kan qabuu dha. Sirbootni Haacaaluu keessattis
akkaataa dhimmi kun itti calaqqisu qaacceessi armaan olii kun kan mirkaneesseedha.
5. Goolaba
Haacaaluun Weellisaa beekamaa, sirboota isaatiin gurra hawaasa Oromoo biratti dhaggeettii
guddaa qabuu dha. Sirboonni isaa kunis miidhagina addaatiin faayamee akkaataa onnee
dhaggeeffataa keessaa baduu hindandeenyeen kan hawaasa bira gahaa tureedha.Miidhaginaa fi
fudhatamummaa sirboota Haacaluuf wantoota gumaachan keessaa kan qorannoon kun adda
baase akkaataa fayyadama afaaniti.Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalame ruqoolee
fayyadama afaanii keessaa qorannoon kun kan ilaale akkaataa dhamsagoonni / sagaleewwan
dubbifamaafi dubbachiiftuun irradeddeebiin jalqaba, gidduu fi xumurabo‟oowwan walalichaa
keessatti mul‟atan kan agarsiiseedha. Akkataan hojiirra oolmaa bilbila sagalee sirboota isaas
(aa, bb, cc, dd…) fi darbee darbee (abab...) kan keessatti calaqqisan ta‟uun beekameera. Kana
malees,akkaataafayyadamaafaaniikeessaakanqorannookunmul‟isemalleendubbiisirboota isaa
keessatti bal‟inaan mul‟achuu isaati. Haala kanaan, sirboota isaa keessatti malleen dubbii
kanneen akka mitihee, tuqsee, nameessuu, arbeessuu/gurra guddisoo, habalaka/saaduu fi
fakkoommii jedhaman sirboota isaa keessatti kan hojiirra oolanii fi miidhagina sirboota isaaf
gumacha guddaa kan godhan ta‟uu qorannoon kun adda baaseera. Gama biraan immoo
qorannoo kana keessatti haalli teessumma barreeffama walaloo isaa keessatti jechoonni
bo‟oowwan walaloo adda addaa keessatti irradeddeebiin kan dhihaatanii fi bilbilli sagalee
darbee darbee kan walhinsimne ta‟uun bira gahameera. Haalli kun immoo weelluulee adda
addaa keessatti kan mul‟atuu fi ergaa ofii kallattii barbaadneen hiika itti kennuuf kan taajaajilu
akka ta‟e agarsiisa. Gama biraan, immoo sirboonni Haacaaluu Hundeessaa hedduminaan
dhimmoota jiruu fi jireenya Oromoo waliin walqabatan hedduu kaasa. Kanaafuu, ogeeyyiin
dirree qorannoo kanarra jiran qaawwa gama seenaan, eenyummaa fi kkf‟n mul‟atan
haagutaniin yaboo qorannichaati.
Wabiilee
Addunyaa Barkeessaa. (2014). Semmoo: Bu‟uura Barnoota Afaaniifi Afoola
Oromoo Finfinne: Far East Trading PLC.
AwwalSa‟id.(2013).MijuuOgbarruu.DirreeDhawaa
Bakhtin,M.(1981).TheDialogicImagination: FourEssays.Ed.byMHolquist,translatedby
C.Emerson andM.Holquist. Austin,Texas: Universityof Texas Press.
BerhanuMatthewos.(2013).FundamentalsofLiterature.AddisAbaba:PrintedbyAlpha Printers
PLC.
Clark,H. (1996).UsingLanguage. Cambridge:CambridgeUniversityPress.
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
48
GadaaJourna/BarruuleeGadaa Vol.4,No.pp.31-48 April2021
TaaddaseefiMargaa,QaaccessaAkkaataaFayyadamaAfaaniiSirbootaHaacaaluu…
49
View publication
stats